Maaliif Qulliittoo jedhame?

Bara 1888 kan hundoofte Qulliittoon magaalaa  guddoo Godina Halaabaa taatee tajaajilaa jirti. Qulliittoon bara 1888 akka hundeeffamte ragaaleen  adda addaa kan  mul’isu yoo ta’u, Qulliittoon moggaasa kana kan argatte afaan sabichaatiin jecha “Quliyitoo” jedhamurraati. Hiiknisaas “Nan yaade” jechuudha.

Daandiiwwan guguddoo afuriin gara magaalattii seenuun kan danda’amu yoo ta’u, tajaajila ibsaafi bishaanii osoo addaan hincitiin sa’aatii 24:00 guutuu argatti.

Godinni Halaabaa godinaalee 17 Naannoo Ummatoota Kibbaatti argaman keessaa isa tokko. Godinichi Magaalaa Finfinneerraa karaa Shaashamanneetiin kiiloo meetira 315, karaa Waraabeetiin ammoo kiiloo meetira 245 irraatti argama. Magaalaa Hawaasaarraa ammoo kiiloo meetira 90 fagaata.

Godinichi karaa kaabaatiin, Aanaa Miitonaa Saankuraatiin (Godina Silxee), karaa kibbaatiin, Misiraaq Baadawaachootiin (Godina Haadiyyaa), Lixaan ammoo aanaa Qadiidaa, Daanboyaafi Addiloon (Godina Kambaataa Xambaaroo), kaaba lixaatiin Aanaa Shaashaatiin (Godina Hadiyyaa), kaabaa bahaatiin Aanaa Adaamii Tulluu Jidoo Konbolchaa (Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa), kibbaa bahaatiin ammoo aanaa Siiraaroo, Nageelee Arsiifi Shaallaatiin (Godina Arsii Lixaa) daangeffama.

Walumaagalatti baldhinni godinchaa lafa iskuweer kiiloo  meetira 994.70 kan hammatu yoo ta’u, isa keessaa iskuweer kiiloo meetirri 70 hurufa, 27 bu’aa ba’iifi iskuweer kiiloo meetirri sadii tulluudha.

Akkasumas haalli qilleensasaa 71.66n gammoojii, 28.17 badda dareefi 0.17 ammoo baddaa ta’ee ka’umsi lafasaa ammoo galaanaa oliin meetira 1554-2149 yoo ta’u, waggaatti ho’a  seenti gireedii 23-25fi rooba miilii meetira 857-1085 akka argatu ni tilmaamama.

Godinichi aanaalee sadii, gandoota baadiyyaa 79, bulchiinsa magaalaa tokkoofi kutaalee magaalaa lamaa, gandoota magaalaa shan, walumaagalatti gandoota 84fi bulchiinsa magaalaa (mana qopheessaa) gandoota magaalaa guddatoota baadiyyaarraa caaseffameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *