Finfinnee: Hariiroo Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliin taasiftu bu’uura cimaa kan qabu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.
Dubbi Himaan Ministeerichaa, Obbo Nabiyaat Geetaachoo ibsa kaleessa dhimmoota adda addaarratti gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, hariiroon Itoophiyaan gama dippilomaasii dinagdee, hawaasummaa, siyaasaa, daldalaa, invastimantiifi turizimii biyyoota ardichaa wajjin qabdu caalaatti akka cimuuf hojjetamaa jiiraachuus himaniiru.
Itoophiyaan mirga lammiilee biyyattii biyyoota Afrikaa adda addaa keessa jiraatanii eegsisuufi hariiroo ummattootaa biyyoota ardichaa wajjin qabduuf dippilomaasii hariiroo hawaasummaafi dinagdee caalaatti cimsan adeemsisaa jirti kan jedhan Obbo Nabiyaat, waliigaltee gabaa bilisaa Afrikaa hojiirra oolchuudhaan hariirooshii cimsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa gaaffii biyyootni Giinii Rippabliikii, Ikuwaatooriyaal Giiniifi Afrikaan Kibbaa dhiyeessaniif irratti hundaa’uun Amajjii 8 hanga 12 bara 2012tti pirezdaantota biyyoota sadanii waliin dhimmoota hariiroo wajjummaa cimsanirratti mari’ataniiru kan jedhan dubbi himichi, akkasumas hariiroo turizimii, invastimantiifi daldalaa jabeessurratti sanada waliigaltee mallateessuusaanii beeksisaniiru.
Itoophiyaan faayidaa waliinii biyyoota Afrikaa mirkaneessuuf ejjennoo cimaa qabdi kan jedhan Obbo Nabiyaat, nageenya ardichaa mirkaneessuufi qabsoo hiyyummaa, walitti bu’iinsaafi duubatti hafummaa hir’isuuf taasifamaa jiru keessattis gumaacha irraa eegamu bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Marii Itoophiyaafi Jibuutii gidduutti Magaalaa Jigjigaatti Amajjii 5 hanga 8 bara 2012tti adeemsifameen hooggantoonni biyyoota lameenii rakkoolee gama nageenyaa, daangaa, daddabarsa namootaafi daldala seeraan alaa, tajaajila gumurukii, fayyaafi geejjibaarratti mul’atan ittisuufi furuurratti wajjummaan hojjechuuf kan waliigalan ta’uu dubbataniiru.
Biyyattiin barana hariiroo biyya Chaayinaa wajjin qabdu waggaa 50fa kabajuuf biyyootni lamaan qophii taasisaa jiraachuu kan himan dubbi himichi, hariiroo biyyootni kunniin gama dinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi nageenyaatiin qaban caalaatti cimsuuf akka waliin hojjetaniifi ayyaanichi Itoophiyaafi Chaayinaatti kan kabajamu ta’uu himaniiru.
Marii ministeeronni dhimma alaafi bishaanii Itoophiyaa, Sudaaniifi Misir dhimma Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaarratti Amajjii 4 hanga 6 bara 2012tti Waashingitan Diisiitti adeemsifameen biyyootni sadan haala guutiinsa hidhichaafi bishaan gadlakkisuurratti mariin adeemsifamu kan itti fufu ta’uufi waliigalteedhaan kan xumuran ta’uus ibsaniiru. Itoophiyaan guutinsiifi bishaan gadlakkisuun hidha guddichaa haala faayidaa waliinii mirkaneessuun kan ittifuftu ta’uu ibsiteetti jedhan.
Biyyattiin nageenya lammiileeshee biyya alaa jiranii mirkaneessuufi dadabarsa namootaa seeraan alaa hambisuuf hojjechaa jiraachuushiis kan himan Obbo Nabiyaat, haaluma kanaan Amajji 6 hanga 11 bara 2012tti lammiileen Itoophiyaa Libaanositti eeyyama hojiifi jireenyaa hinqabne 238 gara biyyaatti kan deebi’an ta’uufi daddabarsa namootaa seeraan alaa hambisuufis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
11 Comments to “Hariiroo Itoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliin taasiftu bu’uura cimaa qaba”