Finfinnee: Ayyaanonni Kataraafi Cuuphaa boruufi iftaan kabajaman nagaan akka geggeeffamaniif poolisiin hojiitti seenuusaa Komishiniin Poolisii Finfinnee beeksise. Hawaasni walta’iinsasaa barame akka gumaachus gaafate.
Komishinarri ittaanaan komishinichaa Zalaalam Mangistee qophii poolisiin taasisaa ture ilaalchisuun ibsa kennaniin, hariiroo cimaa ummataafi qaamolee nageenyaa wajjin jiruun ayyaanonni amantiifi ummataa nagaadhaan kabajamuu eeraniiru.
Waggaa tokkoofi walakkaa darbetti Finfinneetti qophiileen adda addaa kuma tokkoofi 800 ol rakkoo nageenyaa tokko malee geggeeffamuusaaniis beeksisaniiru.
Ayyaanni cuuphaa baranaa nagaadhaan akka kabajamuufis komishinichi karoora baafachuun qaamolee nageenyaa kuun wajjin kutaalee magaalaa kurnanittuu waltajjii qopheessee hawaasaafi dhimmamtoota wajjin mari’achuusaa ibsaniiru.
Hawaasichi tajaajila poolisii argachuuf lakkoofsota bilbila tolaa 011-1-11-01-11; 011-5-52-63-03, 011-5-52-40-77 ykn 011-5-52-63-02, 991,987 fayyadamuun akka danda’ums komishinichi eereera.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
4 Comments to “Poolisiin nageenya ayyaana cuuphaa mirkaneessuuf hojiitti seene”