Finfinnee: Komiiwwan adda addaa kenniinsa tajaajila abba seerummaarratti kanaan dura abbootii dhimmaan dhiyaataa turan si’ana maal akka fakkaatu hubachuuf Kamisa darbe gara mooraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti gorree turre.
Achittis dursinee abbaa dhimmaa Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Qarsaa Maallimaarraa dhufan arganne. Maanguddoo ganna 65, Obbo Bacharee Mangistuu jedhaman kana otoo isaan murtee kennameef gaaddisa jala taa’anii dubbisaa jiranii haalli kenniinsa tajaajilaa maal akka fakkaatu gaafanne.
Isaanis waldhabdee qabeenyarratti isaaniifi haadha warraasaanii jidduutti uumameen itti murtoofnaan oliyyannaaf gara Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhufuu nutti himuun haalli keessummeessaa isaan muudate kan duraarra fooyya’aa ta’us ammallee si’aayinarratti hanqinni jiraachuu eeru. Akka durii nama ifannaan, galmeen badeefaa jedhamuun akka hinjirres ni dubbatu.
Obbo Camadaa Shifarraa ammoo Shawaa Lixaa, Aanaa Baakkoorraa dhufan. Qabeenya hattuudhaan jalaa samameen walqabateeti kan dhufan. “Dhimmi koo sadarkaa dakaatti xumuramuu utuu danda’utu as na fide. Asittis dhimma koo gadifageessanii ilaaluu dhabuurraa kan ka’e dhamaatiif saaxilameera”.
“Gocha manni murtii dakaa narratti raawwateen miidhamaan jira. Aanicharraa gochi durii ni dubbifama. Sadarkaa mana murtii olaanaattis ta’e waliigalaatti dhimma abbaa dhimmaa gadifageessanii xiinxaluurratti hanqinni jira. Amma akka durii ifatamuun hinjiru. Mirgi namaas ni eegama, haalli keessummeessaas fooyya’eera” jedhu.
Ittifufuunis haalli simannaafi keessummeessaa asitti mul’ate hanga sadarkaa dakaatti otoo gadi bu’ee gaarii ta’uufi dhimma qarshii kuma 15tti tilmaamu qabatanii mana murtii waliigalaatti ol iyyannaaf dhufuu nutti himan.
Abukaatoon sadarkaa federaalaafi Oromiyaatti abukaatummaan tajaajilaa jiran Obbo Galataa Tasammaa haala kenniinsa tajaajila abbaa seerummaarratti yaada nuu kennaniin, kenniinsi tajaajila abbaa seerummaa tajaajila haqaa wajjin kan walqabatuudha jedhanii, haqni yeroo, qulqullinaafi ga’umsaan kennamuu akka qabuufi gama kanaan yeroowwan darbanirra jijjiramoonni jiraachuu eeru.
“Duraan galmeewwan muraasaaf guyyaa guutuu as oolaa turre. Amman tana yarsuuf abbootii seeraa dabalanii hojii qoqqoodamee si’aayinaan akka hojjetamu taasisaa jiru. Kun ammoo yeroo abbaa dhimmaa qusachuurratti qooda guddaa qaba. Qulqullinni murtii kennamuu maal akka fakkaatu kan murteessu filannaa abbootii seeraafi ga’umsasaaniiti.” jedhan.
Waanti mana murtii dhufu waantota lama of keessaa qaba; injifachuufi injifatamuu. Inni injifatame waanin ragaa guutamaa dhabeef injifatame hinjedhu. Kanarra abbaa seeraatu na miidhefaa jechuun komata jechuunis ibsu.
Walumaagalatti kallattii maamilaatiin yoo ilaalame kan duriirra amma jijjiramni akka jiruufi humni namaa waan dabalameefis beellamni kennamu daran gabaabbachaa jiraachuus himaniiru.
Hojiin seeraa hojii ittifufiinsaan hojjetamu waan ta’eef ga’umsa abbootii seeraa yeroo yeroodhaan leenjii hojiirraafaa kennuun mirkaneessuu barbaachisa kan jedhan Obbo Galataan, seerota addunyaafi naannoos yeroo yeroodhaan walsimsiisaa deemuun gaarii akka ta’es ni dubbatu.
Manni murtii tajaajilasaa sirriitti lafa qabsiisuuf abbaa dhimmaa mariisiisuu akka dirqamaatti fudhatee itti deemuu qaba jedhanii, manneen murtii federaalaa gama hundaan of ga’oomsaa waan jiraniif muuxannoosaaniis as fiduun barbaachisaa ta’uu himaniiru. Manneen murtii federaalaatti yeroon galmee saaquuf fudhatu daran gabaabaa ta’uus eeranii, kan Oromiyaatti ammaan tana yeroo dheeraa fudhataa kan jiru galmee saaquudha jedhaniiru.
Waggoota shaniif abukaatummaan kan tajaajilan Obbo Galataan, manneen murtii federaalaatti tekolojiinis sirnaan tajaajilarra oolaa jiraachuu eeranii, si’aayina kenniinsa tajaajilaa dabaluuf akkuma kan warra federaalaa foddawwan tajaajilli itti kennamu baay’isuunis barbaachisaadha jedhan.
Tajaajila abbaa seerummaa haala barbaadamuun kennuuf abbootiii seeraa hojicharratti bobba’aniif waantota barbaachisoo guutuun murteessaa ta’uufi abbootiin seeraa federaalaa akkuma ittigaafatamaa waajjira tokkootti konkolaataan ramadameefii ittiin deddeebi’u waan qabuuf kun abbootii seeraa naannoofis guutamuu qaba jedhan.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti daarektarri Dhimmoota Kominikeeshinii Obbo Gonfaa Atoomaa akka jedhanitti, akka waliigalaatti kenniinsi tajaajilaa abbaa seerummaa kanaan dura haalaan rakkoo qabaachaa kan tureefi qaqqabamaa hinturre.
Adeemsichi ummata tajaajilamurraa kan fagaate ta’uufi aangoon gara gubbaatti kuufamuun yeroowwan addaddaatti ka’aa tureera. Naamusaan, dandeettii raawwachiisummaafi kkfn walqabatee hanqinni akka tures eeraniiru.
Hanqinoota kanneen sirreessuufis labsiin fooyya’ee manni murtii aanaa qabeenya socho’u hanga miliyoona tokkoo, kan hinsochone immoo hanga miliyoona sadii akka ilaalan taasifamuu eeran.
Kunis dhimmoota utuu aanaatti dhumuu danda’anii gara mana murtii waliigalaa dhufaa turan, abbaan dhimmaa utuu deddeebiif hinsaaxilamiin naannawaadhumasaatti dhimmasaa akka ilaallatu gargaareera jedhanii, dhimmi barana mana murtiitti dhihaate kan bara darbee %80 turerraa gara %85tti guddachuu eeran.
Qulqullina tajaajilaatiin walqabates, hojiin hojjetamaa ture mana murtii olaanaas ta’u waliigalaatti abbaa seeraa tokkoon raawwatamu ture. Amma inni hafee mana murtii olaanaarratti dhimmi hunduu abbaa seeraa sadiin akka ilaalamu taasifameera jedhan.
Mana murtii sanaarrattis tilmaamni qabeenya yoo qarshii kuma 300 ol ta’e abbootii seeraa sadiin ilaalama. Akkasumas dhimma yakkaatiin walqabatee adabbiinsaa waggaa 10 ol kan adabsiisu yoo ta’e, abbootii seeraa sadiin dhimmi moggaafamee hojjetamaa jira jechuun ibsan. Tajaajila ergaa gabaabaa dabalatee ittifayyadamni teknolojiis hojiirra oolaa jiraachuu himaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012
10 Comments to “Tajaajila abbaa seerummaarratti maamiltoonni maal jedhu?”