Labsiin bulchiinsaafi to’annoo meeshaalee waraanaa meeshaalee aadaa hinilaallatu

Finfinnee: Labsiin bulchiinsaafi to’annoo meeshaalee waraanaa dheengadda Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’e meeshaalee waraanaa alaa galan malee meeshaalee aadaa kan hinilaallanne ta’uu Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaa ibse.

Walittiqabaan korichaa Obbo Tasfaayee Dhaabaa ibsa kaleessa dhimmicharratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, labsichi meeshaalee aadaa kanneen akka meencaafi gajaraafaa hinilaallatu. Kanaaf burjaajiin meeshaalee aadaa kanneeniin walqabatee adeemsifamaa jirus dogoggora ta’uu himaniiru.

Labsichi nagaafi tasgabbii biyya keenyaa mirkaneessuuf akka meeshaa tokkootti kan gargaaru ta’uu eeranii, akkuma beekamu Itoophiyaatti haala heerarratti tumameen seerota sadarkaa federaalaatti bahuu qaban keessaa tokko waa’ee meeshaa waraanaa kana jedhaniiru.

Sirnoota darbanirraa kaasee hanga ammaatti labsiin akkanaa waan hinjirreeflabsii kana baasuuf ammoo aangoon kan Mootummaa Federaalaati jedhanii, labsichi bahuunsaa seeraan alummaa gama meeshaalee waraanaatiin mul’atu, akkasumas to’anniifi bulchiinsasasaarratti gahee guddaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Labsichi aangoofi hojii poolisii federaalaafi naannoleef  kenname keessaa qabiinsa meeshaalee waraanaarratti hubannoo kennuu, ulaagaa baasanii galmeessuu ta’uus Obbo Tasfaayeen eeraniiru.

Sosochii meeshaa waraanaa wajjin walqabatee adabbiiwwan kanaan dura turan barsiisoo waan hintaaneef labsii ammaatiin adabbiinsaa cimee akka bahu taasifamuus beeksisaniiru.

Meeshaa waraanaatiin walqabatee namoonni yakka walfakkaataa dalaguu yaadaniif akeekkachiisa ta’ee kan gargaaru ta’uus himaniiru. Walumaagalatti labsichi meeshaa waraanaa seeran ala socho’aa jiru ittisuu keessatti qooda guddaa qaba jedhaniiru.

Qaamolee labsicha raawwachiisaniif labsicha, keeyyata 3 irratti aangoon kenname tarreeffamuus eeranii, keeyyatichi qaamoleen nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran qindaa’anii dhimma kana sirnaan akka raawwachiisaniif kan dirqisiisu ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa federaalaattis foramii tokko dhaabanii akka socho’an labsichi akka ajajajus dubbataniiru.

Labsichi rakkoolee adeemsa keessa mudatu hawaasa hirmaachisuun furmaata kennaa deemuufis kan gargaaru ta’uu himanii, Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaafi Nageenyaas haala raawwii labsichaa dhiyeenyaan kan hordofu ta’uu ibsaniiru.

Gama biraatiin kaayyoo olaanaan labsichaa nageenya ummataa eeguuf ta’uu eeranii, meeshaawwan miidhaa geessisan muuxannoo biyyoota biroon lubbuu namaa balleessuuf kan fayyadan yoo ta’u, hubannoofi seerichis kana ittisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Meeshaan waraanaa namoonni qabeenyaafi nageenya naannawa kan ittiin eegan waan ta’eef, naannoo eeyyamni kennameefiin ala gara naannawa biraa akka hingeeffamne kan ittisu ta’uus ibsaniiru. Dhaala ilaalchisee fooyya’insi taasifamu, seera dhaalaatiin akka hojjetamuufi namni seerri eeyyamuuf dhaaluu danda’a jedhaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012

Recommended For You

3 Comments to “Labsiin bulchiinsaafi to’annoo meeshaalee waraanaa meeshaalee aadaa hinilaallatu”

  1. Pingback: magic mushroom bag

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *