Naa’ol Dhaabaa: Saayintistii diroonii qonnaa hojjetaa jiru

Gaazexaan Bariisaa fuula kanaratti keessummoota adda addaa afeerrattee dubbistootaaf dhiyeessaa jiraachuun ni yaadatama. Maxxansa kanaanis gaafdeebii dargaggoo damee teknolojiitiin biyyasaa jijjiiruuf of kenneefi dhimmamee hojjetaa jiru wajjin taasisne isin dubbisiisna.

Bariisaa: Wal haa barruutii eenyurraa, yoom, eessatti dhalatte?

Naa’ol: Naa’ol Dhaabaan jedhama. Abbaa koo Obbo Dhaabaa Dabalee (hogganaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa)fi haadha koo Aadde Warqinash Birruu (Daayirektara Ejensii Bulchiinsa Fandii Beenyaa Federaalaa) irraan bara 1989 Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Amboottin dhaladhe.

Bariisaa: Barumsa eessatti jalqabde?

Naa’ol: Barumsa kanin jalqabe bakkuma dhaloota koo, Magaalaa Ambootti. Sana booda Finfinnee dhufeen Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa ‘Hiil Saayid’ jedhamutti kutaa 1fa hanga 4fatti baradhee, kutaa 5fadhaa hanga 9fatti ammoo Mana Barumsaa Andinnat Intarnaashinaal jedhamuttin hordofe. Kutaa 10fatti iskoolaarshiippii argadhee gara Ameerikaatti qajeele. Ameerikaatti mana barumsaa bulmaataatti ofumaa nyaata qopheeffachaafi hojjechaan baradhe.

Bariisaa: Iskoolaarshiippii kana eenyutu sii mijeesse ykn akkamitti argatte?

Naa’ol: Iskoolaarshiippiicha qabxiin barumsa koorratti galmeessiseefi pirojektota adda addaa qopheessaa tureenin argadhe. Otoon kutaa 4fa barachaa jiruu dinnichaafi fuduraalee biroorraa akkamitti elektirikii maddisiisuun akka danda’amu kalaquuf irra deddeebiin yaalaan ture. Kalaqichi ammoo dorgommiif kan dhiyaatu ture.

Uumamuma kootiin waanin mo’atamuu hinjaalanneef ganamaan ka’ee dhagaa baatirii qabadhee bakka dorgommichaa deeme. Dinnicha karaa jalaa suuta jedhee akka hinmul’annetti baqaqsee (muree) dhagaa baatirii keessa kaa’ee oggaan walqunnamsiisee yaalu ni ife.

Dorgomsiistonni oggaa kana argan daran ajaa’ibsiifatan. Akkamitti haala kanaan ifa jedhaniis waan jedhan dhaban. Dorgommicha kan qopheesse Mana Barumsaa Andinnat Intarnaashinaali. Kan badhaafames waan dinnichi sun ifa kenneef otoo hintaane tooftaan itti fayyadameeni.

Yeroo sana hawaasni mana barumsaa mucaa dinnicha ibsu jechuun na waamaa turan. Egaa pirojektota akkanaarratti daran hirmaachaan ture. Keessoo mi’aa gondolchuufi caccabsuu, banee deebisee warshaaluun jaaladha. Ani sirumayyuu ennaan mi’a wayii argadhe ittiin taphachuurra banuusaan jaaladha. Kanaaf waanin ittiin taphadhu oggaa naa bitan akkan banu beekanii naa bitu.

Bariisaa: Ameerikaa deemtee maalirratti bobbateree? Umriin kee hoo meeqa ture?

Naa’ol: Yeroon Ameerikaa deemu mucaa waggaa 15n ture. Ameerikaattis hojiilee kalaqaa danuun hojjedhe. Qofaa koo waanin ta’eef of danda’uun qaba jedheen tattaafachaa ture. Hojiilee tola ooltummaa adda addaarrattis hirmaachaan ture. Kushiinaa keessatti nyaata bilcheessuu, mana qulqulleessuu, hojiilee qonnaafaarrattis hirmaachaan ture.

Kanaanis kaampaasiitti beekamaan dhufe. Waggaa tokkoofi walakkaatti hojii tola ooltummaa sa’aatiiwwan 100 kennamu qabu ani darbaa hojjedhee kuma tokko guute. Sa’aatiiwwan kanneen kuufaachuuf akkuman dareedhaa baheen waan tokko hojjetaan jira jechuudha. Otoon hojii tola ooltummaa sana hojjechuu baadhee amalli koo baduu danda’a ture. Fedhiifi kaka’umsi  hojiis ta’e waa kalaquu keessa kootti hinuumamu ture. Kaka’umsan waa hojjechuurratti qabu dabalachuufan hojiilee tola ooltummaarratti hirmaachaa ture.

Bariisaa: Miirri akkanaa keessoo keetti akka uumamu kan si taasise maalinni?

Naa’ol: Kanaaf waanti ijoofi bu’uurri haala maatiin koo itti na guddiseedha.

Bariisaa: Ati maatii keetiif ilma meeqaffaadha?

Naa’ol: Ilma lammaffaadha. Obboleettota hangafa tokkoofi quxisuu sadiin qaba.

Bariisaa: Maatiin koo ana har’aa keessatti iddoo qabu jetteettaa amala namaa (maatii) akkamiin ibsita mee?

Naa’ol: Amalli namaa (maatii) waantota lamaan dhiibbaa qabaata. Kanneen keessaa tokko uumama. Lammaffaa ammoo naannawa. Uumamaan bifa koofi kkf nan argadha. Kanarratti yaada homaa kennuu hindanda’u. Garuu akka naannawaatti maatiin, manni barumsaafi hiriyoonnifaa waan jiraniif kunniin hundi amala namaa keessatti waan gumaachaan qabu.

Haala kanaan abbaafi haadha keerraa maal baratte yoo naan jette of kennanii ummata tajaajiluudha. Isaan takkaa ummata tajaajiluurraa duubatti jedhanii hinbeekan. Yeroo hunda ummataaf dhama’uun keessoosaaniitti bocameera. Kanarraa ka’uun keessa kootti yaadni, “Anoo ummata kootiif” jedhu uumamuu danda’e.

Bariisaa: Kana yoom hubatte, gara waa kalaquutti akka seentuuf maaltu ka’umsa sii ta’e?

Naa’ol: Ani yeroof hinbeekne ture. Garuu keessoo kootti bocamee taa’ee tureera. Ani hiriyaa horachuurratti baay’een of qusadha. Hiriyaa nan filadha. Hiriyoota hinbaay’isu. Eessaafi eenyu wajjin akkan oolu nan filadha. Hojiis haaluma kanaanin eegale. Maddi kaka’umsa kootis kanuma.

Bariisaa: Oggaa Ameerikaa, Misisippiittii barataa turte waanti si mudate hinjiruu?

Naa’ol: Jira malee. Yeroon kutaa 12farraa eebbifamuf jedhu manumti barumsaa koo na waamee sababa maallaqni ispoonsarshiippii waan garasaatti hindabarreef akkan eebbifamuu hindandeenye natti hime. Yeroo jedhametti hineebbifamu taanaan ammoo waggaa tokkoofin tura. Kanarraa ka’uun oggaan kana dhagahu baay’ee nahe.

Otuman kanaan jiruu manni barumsichaa isan barachaa hojjedhu sa’aatiidhaan lakkaa’aa turan. Kanarraa ka’uunis ispoonsarootaaf kun eeramee xalayaan barreeffame. “Maallaqicha ofuma keessaniif hambifadhaa, nutuu isa dandeenyeerraa jedhee” mannumti barumsichaa na danda’ee eebbifamee ba’e.

Bariisaa: Tattaaffii kee kana barattoonni kaan beekuu?

Naa’ol: Eeyyee. Hojiin koo dargaggoota birootiif fakkeenyummaan eeramaa ture. Manni barumsaa itti baradhe faalasama HHH (head, hand, heart) ykn ‘Sammuutti fayyadamuu, harkaan onneerraa hojjechuu’ jedhamu qaba. Yeroo eebbaatti oggaa barattoonni kuun gaddaa daarektaricha biraa bahan ani gammachuudhaanin utaale. Kun bu’aa tattaaffii koofi hojii tola ooltummaa irratti  bobba’e waan ta’eefis guddaan gammadde.

Bariisaa: Eddii eebbifamte garas deemtee maalirrati bobbaateree?

Naa’ol: Ittaansee Misiisippiirraa gara Siyaatil deemeen Fiiziksii baradhe. Achittis pirojektota adda addaarratti hirmaachuu ittin fufe. Hojii rookkeettiifi saatalaayitiifaarratti qooda fudhachaan ture. Umriin koo waan dabaleef Siyaatilitti hojii tola ooltummaa hojjechuu hindandeenye.

Kanaaf waan maallaqa argamsiisu hojjedhee of danda’uu akkan qabu yaade. Boordii yunivarsiitii kan muudu kantiibaa Magaalaa Waashingitan waan ta’eef isa biratti iyyata galfadhee achi keessa waggaa tokkoof hojjedhe. Laayibirarii guddaa tokko keessa hojjechuufis iyyadhee isas argadhe. Kana maddiitti barumsa koos baradhee digrii jalqabaa fudhadhe.

Bariisaa: Digrii kee lammaffaa hoo eessatti, maal baratte?

Naa’ol: Barumsa digrii lammataa ittifufuuf gara Chikaagootti qajeelee Ikkonomiksiidhaan fixe. Otuman dachaadhaan hojjechaa baradhuu umriin koo waggaa 22 guute.

Bariisaa: Yoom gara biyyaatti dhufte, warri kaanoo eddii dulloomanii deebi’uu ati umrii dargaggummaa kanatti akkamitti gara biyyaatti deebi’uuf murteessite?

Naa’ol: Eddii mootummaan jijjiirameen dhufe. Sana dura maatiin akkan  dhufuuf barbaadaa turanillee haalli siyaasaa biyya keessa ture gaarii waan hinturreef dhufuu hindandeenye. Akkuma  atuu jette warri kaan eddii maallaqa kuufataniifi dulloomanii gara biyyaatti dhufu. Ani garuu durumaa qabee gara Itoophiyaatti deebi’uun keessa koo ture.

Kanas haalan itti gorfamaa guddadhetu na onnachiise. Yaada ummata ofii tajaajiluu jedhutu keessa koo ture. Ani waa’ee siyaasaa  hinhordofu. Feesbuukiis hinfayyadamu. Oggaan darbee darbee miidiyaarraa dhagahu dargaggoonni akka wallolaniifi siyaasa keessatti   hirmaataa jiranin hubadhe.

Bariisaa: Eddii waa’ee siyaasaa kaaftee, ammaan tana dargaggoonni baay’een waa’eedhuma siyaasaa qofa odeessaa oolan. Kanarratti  yaada akkamii qabda mee?

Naa’ol: Ani namni waa’ee siyaasaa hinbaranneefi hinbeekne siyaasa keessatti hirmaachuu hinqabu ejjennoo jedhun qaba. Inni waa’ee ikkonomiksii barate waa’eedhumasaa qofa hordofuu qaba. Hundumtii waanuma baraterratti xiyyeeffachuu qaba malee walkeessa borcuu hinqabu. Biyya keenyatti hundumtuu ogummaasaa malee siyaasa keessa galuun na ajaa’iba. Ummanni hangana baay’atu attamitti humnasaa waan ogummaasaa hintaanerratti balleessa jedheen dinqama. Humna qofa otoo hintaane namas ni fixu. Adeemsi kun bitaa natti gala.

Bariisaa: Achitti hafuuf carraa qabdaayyuu?

Naa’ol: Carraan jira. Sii mijeessu. Ana isa achitti barate dhiisii eenyuyyuu asii deemee hojii barbaaderratti bobba’ee jiraachuu danda’a. Anatti kan mul’atu ogummaa fiiziksii baradheen ummata koo tajaajiluudha. Baay’inni ummata Itoophiyaa harka 1/3fa baay’ina ummata Ameerikaati. Garuu sadarkaan jireenyaa keenya gadaanaadha. Haalli jireenyaafi baay’inni keenya walhingitu. Kunis daran na dinqa. Oggaan kana taa’ee yaadu akkan dhufuu qabun murteesse. Dhufee haala dargaggoota wajjin hojjechuun danda’amurratti tattaaffii eegale.

Bariisaa: Eddii dhuftee hojiin qabatamaan eegalte jiraa? Gargaarsi qaama dhimmi ilaallatuun sii taasifame maal fakkaata?

Naa’ol: Biyyan turee eddiin dhufee saatalaayitiifi rookkeettiifaa hojjechuun barbaada. Kanaafis Ministeera Innooveeshiniifi Teknolojiitti pirojektii dhiyeeffadhe. Pirojekticha ministirri ministeerichaa, Doktar Injiinar Geetaahun Makuriyaa daran jaalatan. Pirojektichis saatalaayitii ofuma kootii hojjedhee maanfufaakchariingiisaa asumatti banuun kaayyeffadhe.

Itoophiyaatti waa’een saatalaayitii  yaadamu kan eegale waggaa 10 dura. Doktar Abiyyis umriisaa waggaa 30tti biyya kanatti hojjetamuu qaba jedhee hojiisaa kan eegale. Kan yeroo darbe furguggifamtes kan inni yeroo sana jalqabeedha. Saatalaayitiin biyya keenyaaf daran barbaachisaadha. Odeeffannoo guddaas achirraa arganna, odeeffannoo malee eessayyuu qaqqabuu waan hindandeenyeef. Duraan qabeenyi guddaan albuuda ture. Har’a qabeenyi guddaan daataa ta’eera. Of bira dabarreeyyuu biyyoota birootiif kireessinee maallaqa guddaa argachuu dandeenya. Amma eddiin dhufee waggaa tokkoofi ji’a afur keessatti waa’eedhuma kanaarratti tattaafachaa jira.

Bariisaa: Pirojektiin ati ministeerichaaf dhiyeessite maal kan jedhuudha, qabatamaan maalirrattis xiyyeeffata?

Naa’ol: Pirojektiin dhiyeesse ‘tiyuub saatalaayit’ jedhama. Saatalaayitiidhaan kan walabatuudha. Saatalaayitiin tiyuubii ol ba’ee daataawwan meetiroolojii, ho’inaafi qorra lafaa safaruuf kan tajaajiluudha. Saatalaayitichi altokko suura kaasnaan gara barbaaddetti jijjiiruu dandeessa.

Bariisaa: Saatalaayitii Itoophiyaan ji’a darbe furguggeessite keessaa qoodaa qabdaa?

Naa’ol: Lakki, achi keessaa qooda hinqabu.

Bariisaa: Teknolojiin ati amma hojjetaa jirtu maal jedhama, maaliifis kan ooluudha?

Naa’ol: Kanin hojjetaa jiru dirooniidha; diroonii qonnaa. Diroonittiin hojiilee adda addaa keessa galuu dandeessi. Kaayyoon koos xiqqoodhaan jalqabee guddisaa deemuudha. Garuu pirojektii diroonichaa ministirri Innooveeshiniifi Teknolojii ilaalanii naa dabarsanis kutaaleen hojii isaan itti qajeelchan naa raawwachuurra daran naan taphatan, na dhamaasan. Yeroo danuu itti deddeebi’een abdii kutee dhiise.

Bariisaa: Ati isaanirraa maal barbaaddee ture?

Naa’ol: Maallaqa pirojektichaa qofan gaafadhe. Kafaltiin biraa gaafadhe hinjiru. Mindaa naa kanfalaa hinjenneen. Ani baasii dhuunfaa koo nan danda’aa kan pirojektichaa naa kanfalaan jedheen. Isaanis naa kanfaluu hindandeenye dhiiseen gara mana barumsaa koo durii (Andinnat Intarnaashinaal) dhaqee barattoota kutaa tokkoffaa hanga 12fa barataa jiraniif haasaa nama kakaastu ykn onnachiistuu taasise.

Simannaan manni barumsichaa naa taasise akka kan mootummaa na hinrakkisne. Hamileen barattootaas natti tole. Barattoota mana barumsichaa wajjin baasiidhuma keenyaan yaaliif diroonii hojjenne. Isheenis suura kaastee odeeffannoo nuu fidde. Hojii akkanaa dhuunfaadhaan hojjechuun daran ulfaataa ta’us hojjenne. Sana booda kaampaanii hundeessee waan guddaa hojjechuu akka qabun of amansiise. Yeruma sana kaampaanii NJet jedhamus hundeesse.

Bariisaa: Duubattin si deebisaatii, namoota waa’eesaa gadifageenyaan hinhubanneef saatalaayitiin maaliin, faayidaansaa hoo? Diroonii wajjin hoo walitti dhufeenya qabaa?

Naa’ol: Oggaa teknolojii kalaqxu hanqinni hubannoo mudachuu mala. Kanneen akka qananiitti (‘laxuray’)  fudhatanii qeeqanis jiru. Yeroo baay’ee namoonni waan akkanaa kaasan kanneen hinbaranneedha. Pirojektii akkanaarratti waan akkanaa gaafachuun gatii hinqabu. Saatalaayitiin hinfayyadu ykn hinbarbaachisu yoo ta’e maaliif bilbila fayyadamu? Bilbilli saatalaayitii malee akkamitti hojjeta? Maaliif waggaatti doolaarri miliyoona 250 kaampaanii saatalaayitiif kanfalama? Feesbuukiinsaanii akkamitti hojjeta? Miidiyaaleen hoo akkamitti hojjetu? Egaa namoonni saatalaayitiin maaliif barbaachise jedhan warra kanumallee hubatanii hinbeekneedha.

Walumaagalatti saatalaayitiin teknolojii faayidaa olaanaa qabuudha. Kan hubachiisuu qabnus faayidaa saatalaayitiin kennuudha. Saatalaayitiin maalinni kan jetteef gababinaan saatalaayitii akaakuuwwan afurtu jiru. Kanneen gara dachee ilaalan sadiitu jiru. Dacheerraa gara samiitti kan ilaalu ammoo tokko jira. Kanneen gara dachee ilaalan faayidaalee adda addaa qabu; kan kominikeeshinii, mil’annaa (observation)faa. Kan akka ‘remote sensoser’ jennee furguggeessine jechuudha.

Saatalaayitoonni sadan dachee qo’atu. Afraffaan ammoo kaameeraan naanna’ee waan dacheerraa gara samii jiru ilaala. Kan nuti yeroo darbe mil’annaa dacheetiif ergine riimoot seensiingiidha, ETRSS-1. Ittaansinee kan kominikeeshinii ergina.

Bariisaa: Saatalaayiticha Chaayinaadhaa furguggeessuun maaliif barbaachise?

Naa’ol: Saatalaayitii Itoophiyaarraa rookkeetiidhaan erguu hindandeenyu. Tekonolojiisaas ta’e humnasaa hinqabnu. Rokkeettii hojjechuun  yeroo dheeraafi pirojektii guddaa gaafata. Garuu saatalaayiticha namuma keenyaan hojjennee Chaayinaarraa furguggeessinus saatalaayitiidhuma keenya. Addunyaarraa biyya sadii ykn afur qofa humna qabaatee saatalaayitii ergaa kan jiru.

Biyyoonni addunyaa akkuma jiranitti afranuma kanneenitti fayyadamaa jiru. Nutis isaanitti fayyadamuun keenya dirqama. Amma asumatti hojjechuu dandeenya jechaa jirra. Garuu saatalaayitii hojjechuunis akka rookkeettii ta’uu baatus pirojektii ulfaataadha. Saatalaayitii hojjetamurratti dogoggoorri mul’achuu hinqabu. Eddii nama harkaa baatee akkitti sirreessan hinjiru. Dogoggorraan hojiin kee fashalaa’e jechuudha. Tekonolojiin kun akka biyyaatti  humna guddaa nuu ta’aa deema. Saatalaayitii hojjechuun yeroo guddaa barbaada. Diroonii garuu yeroo gabaabaa keessatti hojjechuun ni danda’ama.

Ani amma dizaayinii diroonii nan qaba. Mirkaneessisuu qaba. Garuu dachee kanarra diroononni hojjetaman jiru. Diroononni baay’een walfakkaatu. Diroonii akaakuu afurtu jiru. Dirooniin helikoftarootaa jira. Dirooniin qonnarratti, faayidaa qo’annoof kaartaa kaasuufaa dabalatee faayidaalee hedduu qaba. Kanneen keessaa kan biyya keenya fayyadu kan qonnaa waan ta’eef isarratti hojjetamaa jira. Diroonii kana asumatti hojjechuu dandeenya.

Bariisaa: Kaampaaniin kee NJet jedhamu diroonii hojjeta jechuudhaa?

Naa’ol: Kaampaaniin koo NJet jedhamu bakkawwan lamatti qoodama. Tokkoffaa akka bakka leenjiifi yaaliitti kan tajaajluudha. Kan biraa bakka itti dirooniin omishamu ykn itti hojjetamuudha. Iddoon itti leenjiin kennamuufi yaaliitti dargaggoota tajaajilli meeshaa kiraadhaanis ta’u itti kennamuudha.

Diroonii qofa otoo hintaane dargaggoota konkolaataan hojjechuu barbaadaniif maashinii sibila muru ni kenna; akkuma fedhiisaatti jechuudha. Kun ammoo dargaggoonni yaadasaanii gara gochaatti akka jijjiiraniif darbees gochicha gara bizinasiitti jijjiiraniif wiirtuun ‘enquubeetar’ jedhamu qaba.

Bakka kanatti pilaaniin bizinasii akkamitti akka barreeffamuufi hogganurratti leenji ni kennama. Isa yaada malee maallaqa hinqabne ni gargaarra, yaadni qabeenya guddaa waan ta’eef. Fakkeenyaaf ani akka nama tokkootti waggoota 20 dhufanitti mindeeffamtoota kuma 10 qofa yoon qabaadhe kun biyya ummata miliyoona 100 qabuuf homaa miti.

Biyyoonni biroos haaluma kanaan kan guddatan waan ta’eef waljalaa babal’isaa deemuun ni danda’ama. Kaampaaniin keenyas kanarratti xiyyeeffatee hojjeta. Kan amma omishuuf jennu diroonii qonnaati. Waggaa tokkoofi walakkaa keessatti hojii eegala. Saatalaayitiin hawaarra jira. Dirooniin garuu dacheedhumarra taa’ee hojjeta; akkuma xayyaaraa jechuudha.

Bariisaa: Dirooniin qonnaa kun maaliif fayyada?

Naa’ol: Fakkeenyaaf dirooniin qoricha aramaa namni cimaan otoo nyaachuufillee jedhee hojiisaa addaan hinkutiin tokko sa’aatiiwwan 12:00 keessatti lafa hektaara tokkoofi walakkaa biifu dirooniin kun sa’aatii walfakkaataatti lafa hektaara miliyoona tokkoo olirratti biifuu danda’a. Tarii keemikaalli biifamu sun kaansarii nama qabsiisuus danda’a. Oggaa namaan biifamu qisaasamni qorichaas ni uumama. Dirooniin garuu haala kanaan hojii milkaa’aa hojjetti.

Qoricha biiftus hanga barbaachisu safarachaati. Waan hojjettu sana suuraas kaasaa odeeffannoo funaanaa deemti. Kaartaa ni kaasti. Daqiiqaa 06 keessatti lafa hektaara tokko biiftee fixxi.

Bariisaa: Maqaan teknikii teknoloji kanaa maal jedhama?

Naa’ol:  Maqaan teknikii diroonii kanaa “Agricultural UAV ykn Unman Aerial Vehicle” (xiyyaara nama hinqabne) jedhama. Biyya kanatti ammoo “Remote Pilot Aircraft (RPA)” jedhama.  Dirooniin tokko seensarii xiqqoo xuxxuquu qofaan waantota kumootaan lakkaa’aman hojjechuu dandeessi. Kun qonnarratti hojiirra oollaan qisaasamni keemikaalaa hinjiraatu. Omishtummaan keenya daran dabala.

Bariisaa: Amma maal hojjechaa jirtu ree?

Naa’ol: Ammaan tana maashinaroota alaa galchaa waljalaa omishaa jirra.  Ji’a tokko keessatti omishnee baasna. Diroonii kana maddiittis pirojektota guguddoo qabanneerra. Akeekni guddaan kaampaanii keenyaa dargaggoota hirmaachisuudha. Falaasamni ani hojii kana ittiin geggeessaa jirus, “Rakkoon Itoophiyaa lammiidhumashiitiin haa furamu” kan jedhuudha. Ammaan tana lammiileen biyyoota hedduu dhufaa jiru. Nuti isaan hinbarbaadnu.

Rakkoon Itoophiyaa ijoolleedhumashiitiin furama yaada jedhun qaba. Yaada kana ka’umsa godhachuun hojiilee danuu hojjechuuf yaadneerra. Xiyyeeffannaa ijoon kaampaanii keenyaa maallaqa ykn bu’aa argachuu otoo hintaane haala kamiin dargaggoota yaada kalaqaa qaban gargaarra kan jedhuudha. Yoo nama gargaarte bu’aan barbaadamu ni dhufa. Waanti guddaan garuu nama dandeettii qabu argachuudha. Namni har’a utubnu boru biyya kan fayyadu ta’a. Akeekni keenyas akka namni yaada kalaqaa keessoosaa jiru baasee ittifayyadamuuf onnachiisuufi karaa itti agarsiisuudha.

Bariisaa: Otoo saatalaayitoonni adda addaa jiranuu maaliif kan qonnaarratti xiyyeeffatte?

Naa’ol: Omisha biyya keenyaa waliigalaa keessaa harki guddaan kan argamu damee qonnaarraayyi. ‘GDP’n keenya kan hirkatte qonnarratti waan ta’eefin kanarratti xiyyeeffadhee filadhe. Qisaasama qabeenyaafi yeroo gama kanaan jiru xiqqoossuufis teknolojii damee kana utubu baasuun, barsiisuun dirqama. Jireenyi keenya garri caalu qonnarratti kan hundaa’e waan ta’eef teknolojii kana utubu baasuun dirqama. Faayidaa teknolojii qophaa’ee ba’ees ibsaa deemuun ni barbaachisa. Teknolojiiwwan baay’een waan hinbeeksifamneef sababuma kanaan waan kufaniif xiyyeeffannaa irratti hojjechuu barbaachisa.

Bariisaa: Dargaggoota akka kee hojii kanarratti hirmaachisuuf hammam deemteetta?

Naa’ol: Dhimma kanarratti barattoota yunivarsitoota adda addaatti argaman dubbiseera. Paartinarshiippii uumuuf hojjetaan jira. Inistiitiiyutii Roobootiksii Finfinnee jedhamuufi dargaggoota damee teknolojiirratti bobba’an wajjin socho’aan jira. Dhaabbilee alaa deggarsa kennan wajjinis nan hojjedha.

Bariisaa: Dirooniin kee kun hojdhabdummaa hinbabal’isuu?

Naa’ol:     Sababa diroonii kanaatiin namni hojii dhabu hinjiru. Teknolojiiwwan hojii nama dhabsiisan jiru. Garuu kan ilaaluu qabnu iddoonitti teknolojiin kun dirqama ta’u jiraachuun dagatamuu hinqabu. Iddoo akkanaatti namni hojii dhabee hindhabnee miti kan ilaalamu. Kan ilaalamuu qabu teknolojichi hammam bu’aa qabaadha.

Adeemsa kana keessa namni tokko hojii dhabeera ta’a. Garuu teknolojii kana qofaan hanga nama kuma 50 sooruun ni danda’ama. Kana keessatti akkuman siin jedhe kan ilaalamu bu’aasaati. Namni sababa diroonii kanaatiin hojii dhabe hojii biraa argachuu danda’a. Ta’us moodeeliin teknoloji keenyaa dhimma kana yaada keessa galcheera; gaaffiin kun irra deddeebiin waan ka’uuf.

Namni keemikaalaan biifu sun hojiisaa akka dhaabu otoo hintaane meeshaa ammayyaa akka argatu gochuudha akeekni keenya. Kanaaf namni keemikaala biifu kun hektaara tokko qofa otoo hintaane hektaara 210 biifuu danda’a. Sirumayyuu hojii dabalataa argate jechuudha. Hojii kan hojjechuu qabu ammoo haala dhibeewwan adda addaatiif isa saaxiluun otoo hintaane bakka tokko taa’ee teknolojii baratee ofis ta’e maatii, darbees biyya jijjiiruu akka danda’u gochuudha akeekni teknolojii kanaa. Teknolojiin biyya jijjiiru dhimma nama dhuunfaa wajjin walhinqabatu.

Teknolojiin sobaafi dhugaa hinbeeku. Hojiisaa sirnaan sii raawwata. Kanaanis nama caala. Galtee nuti kennineef fudhatee bu’aa nuu deebisa. Iddoowwan tokko tokkotti guddina biyyaatiif jecha kana gochuun inuma jira, dirqamas. Diroonii kana fayyadamuun omishummaan Itoophiyaa yoo dabale namoonni danuun wabiisaanii mirkaneeffatan jechuudha.

Bariisaa: Hojiin diroonichaa amma maalirra jira?

Naa’ol: Biyya kanas ta’ee biyyoota birootti seerri diroonii hinjiru. Seerichi akka bahuuf hojjetaafi gaafachaa jirra. Dhimma kanarratti gorsitoota alaa wajjinis hojjetaa jirra. Kanaaf ammaan tana akkuman irranatti jedhe diroonich sadarkaa omishaarra jira jechuudha.

Bariisaa: Dirooniin hojjetamaa jiru haala teessuma lafaa kamiifuu mijataadhaa?

Naa’ol: Eeyyee mijataadha. Keessumaa haala teessumaa lafa biyya keenyaatiif humna namaatiin hojjechuurra dirooniitu mijataadha. Dirooniin lafa dhooqataa buutee, gaaraa baatee hojjechuu dandeessi. Haalli teessuma lafaa isheef hudhaa miti. Eessa hojjechuu akka qabdus ni beekti. Waanti namni raawwachuu hindandeenyeefi dirooniin gochuu danda’u jira. Innis eessa, yoom akka qottu dursitee sitti himti. As qotuurra otoo gara sana qotteerta ta’ee wayya jettee sitti himti. Waantota hunda sirreessiti jechuudha. Dirooniin kan hojjettu qo’annoo biyyoo gochuudhaan, qabiyyee bishaanii lafichi qabu ilaaluudhaan hojiishii raawwatti.

Bariisaa:  Ministeerri Innooveeshiniifi Teknolojii namoota akka kee waa kalaqan dorgomsiisee badhaasaa ture. Ati dorgomtee beektaa?

Naa’ol: Lakki dorgommicha keessatti hirmaadhee hinbeeku. Odeeffannoosaas hinqabu.

Bariisaa: Dhaabbilee keessaa eenyufaa wajjin hojjetaa jirta ree?

Naa’ol: Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojiifi Inistiitiyutii Roobootiksii Finfinneefaa wajjin hojjetaan jira. Kaampaaniiwwan biyya alaa wajjin akkasuma. Dubbii keenyarratti teknolojiin diroonii of eeggannaa cimaa barbaada. Waa’ee diroonii qonnaa qofarratti dubbanna yoo ta’e rakkoo hinqabu. Garuu dirooniin appilikeeshinoota danuu qaba, kanneen tajaajila siviliitiif hinoolle dabalatee. Kanaaf ennaan waa’ee diroonii haasa’u dhimma kanaaf eeggannoo gochaa ta’uu qaba. Fakkeenyaaf diroonicha faayidaa raayyaa ittisa biyyaa yoo qabaate iccitii waan ta’eef waa’eesaa dubbachuu hindanda’u.

Bariisaa: Haala amma eerteen fayyadamummaa biyya keenyaa si’aayinaan guddisuuf diroonii meeqatu barbaachisa?

Naa’ol: Waa’een diroonii daran bal’aadha. Duraan dursinee maaltu dhufaa jira isa jedhu beekuu qabna. Kanaaf dirooniin qonnaa ergamu hojiinsaa qo’annoo geggeessuudha. Eddii odeeffannoo barbaachisaa funaannatee booda keemikaala biifuu qabu biifa dirooniin biraa. Dirooniin teknolojiiwwan “AIT” jedhamu qabdi. Artafishaal intalajansii Teknolojii of keessaa qabdi. Dandeettii ofumaan yaaduu jechuudha. Oggaa waa agartu waan hubaterraa ka’uun hammam biifuun qaba jetti. Baay’inni diroonii barbaachisuu daataa argamutu murteessa.

Bariisaa: Wiirtuu tokkorraa ta’aa bakki to’annoo? Fakkeenyaaf Finfinnee taa’amee waan iddoo adda addaatti raawwatamu to’achuun ni danda’amaa?

Naa’ol: Bakki qilleensaa Finfinnee waldhiphisaa waan ta’eef wiirtuu Finfinnee godhachuun hindanda’amu. Kanaaf wiirtuun diroonii Finfinnee miti. Ani kaayyoon koo iddoowwan adda addaatti wiirtuulee banuudha. Naannawa gammoojjiitti dirooniin qonnaa hinbarbaachisu. Barbaachisummaasaarratti hundaa’uun fakkeenyaaf yoo daangaa ta’e to’annoof akka ta’utti dirooniiwwan daangaafaa jennee qopheessuunis ni danda’ama. Humni namaas haaluma fedhii kana wajjin deemuun qophaa’aa deema.

Bariisaa: Teknolojii kana cimsuuf meeshaalee hojichaaf barbaachisan ashuura malee galchuurraa eegalee mootummaarraa maaltu eegama?

Naa’ol: Eddii Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad gara aangootti dhufanii as diroononni qonnaa ashuurarraa bilisa. Akkuma waliigalaattuu dameen qonnaa ashuura hinqabu. Meeshaaleen qonnaafi keemikaalonnis akkasuma bilisa galu. Diroonii damee qonnaarratti hojjetu kalaquuf hojjetaa jiraachuun faayidaalee kanneenfaa qaba. Dandeettii waa kalaquu dargaggootaa jajjabeessuuf tarkaanfiilee walfakkaatoon fudhatamuu qabu.

Bariisaa: Hojii kana akka barbaaddetti fuulduratti tarkaanfachiisuurratti waan akka hudhaatti kaaftu yoo jiraate?

Naa’ol: Waa’een diroonii kun teknolojii haaraa waan ta’eef beeksisuusaarratti rakkoon nu mudachuu danda’a. Lammaffaa seerri dhimma kana ilaallatu hinjiru. Seerichi jiraachuu dhabuun hojii keenya duubatti harkisuu mala. Seera malee homaa hojjechuu waan hindandeenyeef kana akka hudha tokkoottiin ilaala. Teknolojii ‘riiskii’ qaba. Hojjechuufi dhiisuunsaa si yaaddessa jechuudha. Garuu walgaraarree yoo hojjenne sodaa kana xiqqeessuu dandeenya.

Bariisaa: Daa’imummaa keetti maal ta’uu hawwaa turte mee?

Naa’ol: Astironaatii ta’uun hawwa ture. Akka saayintistootaa hawaarra tarkaanfatanii ta’uun barbaada ture.

Bariisaa: Maniin dhumaa diroonii maalinni?

Naa’ol: Maniinsaa gara ‘shiippiingi laayiniitti’ ce’uudha; gara qorichoota geejibuutti. Akkan odeeffannoo qabuutti qorichoonni baay’een buufata gumrukiitti yeroo dheeraaf ni kuufamu. Dirooniif daandiin asfaaltii jiraatee dhiiseen dhimma waan hintaaneef isatti fayyadamnee hatattamaan bakka tokkoo bakka biraatti waa geejibuu dandeenya.

Bariisaa: Ministira muummee Doktar Abiyyi Ahmad fakkii badhaastee turtee dandeettii fakkii kaasuu ni qabda jechuudhaa?

Naa’ol: Kalaqawwan teknolojiitti aansee fakkii baay’een jaaladha. Dhiyeenyuma kana Finfineetti suuraafi fakkii agarsiisaaf dhiyyeesseen ture. Fakkii Doktar Abiyyi noobeelii qabate ofuma kootii hojjedhen badhaase. Fakkii baay’een jaaladha.

Bariisaa: Isaan maal siin jedhan ree?

Naa’ol: Na gorsan. Waantota lama na gorsan. “Milkaa’inaaf kan barbaachisu ‘humbel’ ta’uudha naan jedhan. Namni tokko oggaa iddoo guddaa qaqqabu eessaa akka ka’e dagachuu hinqabu. ‘Hambil’ jechuun kana. Waanota milkaa’inaaf si qaqqabsiisan mara baattee deemuu qabda malee gatuu hinqabdu. Yoo gattee deemta ta’e dhumarratti nama si maddii dhaabatu hinargattu. Qofaa kee taata jechuudha. Hariiroos qabaachuu qabda naan” jedhan.

Kana jechuunsaanii ammoo akka naa galetti naannawa ofii ilaaluu, namoota beektu sirriitti qabachuu, namoota wajjin yeroo kee dabarsaa jirtu nama sana gara qajeelaattii jijjiiraa jirta moo si jijjiiraa jiraachuu akkan hubadhu na gorsan. Dargaggoonni harka walqabadhaatii tarkaanfadhaas jedhan. 

Bariisaa: Dargaggootaaf maal dhaamta? Keessumaa dhaloota sababaan amanu akka ta’uuf?

Naa’ol: Akkuman irranatti eeruuuf yaale biyya kanatti hundumtuu nama siyaasaa ta’eera. Kun sirrii miti, inni baratu barumsasaatti, inni qotu qonnasaatti. Inni daldalu daldalasaatti deebi’uu qaban jedha. Hunduu gara ogummaasaatti haa deebi’u. Dhimma siyaasaa inni saayinsii siyaasaa barate haa dubbatu. Waa’ee wal’aansaa inni saayinsii wal’aansa fayyaa barate haa dubbatu.

Fakkeenyaaf ati ogeessa miidiyaati. Ani ammoo ogeessa fiiziksii waanin ta’eef si bira dhufee waa’ee fiiziiksiirratti siin falmuu hinqabu. Ati waa’ee miidiyaa na barsiistaa, ani ammoo waa’ee fiiziksiin sitti hima jechuudha. Hundumtuu ogummaa ittiin ispeeshaalaayiz godhe dhiisee waa’ee siyaasaa hinbarannee haasa’aa oola yoo ta’e barumsi gatii dhabaa dhufe jechuudha. Bakka inni waa’ee siyaasaa hinbaranne haasa’aa oolutti inni saayinsii siyaasaa barate akkam haa ta’u? Kunis dhimma barumsa gatii dhabsiisuudha. Siyaasa baratanii xiinxalanii dubbachuun gaariidha.

Namni biyya guddisuuf waan beekuufi baraterratti qofa otoo bobba’ee gaariidha. Dargaggeessi waan barateen biyyasaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaban jedha. Fakkeenyaaf ani gama teknolojiin hojii biyya bira darbee ardii akkasumas addunyaa ni fayyada jedhee yaade dargaggoota fedhiifi kaka’umsa qaban wajjin hojjechuuf tattaafataan jira.

Waarri kaanis  haaluma kanaan socho’uu qabu. Kana keessatti carraan akkuma jirutti ta’ee deggarsiifi hordoffiin maatiis murteessaadha. Addunyaa kanarra waantonni gara gaariis ta’e yaraatti nama oofan waan jiraniif keessumaa umrii dargaggummaatti taateewwan hunda addaan baafatanii deemuun barbaachisaadha.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012

Recommended For You

404 Comments to “Naa’ol Dhaabaa: Saayintistii diroonii qonnaa hojjetaa jiru”

  1. Pingback: car detailing
  2. Pingback: Our site
  3. 1хбет [url=https://1winrussia.online/#]1xbet официальный сайт[/url] 1xbet официальный сайт

  4. en iyi casino siteleri [url=https://1wintr.fun/#]slot casino siteleri[/url] dunyan?n en iyi casino siteleri

  5. п»їlegitimate online pharmacies india [url=http://indianpharm1st.com/#]indian pharmacy[/url] indian pharmacy online

  6. is it illegal to buy prescription drugs online [url=http://drugs1st.store/#]treat ed[/url] how to get prescription drugs without doctor

  7. medicine in mexico pharmacies [url=https://mexicanpharm1st.com/#]buying from online mexican pharmacy[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  8. пин ап кз [url=http://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино онлайн[/url] пинап казино

  9. sweet bonanza [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza nas?l oynan?r[/url] sweet bonanza

  10. sweetbonanzatrpro [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza nas?l oynan?r[/url] sweet bonanza nas?l oynan?r

  11. Online medicine order [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy to USA[/url] reputable indian pharmacies

  12. best online pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] india online pharmacy

  13. best male enhancement [url=http://pharm24.pro/#]affordable medication[/url] pain meds online without doctor prescription

  14. top 10 pharmacies in india [url=https://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] india pharmacy

  15. buy rybelsus online usa [url=https://rybpharm.com/#]buy rybelsus canada[/url] buy rybelsus canada

  16. rybpharm canada [url=https://rybpharm.com/#]rybpharm cheap semaglutide[/url] rybpharm cheap semaglutide

  17. ed causes and cures [url=http://canadiandrugsgate.com/#]canadian pharmacy drugs gate[/url] ed cure

  18. best natural cure for ed [url=https://canadiandrugsgate.com/#]canadian pharmacy[/url] online ed pills

  19. where to buy cheap clomid online [url=https://clomidrexpharm.com/#]cheap clomid[/url] how to buy cheap clomid without prescription

  20. generic amoxicillin over the counter [url=https://amoxilcompharm.com/#]cheap amoxil[/url] can i buy amoxicillin online

  21. minocycline 50 mg tablets [url=http://iverfast.com/#]buy Stromectol[/url] what is minocycline 50 mg used for

  22. buy clopidogrel bisulfate [url=https://plavixclo.com/#]Clopidogrel Best Prices[/url] Cost of Plavix without insurance

  23. Plavix generic price [url=https://plavixclo.com/#]buy plavix online[/url] Cost of Plavix without insurance

  24. пин ап казино онлайн [url=http://pinup-kazi.kz/#]pin up казино[/url] pinup

  25. india online pharmacy [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharmacy[/url] buy medicines online in india

  26. best india pharmacy [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] cheapest online pharmacy india

  27. best ed medications [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadian pharmacy[/url] causes of ed

  28. zithromax 500mg price in india [url=https://azithromycinus.com/#]buy zithromax no prescription[/url] zithromax online australia

  29. buy misoprostol over the counter [url=https://cytotec.top/#]buy misoprostol over the counter[/url] Cytotec 200mcg price

  30. buy zithromax without presc [url=http://azithromycinus.com/#]zithromax 250[/url] zithromax cost uk

  31. generic zithromax azithromycin [url=http://azithromycinus.com/#]generic zithromax medicine[/url] zithromax 500 mg

  32. cheap erection pills [url=http://edpills.men/#]ed treatments online[/url] low cost ed meds online

  33. пин ап вход [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] pinup 2025

  34. slot siteleri [url=https://slottr.top/#]slot oyunlar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  35. slot tr online [url=http://slottr.top/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot siteleri

  36. levante casino [url=http://casinositeleri2025.pro/#]casino slot oyunlarД±[/url] bahis oyun siteleri

  37. casino slot siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]para kazandiran kumar oyunlarД±[/url] ilk giriЕџte bonus veren bahis siteleri

  38. video siteleri listesi [url=https://casinositeleri2025.pro/#]slot oyunlarД± isimleri[/url] en saДџlam bahis siteleri

  39. +18 canli yayin siteleri [url=http://casinositeleri2025.pro/#]bet oyun siteleri[/url] deneme bonusu veren slot siteleri 2025

  40. en kazancl? slot oyunlar? [url=https://slottr.top/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot tr online

  41. by casino [url=https://casinositeleri2025.pro/#]bonus veren yasal bahis siteleri[/url] deneme bonusu veren bГјtГјn siteler

  42. india online pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]Indian online pharmacy ship to USA[/url] indian pharmacy

  43. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacies that ship to the United States[/url] buying from online mexican pharmacy

  44. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharmi.com/#]mexican pharmi[/url] buying from online mexican pharmacy

  45. Online medicine order [url=https://indiapharmi.com/#]India online pharmacy international shipping[/url] best online pharmacy india

  46. medicine in mexico pharmacies [url=http://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacies that ship to the United States[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  47. reputable indian pharmacies [url=https://indiapharmi.com/#]Online India pharmacy[/url] best india pharmacy

  48. online pharmacy india [url=https://indiapharmi.com/#]Online medicine home delivery[/url] online shopping pharmacy india

  49. where can i get generic clomid without rx [url=https://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] where to get cheap clomid

  50. п»їcipro generic [url=http://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin 500 mg tablet price[/url] buy generic ciprofloxacin

  51. buying generic clomid prices [url=https://clomidonpharm.com/#]how to get generic clomid tablets[/url] where can i buy clomid no prescription

  52. can you buy generic clomid tablets [url=http://clomidonpharm.com/#]where to buy clomid prices[/url] where can i buy clomid without prescription

  53. over the counter prednisone medicine [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] where to buy prednisone in australia

  54. prednisone over the counter uk [url=https://prednibest.com/#]Predni Best[/url] buy prednisone online uk

  55. prednisone 50 mg prices [url=https://prednibest.com/#]prednisone steroids[/url] prednisone 10mg tabs

  56. buy cipro online usa [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] cipro online no prescription in the usa

  57. ciprofloxacin generic price [url=http://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin[/url] buy cipro online usa

  58. amoxicillin 500mg no prescription [url=https://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] can you buy amoxicillin over the counter canada

  59. can i purchase cheap clomid no prescription [url=http://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] get clomid without a prescription

  60. buy cipro without rx [url=https://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin order online[/url] ciprofloxacin mail online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *