Tajaajilli Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo kennaa jiru fedhii hawaasaa guutaa hinjiru

Dambi Dolloo: Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dollootti kan argamu Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo, sababa hanqinaalee dhiyeessa qorichaa, bishaanii, humna ibsaa, meeshaalee wal’aansaa, ogeessota fayyaa olaanaa, ambulaansii, bajataa, siree, bu’uuraalee misoomaa rakkoolee gurguddoo kenniinsa tajaajila gufuu ta’aniifi komii ummataa ta’aa jiraachuu geggeessaan hojii hospitaalichaa, Obbo  Kamaal Irkoo ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin eeran.

Dhaabbata Fandii Qorichaa Itoophiyaarraa qoricha hanga gaafannu argachaa hinjirru kan jedhan hojigeggeessichi, barana qoricha gaafanne keessaa kan nuu dhiyaate %22 qofa. Qoricha barbaanu akaakuufi baay’ina barbaannuun argachaa hinjirru. Rakkoo dhiyeessa qorichaa nu mudate furuuf hospitaalota biroorraa liqeeffachaa jirra jedhan.

Hospitaalli tokko bishaan hinqabu taanaan faayidaa hinqabu kan jedhan Obbo Kamaal, keessumaa kutaaleen haadholiin keessatti dahaniifi tajaajila wal’aansa baqaqsanii hodhuu kennamu keessaa bishaan dhabamuun rakkoo guddaa uuma. Rakkoo bishaanii kana yeroo gara garaa waajjira tajaajila bishaaniifi dhangala’aa magaalichaatti himannus  fedhii keenya nuu guutuu hindandeenye jedhu.

“Humni tiraanisfoormarii ibsaa hospitaalichaa daran xiqqaa waan ta’eef fedhii hospitaalichaa guutaa kan hinjirre ta’uus himanii, tiraanisfoormariin ibsaa hospitaalichaa akka geeddaramuuf damee tajaajila ibsaa Naqamtee gaafannus hanga ammaatti deebiin arganne hinjiru. Humni ibsaa jiruyyuu yeroo baay’ee irra deddeebiin waan addaan cituuf guyyaa guyyaatti genereetara fayyadamaa jiraachuufi kunis baajata hospitaalichaa waliin kan hindeemneedha” jechuun ibsaniiru.

Mootummaan bara bajataa kana qarshii miliyoona 4.7 hospitaalichaaf  kan ramade ta’uus eeranii, qarshiin kun baasii hospitaalichaa waliin yoo madaalamu daran xiqqaadha jedhaniiru. Yeroo ammaa bajatni ibsaafi bishaanii isaaniif  ramadame waan xumuraniif Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti beeksisuuf qophiirra jiraachuus beeksisaniiru.

Hospitaalichi hanqina ogeessa fayyaa dhibee keessaafi daa’immanii waan qabuuf dhukkubsattoota wal’aanuu danda’u gara bakka biraatti ergaa jira kan jedhan Obbo Kamaal, Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa ykn Ministeerri Eegumsa Fayyaa Federaalaa ogeessota fayyaa kunneen akka isaaniif ramadaniif gaafataniiru. 

Hospitaalichi ambulaansii bara 2002 kennameef tokko qofa qabaachuu himanii,  ambulaansiin dabalataa akka isaaniif kennamuuf gaafatanis deebii kan hinarganne ta’uu himaniiru.

Hospitaalichi guyyaatti dhukubsattoota 400 ta’aniif tajaajila kennaa jira kan jedhan hojigeggeessichi, baayinni dhukkubsattoota guyyaa guyyaan dhufaniifi baay’ina siree hospitaalichi qabu waliin waan wal hinsimanneef dhukkubsattoonni yeroon siree argatanii yaalamuu irratti rakkachaa jiraachuu himaniiru. 

Siistar Asteer Balaay hospitaalichatti ogeessa deesistuuti. Rakkoon bishaanii tajaajila isaan kennaa jiran irratti dhiibbaa uumaa waan jiruuf dhukkubsattoonni tajaajila barbaachisu argachaa hinjiran. Kutaaa da’umsaa keessa bishaan sekondii tokkoof iyyuu dhabamuu hinqabu. Haadholiin utuu hinda’in duras ta’e erga dahanii booda dhiqachuutu irraa eegama. Ogeessonni deesisanis harka isaanii dhiqachuuf bishaan kan qaban ta’us yeroo baay’ee bishaan kutaa itti deesisnu keessa waan hinjirreef utuu harka keenya hindhiqatin alkooliidhaan haxaa’annee dubartii biraa deesisuutti ceena. Dubartoonni hedduunis utuu hindhiqatin gara manaatti gala jiraachuu himu.

 Utuu harka keenya hindhiqatin haadholii deessisuun dhibeen nu irraa gara haadholiitti, haadholii irraa ammoo gara keenyatti akka darbu waan taasisuuf mootummaan rakkoo bishaanii kana hatatamaan akka furuuf gaafataniiru. Laawundariidhaaf bishaan laga Meexxii waraabanii itti fayyadamaa jiraachuu himanii, hospitaalichi ambulaansii tokko qofa waan qabuuf hadholii da’umsaaf dafanii mana yaalaa gahuu qaban manaas ta’e buufata fayyaati gara hospitaalichaatti fiduun rakkisaadha. Sababa kanaan haadholiifi daa’imman utuu nu bira hinga’in karaa irratti lubbuun isaanii darbaa jiraachuu himu Siistar Asteer.

 Bakki haadholiin utuu hinda’in turan jiraachuu dhabuufi, erga dahanii boodas turan mijachuu dhabuun rakkoo biraa isaan mudachaa jiru ta’uu himaniiru.

Obbo Gammachuu Faqqadaa dhukkubsataa hospitaalichatti arginee dubbisne keessaa isaan tokkoodha. Akka isaan jedhanitti, hospitaalichi qorichaafi bishaan waan hinqabneef alaa bitannee itti fayyadamaa jirra. Qorichi alaa bitamu gatiin isaa waan dabaluuf baasii dabalataaf nu saaxilaa jira. Haalli hospitaalichi ittiin dhukkubsataa keessummeessus kan duraaniirra fooyya’aadha. Hundumtuu dabaree isaatiin keessumsiifamaa jira  jedha.

Aadde Abbaaynash Fiqaaduu jiraattuu Magaalaa Dambi Dolloo ganda 07ti. Aadde Abbaaynash kanaa dura yeroo gara garaa hospitaalichatti yaalamaa akka turaniifi dhiyeenya kana ammoo wal’aansa baqaqsanii hodhuu kan argatan ta’uu dubbatu. Kenniinsi tajaajila wal’aansa hospitaalichaa kan duraaniirra fooyya’aa dhufus hanga ogeessa fayyaa bira ga’anitti dafanii keessumsiifamuu irratti komii kan   qaban ta’uu himu. Hospitaalichi qorichaafi bishaan waan hinqabneef alaa bitanii itti fayyadamaa akka turaniifi nyaatni hospitaalichi dhiyeessu dhukkubsataaf kan ta’u miti jedhu. 

Bulchaa Ittaanaa Godina Qellem Wallagaa Obbo Kaasaahuun Ayyalaa akka jedhanitti, hospitaalli yeroo hunda bishaan argachuu qaba. Hospitaalli bishaan dhabee guyyaa tokko hinqulqullaa’in utuu oolee namni tokko achiin darbuu hindanda’u. Rakkoo bishaaniii hospitaalicha mudate furuuf hojjetamaa jira. Rakkoo ibsaas furuudhaafi humna ibsaa Damee Naqamtee waliin dubbachaa jiraachuu himaniiru.

Rakkoolee  hospitaalichaa biroo furuufis dhaloota Magaalaa Dambi Dolloo biyya alaa jiraniifi jiraattonniifi namoonni dhuunfaa deggarsa akka taasisianiif haala mijeessaa jiraachuu himanii, bu’uuraalee misoomaa hospitaalicha keessaa fooyyessuufis hojjechaa jiraachuufi hospitaalicha gara rifeeraaliitti guddisuuf hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti, Daarektarri Bulchiinsa Baankii Dhiigaa, Qorichaafi Meeshaa Alaa Obbo Darrasaa Abarraa akka jedhanitti, sirna bulchiinsa qorichaa diriirsuun, dhaabbilee fayyaa keessumaa hospitaalotaaf  baajata bittaa qorichaa raamaduun, meeshaalee gurguddoo wal’aansa fayyaaf barbaachisan hospitaalotaaf bitee dhiyeessuun gahee biirochaati jedhu.

Qorichi %80 ol biyya alaatii waan galuuf hospitaala Dambi Dolloos ta’e hospitaalonni biroon hanqina dhiyeessa qorichaa kan qaban ta’uu himanii, rakkoo dhiyeessa qorichaa kana furuuf mootummaan naannichaa dhaabbata dhiyeessa qorichaa hundeesseera. Bajatni bittaa qorichaatiif ramadamus gahaa waan hintaaneef hospitaalonni galii argatan irraa %70 bittaa qorichaaf akka itti fayyadaman ta’eera jedhu.

Rakkoo meeshaa yaalaa altokkotti furuun rakkisaadha kan jedhan daarektarichi,  meeshaa yaalaa baajata guddaa gaafatu biirochi bitee kan dhiyeessu ta’uu himanii, rakkoo bishaaniifi hanqina ogeessa fayyaa Hospitaala Dambi Dolloorratti odeeffannoo kan hinqabne ta’uufi hospitaalichi rakkoo isaa adda baasee yoo beeksise biirichi baajata itti qabatee furuuf kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo bara 1911 Mishinaroota Amerkaatiin kan hundaa’e yoo ta’u, jalqaba akka kilinikiitti tajaajilaa ture. Hospitaalichi boodarra gara hospitaalaatti yeroo ammaa ammoo gara hospitaala waliigalaatti guddatee tajaajila kennaa jira. Hospitaalichi akka umuriisaatiif sadarkaa rifeeraaliitti guddachuu kan qabu ta’us tajaajila kennaa jiruunuu fedhii hawaasaa guutaa hinjiru. Kanaafuu rakkoolee tajaajila hospitaalichaatti gufuu ta’an furuun dhimma xiyyeeffannaa barbaaduudha.

Natsaannat Taaddsaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012

Recommended For You

3 Comments to “Tajaajilli Hospitaalli Waliigalaa Dambi Dolloo kennaa jiru fedhii hawaasaa guutaa hinjiru”

  1. Pingback: sex viet
  2. Pingback: Bauc14

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *