Utubaan paartiin badhaadhinaa irra dhaabate federaalizimii kan kunuunsuudha jedhame

Finfinnee: Utubaan paartiin Badhaadhinaa irra dhaabate federaalizimii kan eeguufi kunuunsu ta’uu Waajjirri Pirees Sekireetariyaatii Ministira Muummee ibse.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Nigusuu Xilaahuun, galmi paartii badhaadhinaa haala siyaasaa, hawaasaa, dinagdee, aadaafi xiinsammuu Itoophiyaanotaa hammatuun badhaadhina gama hundaa fiduu ta’uufi duudhaalee badhaadhinaa jedhamanii kan eeraman tokkummaa, kabajaafi bilisummaa lammiilee ta’uu  ibsaniiru.

Itoophiyaan sirna humnaan tokkoomsuu akka hindeebinetti ofirraa gaggeessuufi  sirna akka sanaa kana  booda akka hin yaadamne kaasanii, biyyattiin waggoota darbaniif adeemsa warraaqsa dimokraasiin  gaggeeffamaa turuusheefi duudhaalee wayita sana dhabde deebisuun gaarii irraa argame immoo itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Sirna federaalaa diiguun  humnaan tokkoomsuun kan hin yaadamnedha kan jedhan Obbo Nigusuun,  humnaan tokkoomsuun sabdaneessummaa balleessuu ta’uu himaniiru. Badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuufi sirna federaalizimii dhugaa ijaaruuf tokkummaa cimsuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.

Sabdaneessummaan amala dhala namaarraa ka’uun gara amala biyyummaatti kan guddatu ta’uu eeranii, Badhaadhinni, Itoophiyaa keessatti afaan, aadaafi eenyummaa hordofuun gaaffilee ka’aniif deebii qajeelaan waan hinkennamneef gaaffii ta’ee kan ka’eefi ajandaa qabsoo akka ta’e hubachiisaniiru.

Paartiin badhaadhinaa kabaja lammiilee kan mirkaneessu ta’uu himanii, Itoophiyaanonni sirna mirgi dhuunfaafi garee itti  kabajamuuf,  cunqursaan dhuunfaafi garee kan itti dhabamu akka diriirsu eeruusaanii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012

Recommended For You

10 Comments to “Utubaan paartiin badhaadhinaa irra dhaabate federaalizimii kan kunuunsuudha jedhame”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: let's chat
  3. Pingback: visit homepage

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *