Walakkaa waggaatti carraa hojii miiliyoona walakkaa, Oromiyaatti

Finfinnee: Hojitu hojjetaa dhabeefi hojjetaatu hojii dhabeen adda ba’uu baatus, lammiileen hedduu hojii dhabuun qalbii fudhatee ajandaa mootummaafi ummataa ta’eera.

Waggaa waggaan inni eebbifamuufi inni mootummaan qacaruu danda’u walsimuu dhabuudhaan yeroo ammaa hoji dhabeeyyiin baratan akka baay’ataniif sababa ta’eera. Bakka humni barataafi umrii dargaggummaa keessa jiru hojii dhabetti immoo nageenyiifi tasgabbiin biyyaa gaaffii keessa galuun waan ooluu miti.

Dargaggoota carraan hojii hinuumaminiif akka biyyaatti jiran keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu Oromiyaan, seektarota hunda keessatti dhimmi carraa hojii uumuu xiyyeeffannaa argachuu akka qabu gaafatamaa tureera.

Kutannoo hoggansi damee hundaa fudhateenis ji’oottan ja’an darbanitti carraan hojii miiliyoona walakkaa ta’u dargaggoota naannichaatiif uumamuusaa sadarkaa Ittaantuu Pirezdaantiitti Walittiqabduun Kilaastara Magaalaa Aadde Caaltuu Saanii ni dubbatu.

Barana xiyyeeffannoon dargaggoota keessattu eebbifamtoota dhaabbilee barnoota olaanoo gara hojiitti galchuuf kennameen bu’aan argame olaanaa ta’us hamma uumamuu maluun garuu carraan hojii uumame quubsaa akka hin taane, raawwii karoora kurmaana 2fa hojii biirolee naannichaa irratti ibsaniiru.

Hojiiwwan barana hoji dhabeeyyiif uumaman akka yaadametti galma akka hingeenyeef wantoota danqaa ta’an keessaa inni tokko hanqina liqii ta’uu kan himan Aadde Caaltuun, dhimmi kun immoo yeroo ittaanutti furamee akka sirratuuf kutannoon kan hordofamu ta’uu dubbatu.

Miirri ittigaafatamummaa akka uumamuufi qaamni hojii laakka’amee itti kenname guutee hinargamne adabuun murteessaa ta’uu hubachiisu.

Carraa hojii uumame keessaa immoo kumni 330 kan ta’u carraa hojii dhaabbii ta’uun immoo waan jajjabeessaa akka ta’e himu.

Bakka liqiin baadiyyaa hin seenetti rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa furuun kan ulfaatu ta’uu kan himan immoo Pirezdaantii Ittaanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,  dhimma kana furuuf dhaabbileen faayinaansii gara baadiyyaatti seenuudhaan dargaggootaafi ummata baadiyyaatiif liqii akka mijaassan gochuun barbaachisaa ta’uu ibsu.

“Yeroon gamoo magaalaatiin liqii kennanii, lafaafi mana baadiyyaatiif immoo dhoorkatan darbeera” kan jedhan pirezdaantii ittaanichi, keessattuu kaardiin magariisni qonnaan bulaa liqii kamiifuu akka tajaajiluuf hojjatamaa jiraachuu himu.

Barana naannichatti carraa hojii dargaggootaatiif liqiin miiliyoona 800 kennamuunsaa ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

5 Comments to “Walakkaa waggaatti carraa hojii miiliyoona walakkaa, Oromiyaatti”

  1. Pingback: lottovip
  2. Pingback: more

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *