Jimmaa: Ragaa galmee odeeffannoo dhukkubsataa argachuuf sakatta’insi faayilaafi kaardii buufata fayyaatiif hudhaa nuffisiisaadha. Haalichi tajaajila fayyaa qulqullinaafi si’aayina qabu hinkennamne gochuun madda komii ta’aa tureera.
Yunivarsiitiin Jimmaa argannoo teknokojii rakkoo kanaaf furmaatan ta’u kalaqeera. Kanaanis yunivarsitichi ashaaraa qubaa ragaa guutuu yaalamaa dubbisu hojiirra oolchuuf qopheessuusaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf Roobii darbe kenneen beeksiseera.
Yunivarsiitii Jimmaatti Barsiisaa Muummee Teknolojii Elektirikaaliifi Kompiitaraa Barsiisaa Gaaddisaa Waaqgaarii akka jedhanitti, dadhabbiin ragaa kaardii barbaachaaf taasifamu hafuuf jedha.
Argannoo isaaniifi hiriyootasaaniin kalaqame kanaan dhukkubsataan yaaliif deemu kamuu ashaaraa qubasaarraa odeeffannoo guutuun akka argamu himaniiru. Kanaan dura dhukkubsataan wayita mana yaalaa deemu kaardii odeeffannoosaa baatu argachuuf dadhabsiisaa ta’uun walqabatee tajaajila si’ataa dhabuun komii bal’inaan ka’aa tureef furmaata ta’uus ibsaniiru.
Dhukkubsataan ashaaraa qubaa al tokko kennuun odeeffannoonsaa galmaa’ee taa’a kan jedhan barsiisichi, yeroo fedhetti yaalaaf yoo deeme odeeffannoo qubasaatiin tajaajilicha argata. Teknolojiin kun hojii ogeeyyota fayyaafi yaalamaa daran salphisas jedhaniiru.
Argannoon kun torbee muraasa booda hospitaalaafi dhaabbilee fayyaa Magaalaa Jimmaa keessatti akka hojiirra ooluus eeranii, teknolojichi dabalataanis yaalamtoonni guyyaa beellamasaanii akka hinirraanfanne kan gargaaru ta’uullee dubbataniiru. Kunis karaa ergaa gabaabaatiin yaadachiisuun tajaajilarra oola jedhaniiru.
Gahumsa ogeeyyonni fayyaa teknolojii kanarratti qaban akka cimuufis ijaarsi dandeettii kennamaa jiraachuu Barsiisaa Gaaddisaan himanii, mojuliin hubannoo teknolojicha cimsuus qophaa’uu beeksisaniiru.
Odeeffannoon ashaaraa qubaa kun ogeessonni fayyaa karaa salphaa ta’een dhibamaa ogeessi biraa yaaluu jalqabe ragaa qubasaarraa argataniin akka yaaluu dandahan isaan gargaaras jedhaniiru.
Argannoon kun hojii tola ooltummaa barsiisonni muummee teknolojii elektirikaaliifi kompiitara taasisaniin kan kalaqame ta’uus ibsaniiru.
Bu’aan teknolojiin haaraa kun sosochii jajjabeeffamuu qabuufi irraa baratamuu qabu akka ta’e kan himanimmoo Hogganaa Tajaajila Hawaasaa Yunivarsiitii Jimmaa Doktar Guddinaa Tarrafaati.
Akka isaann jedhanitti, yunivarsiitichi ejjennoo hawaasa keessa jirra ejjennoo jedhuun tajaajila hawaasaa hedduu kennaa jira. Kanneen keessaas argannoon teknolojii ashaaraa qubaa dadhabbii salphisu kun isa tokko. Sosochiifi jalqabbiin kun irraa akka baratamuufis deeggarsa barbaachisaa kan taasisan ta’uu kaasaniiru.
Yunivarsiitiin Jimmaa kalaqawwan teknolojii gara garaatiin hawaasa godinichaa tajaajilaa jiraachuus dubbataniiru. Keessumaa hojidhabdummaa salphisuu, qonna ammayyaa babal’isuu, horsiisa qurxummiifi lukkuufa’iin dargaggootatti abdii horaa jiraachuu kaasaniiru. Sochiin gama kanaan taasifamaa jiruun bu’aa barsiisonniifi hawaasni yunivarsiitichaa tajaajila hawaasaaf argamsiisaa jiran kan jajjabeeffamudha jedhaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
10 Comments to “Tajaajlli ashaaraa qubaa dadhabbii dhukkubsataa salphisu hojiirra ooluufi”