“Mootummaan ergaa gaarii malee ergamaa gaarii hinqabu” -Piroofesar Bumaddiin

Finfinnee: Haala amma jiruun mootummaan gubbaarraa ergaa gaarii qabaatus, ergamaa gaarii waan hinqabneef dhimmicharratti xiyyeeffachuu akka qabu hundeessaafi abbaan qabeenyaa Kolleejjii ‘2020 OPEN’ himan.

Piroofesar Bumaddiin Abdulawaahab gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, Rabbii ykn Waaqni yommuu Qur’aana ykn Macaafa Qulqulluu gadi buusu nabiyyoota/ ergamoota filatee erga. Mootummaanis kan ilaaluu danda’u qaba. Ergamtoota biyya kana diiguu barbaadan, warra mootummaafi ummata walitti buusanii waa argachuu barbaadan of jalaa waan qabuuf isaan kana calaluu qaba. Warra kana dura biyya jeeqaa ture waliin ammayyuu hojjetaa jira; kanneen sirreessuun dirqama.

Kana malees mootummaafi ummanni walirraa fagaatanii jiraachuu kaasanii, kunis dhimma hatattamaan furamuu qabu akka ta’e ibsu. Hanqinoota jiranis waliin ilaalaa hiikaa deemuu akka barbaachisuufi mootummaan waan ummanni jedhu tasgabbaa’ee, taa’ee, dhaggeeffatee akka deebii itti kennuu qabus ni eeru.

“Waa’een nageenya dhabuu akkasumas, dhimmi dhaabbilee barnootaa keessatti mul’atu kan nama yaaddessuudha. Mootummaan haala kana to’achuu qaba. Ijoollee barattootaa ofitti qabee haalaan barsiisuun irra jiraata. Yunvarsiitiin bakka walitti dhihaatanii biyyaaf furmaata barbaadan malee bakka rakkoon itti uumamu ta’uu hinqabu. Itoophiyaan Itoophiyaa taatee itti fufuu kan dandeessu yoo humna nama baratee qabaatteedha. Waggaa tokko yunvarsiitiirraa hafuu jechuun kasaaraansaa xiqqaa miti. Rakkoon kun asumatti yoo hinfuramne gara sadarkaa tokkoffaafi lammaffaattiillee deemuun biyya balaa keessa buusuu mala” jedhu.

Ummannis ga’eesaa ba’aachuu qaba kan jedhan hayyuun kun, fakkeenyaaf abbootiin qabeenyaa waa argachuuf kiisii raawwachiistootaa guutuu qofa osoo hintaane biyya ijaaruurrattillee hojjechuu akkasumas, gamoo ijaaruu qofa osoo hintaane akkamiin sammuu namaa ijaaruun akka danda’amuus itti yaaduu akka qaban dhaamu.

Barri 2020 ammoo bara abdiin baay’ee itti mul’ate waan ta’eef namni hunduu hanga dandeenye biyya guddisuuf walta’uu akka qabus ni dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Mootummaan ergaa gaarii malee ergamaa gaarii hinqabu” -Piroofesar Bumaddiin”

  1. Pingback: 해선 솔루션
  2. Pingback: thc disposable pen
  3. Pingback: fenix168
  4. Pingback: live webcams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *