Mana Barumsaa Sadarkaa 2fa Ifa Salaalee:Badhaasa Waajjira Giifti Duree

Manni Barumsaa Ifa Salaalee Sadarkaa 2fa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Waacaalee, Ganda Bosoqqee Jaatiitti kan argamu yoo ta’u, deggarsa Waajjira Giiftii Dureetiin yeroo gabaabaa keessatti ijaaramee xumuramuun torban darban kana keessa eebbifameera.

Manni barumsichaa achitti ijaaramuun rakkoolee harcaatii barattootaa, barumsa addaan kutuu barattootaa hir’isuurra darbee qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu barattootni, barsiisonniifi maatiin barattootaa sirna eebba mana barumsaarratti ibsaniiru.

Aadde Maammitee Hundee jiraattuu Ganda Bosoqqee Jaatii yoo ta’an, utuu manni barumsichaa achitti hinijaaramin geejjibaaf guyyaatti qarshii 40 baasuudhaan mana barumsaa sadarkaa 2fa Magaalaa Muka Xuurriitti argamutti barsiisaa akka turan himu. Manni barumsaa kun naannawa kanatti erga ijaaramee hojii baruu barsiisuu jalqabee as baasiin geejjibaa ijoollee kootiif baasaa ture narraa hir’iseera; ijoollee kiyyas karaa dheeraa deemanii barachuurraa baraareera jedhu.

Manni barumsichaa naannawichatti ijaaramuun keessumaa rakkoon barattoota shamarranii mudachaa ture fureera kan jedhan Aadde Maammiteen, akkasumas maatiifi barattootaaf haala mijataa uumuusaa dubbatu. Warra mana barumsichaa isaaniif ijaares galateeffachuun umurii dheeraa hawwaniiruuf.

Mana barumsichaatti barattuu kutaa 9fa kan taate barattuu Firehiwat Kifilee akka jettutti, manni barumsichaa naannawichatti utuu ijaaramuu baatee mana barumsaa sadarkaa 2fa Magaalaa Muka Xuuriitti argamutti barachuufan dirqama jetti. Manni barumsaa kun asitti ijaaramuunsaa keessumaa barattoota shamarraniitiif bu’aa olaanaa kan qabu ta’uu himti.

Barattootni dhiiraa yeroo boqonnaasaanii waantota tokko tokko hojjetanii qarshii geejjibaaf isaan gargaaru argachuu akka dandeesse kan jettu barattuun tun, barattootni shamarranii garuu mana keessa waan hojjetaniif yoo maatiinsaanii qarshii geejjibaa isaaniif kennuu baatan miilaan karaa dheeraa deemanii barachuuf dirqamaa turuu eerti.

Kunis yeroon barumsaa akka isaanitti barfatu taasisuudhaan barumsa gahaa akka hin arganneefi sababa kanaan barattootni shamarranii barumsasaanii addaan kutan danuudha jetti barattuu Firehiwat.

Mana barumsichaatti barattuu kutaa 9fa kan taate Iyerus Darajjee akka jettutti, utuu manni barumsichaa naannawichatti ijaaramuu baatee guyyaatti dhaqaafi gala miilaan sa’atii sadii deemeen mana barumsaa sadarkaa 2fa Muka Xuuriitti argamuttin baradhan ture. Manni barumsichaa naannawa kanatti ijaaramuusaatiin garuu maatii kyya bira taa’ee akkan baradhuuf carraa naaf uumeera. Man barumsaa koos yeroon akkan qaqqabuufi barumsa kiyyas sirriitti akkan hordofu na taasiseera jetti.

Manni barumsaa kun haaraa ta’uusaatiin walqabatee manneen kitaabaa, meeshaaleen laaboraatooriifi ‘ICT’ sirriitti guutamuu akka qaban kan gaafattee barattuun kun, manni barumsichaa sarara ibsaa waan hinqabneef barumsa ‘ICT’ kompitaraan deggerame argachaa kan hinjirre ta’uu dubbatteeti.

Mana barumsichaatti barataa kutaa 9fa kan ta’e Wandiwasan Asaffaa akka jedhutti, utuu manni barumsichaa achitti ijaaramuu baatee mana barumsaa sadarkaa 2fa Muka Xuuriitti mana kireeffadhee barachuufan dirqama. Manni Barumsaa Sadarkaa 2fa Ifa Salaalee naannawa kanatti ijaaramuusaatiin maatii koo bira taa’ee barachuuf carraa argadheera.

Manni barumsichaa qulqullina sadarkaa isaa

 eeggateen waan ijaarameef barattoota illee daran hawwata ta’uu himee, warra mana barumsichaa ijaaranis galateeffateera.

Dargaggoo Habtaamuu Siyyum jiraataa Godina Shawaa Kaabaa, Aaanaa Waacaalee Magaalaa Muka Xuurii yoo ta’u, manni barumsichaa gaaffii baroota dheeraaf hawaasni kaasaa ture deebiseera. Barattootni gandoota aanichaa keessa jiran hedduun dhiyeenyatti mana barumsaa akka argatan taasiseera.

Manni barumsichaa pirojektiiwwan aanichatti hojjetamaa turaniifi jiran keessaa yeroo gabaabaa ji’a ja’a hincaalle keessatti xumuramee tajaajilaaf kan oole pirojektii raawwiinsaa akka fakkeenya gaariitti eeramu ta’uu dubbata.

Barattootni aanichaa utuu manni barumsaa sadarkaa 2fa Ifa Salaalee hinijaaramin dura mana barumsaa sadarkaa 2fa magaalaa Muka Xuuriitti kutaa tokko keessa barattoota 80 hanga 90 ta’anii barachaa turan kan jedhu dargaggoon kun, manni barumsichaa ijaaramuun barattootni dhiyeenyatti akka baratan taasisuufi qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessattillee gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu dubbata.

Kanaan dura barattootni maatiinsaanii harka qal’eeyyii ta’an hedduun Magaalaa Muka Xuuriitti mana kireeffatanii barachuu waan hindandeenyeef barumsasaanii addaan kutuuf dirqamaa turan kan jedhu dargaggoon kun, mana barumsaa haaraan ijaarame kun rakkoolee kunneen furuun barattootni maatiisaanii bira taa’anii akka barataniif carraa gaarii uumeera jedha.

Qindeessituu ittaantuu mana barumsichaa, barsiistuu Sannaayit Katamaa akka jedhanitti, ijaaramuun mana barumsichaa rakkoolee hedduu barattootaafi maatii barattootaarra gahaa ture fureera. Hanqinaalee meeshaalee barnootaa, kitaabaa, ogeessota fayyaa kilinika mana barumsichaa furuufis hojjetamaa jira. Manni barumsichaa kutaa ‘ICT’fi kompitaroota kan qabu ta’us sarara ibsaa waan hinqabneef barumsi ‘ICT’ kompitaraan deggeramee kennamaa hinjiru. Rakkoo kana semistara lammaffaatti furuuf hojjetamaa jira jedhu.

Manni barumsaa qulqullina sadarkaasaa eeggateen ijaarame kun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessattillee gahee olaanaa qaba kan jedhan barsiistuun tun, manni barumsichaa lakkoofsa barattoota mana barumsaa sdarkaa 2fa gara magaalaa Muka Xuurii dhaqanii hir’isuudhaan baay’ina barataa kutaa tokko keessa taa’ee baratuu akka hir’atu taasisuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Manni barumsichaa kutaa tokko keessatti barattoota 40 simatee barsiisaa jira kan jedhan barsiistuu Sannaayit, barsiisaanis barattootasaa sirriitti akka hordofuufi dandeettiisaanii hubatee kanneen barumsasaaniitti laafan barumsa titooriyaalii akka kennuuf kan gargaaru ta’uu himu.

Keessumaa barattootni shamarranii barumsa sadarkaa 2fa addaan kutuuf dirqamaa turan hedduudha. Kanneen maatiinsaanii harka qal’eeyyii ta’an magaalaatti mana kireeffatanii barumsasaanii ittifufuu waan hindandeenyeef barumsasaanii addaan kutuuf dirqamaa turan.

Ittigaafatamaan Bulchaa Waajjira Godina Shawaa Kaabaa Obbo Gaashaa Akililuu akka jedhanitti, barumsi guddina biyya tokkoo si’eessuu keessatti meeshaa olaanaa waan ta’eef biyyattiin qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti fuulleffattee hojjechaa jirti. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf naannawaa barnootaa mijataa taasisuufi meeshaalee barnootaa guutuun daran murteessaadha. Giifti duree Zinnaasha Taayyaachoos kana hubachuudhaan kutaalee biyyattii gara garaa keessatti manneen barnootaa sadarklaa 2fa ijaaraafi meeshaalee barnootaa guutaa jiraachuu eeraniiru.

Hoogganaa Ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Asaffaa akka jedhanitti, guddinaafi badhaadhina biyya tokkoo kan mirkaneessu barnoota. kanaafuu lammii barateefi sammuudhaan biyyattii ceesisuu danda’u horachuuf qulqullina barnootaa mirkaneessuufi manneen barnootaa qaqqabamaa taasisuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Giifti Duree Zinaash Taayaachoos, “Barachuun waan guddaadha. Namni yoo barateedha biyya geggeessuu, maatiifi nama biraa gargaaruu kan danda’u. Kanaafuu barattootni barumsa isaaniitiif yeroo kennanii barumsa isaanii qofa irratti xiyyeeffatanii barachuu qabu” jedhan.

Manni barumsichaa qarshii miliyoona 13.8n kan ijaarame yoo ta’u, dhagaan bu’uuraasaa Caamsaa 3 bara 2011 kaa’amuun Fulbaana bara 2012tti hojii baruu barsiisuu kan jalqabe.

Mana barumsichaa qulqullina sadarkaa isaa eegeen kan ijaarame yoo ta’u, kutaalee barnootaa 16, kutaa ogummaa harkaa, mana kitaabaa, galma, gamoo bulchiinsaa tokko tokko, kutaalee laaboraatoorii afur, kaaffee tokkofi mana fincaanii lama qaba. Manni barumsichaa waliigalaan barattoota 800 simatee barsiisuu danda’a.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

4 Comments to “Mana Barumsaa Sadarkaa 2fa Ifa Salaalee:Badhaasa Waajjira Giifti Duree”

  1. Pingback: official website

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *