Jajjuu keessa jajiituun jirti

Du’a sirna bulguu Minilik booda aangoo kan qabate Lij Iyyaasuun Oromoodha. Masaraa Minilik galee gaaffii Oromoo deebisa jedhamee yaadamus raacitii Minilikiin waan ijaarameef hamilee habashootaatiin machaa’ee turtii waggoota muraasaa booda du’a gadhee yoo du’u, hawwii ilmaan Oromoo jijjiiramaaf qaban maseenseera.

Akkuma “Wulleen dhiqamus farsoon sanuma” jedhamu Hayilasillaaseen aangoo qabatanis masaraa Minilik galanii gaaffii Oromoo deebisuurra beekamtii ofii argachaa jiran caalchisanii Oromoo faana fiigaa Oromoo dhiigsaa, buqqisaa turan.

Keessumaa akka Afrikaatti beekamtii argataniin hamileen kan machaahan Hayilasillaaseen kabajni waggaa saddeettamansaanii sadarkaa Afrikaatti kabajamuunsaa eenyummaasaanii akka dagatan isaan taasiseera.

Kanarraa kan ka’e dhumnisaanii fokkisaa ta’uurra darbee du’a gadhe yoo du’an Oromoon laaqii gabrummaa keessaa akka hinbaane taasisanii seenaan hanga har’aa isaan abaara.

Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaaa dhimmoota seenaa kanaan walqabataniif adeemsa siyaasaa biyya keenyaarratti hayyuu siyaasa Oromoo, hangafticha, Piroofeesar Mararaa Guddinaa waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaata.

Bariisaa: Ka’umsaaf mootonni Itoophiyaa bulchaa turan hedduun Oromoodha jedhamaatii asirratti maal jettu mee piroofeesar?

Piroofeeser Mararaa: Kun beekamaadha. Irri jireessi mootota Itoophiyaa bulchaa turanii dhalootaan Oromoodha. Kanaafis Lij Iyyaasuu, Hayilasillaasee, Mangistuu Hayilamaariyaam, Tafarii Bantiifaa akka fakkeenyaatti kaasuun danda’ama.

Bariisaa: Hoggantoonni biyyaa kunniin dhimma Oromootiif hammam xiyyeeffannaa kennaa turan? Kabajniifi fudhatamummaan isaan Oromoo biratti qaban hoo maaliif gadi bu’e?

Piroofeesar Mararaa: Sanyiinsaanii Oromoo ta’us Oromoof hojjechuu caalaatti Oromoorratti hojjetanii darbaniiru. Imaanaa lammii waan nyaataniif du’a gadhees du’aniiru. Kaanimmoo biyyaa bahaniiru. Oromoo ta’us ta’uu baatus hanga Oromoof hinhojjennetti, sabicha biraa kabaja qabu jedhanii yaaduun dogoggora.

Namni sanyummaasaa caalaatti hojiisaatiin madaalama. Jarreen kunniin aangoo qabatanii masaraa Minilik haa galan malee hamilee Oromoodhaan kennamuufiin machaa’anii Oromoo miidhaa turan. Gochisaanii hamaan isaan Oromoorratti raawwatan hanga har’aatti sabicha biratti akka jibbaman taasiseera.

Lij Iyyaasuun, Hayilasillaaseen, Mangistuun, Tafarii Bantii dhumnisaanii fokkisaadha. Kun akka irra hindeebi’amneef hoggantoonni mootummaa amma aangoorra jiran dammaquu qabu.

Bariisaa: Mootummaan amma aangoorra jiru maal gochuu qaba jettu?

Piroofeesar Mararaa: Gaafa faranjiin harka namaa rukutu, gaafa ormi simalee namaan jedhu garmalee gammaduurra maaliifi, laata jedhanii ofirra galagalanii ilaaluun barbaachisaadha.

Bariisaa: Hamileen nama cimsamoo nama dogoggorsa?

Piroofeesar Mararaa: Hamileen nama dogoggorsas nama cimsas. Kan nama jaju keessa kan nama jaaji’us jira. Kanaaf sochii taasifamu kamuu ija ogummaa siyaasaatiin ilaalaa deemuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Mootonni darbanis ta’e sirnoonni abbaa irree gaaffii Oromoo deebisan qabuu laata?

Piroofeser Mararaa: Oromoon mirga ofiin of bulchuu, mirga hiree ofii ofiin murteessuu, mirga afaaniifi aadaasaa akkasumas duudhaasaa gabbifachuu yeroo dheeraaf gaafachaa tureera.

Sirnoota darban keessatti gaaffiileen kunneen deebii hinarganne. Gaaffiileen abbaa biyyummaa yeroo dheeraaf ka’aa turan nutis wayita barataa turre (sirna Hayilasillaasee keessa) dhagaa darbanneerra. Dargiidhaanis falmaa turre. Gaaffiileen Oromoo hanga ammaa deebii hinarganne.

Bariisaa: Sirna ADWUI keessa hoo gaaffiin Oromoo akkam ture?

Pirofeesar Mararaa: Egaa ADWUI bakka lamatti qoodeen ilaala; ADWUI duraafi lammaffaa jedhee.

ADWUI duraa olola afaaniin ummata burjaajessaafi waliin dhahaa umrii dheereffachaa turus hamma tokko mirga afaan ofiitiin barachuu kenneera. Mootummaa naannoo hundeesseera.  Kanaan ala hannaafi saamicha babal’isuun, qabsaa’ota dararuun gaaffii Oromoo baroota dheeraa lakkoofsisan hindeebisne.

Oromoon qe’eefi qabeenyasaarratti abbummaa hinarganne kan ajaju orma. Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa hintaasisne.

Bariisaa: Adeemsi ADWUI 2fa (haaromee) akkamitti ibsama?

Piroofeesar Mararaa: ADWUI akka haaromuufi jijjiiramni muraasa akka mul’atu kan taasise qeerroodha. Fakkeenyaaf hidhamtoota siyaasaa kumaatamatti lakkaa’aman hidhaadhaa kan baasise, Oromoos hanga ministira muummee ta’uutti kan geessise qabsoo qaalii qeerrooti.

Ministira Muummee ta’uun akkuma jirutti ta’ee imaanaafi gaaffii Oromoon waggoota dheeraaf gaafachaa ture deebisuun murteessaa ta’a. Hanga kun hintaanetti akkuma ADWUI kaleessaa gaaffii Oromoo dhukkubsachiisaa buddeena abjuu nyaachisaa deemuun fagoo nama hindeemsisu.

Dirqama gaaffiin ummataa deebi’uu qaba. Kanaan ala afaaniin guyyaa lakkaa’uun akkuma mootota Oromoo darbanii abaaramaa nama hambisa. Gaaffiin Oromoo dhimma Finfinnee hindeebine. Qonnaan bulaan Oromoo beenyaa madaalawaa lafasaa hinarganne. Kana ADWUI lammaffaanis nan deebisa ibsa jedhe malee waan gadi buuse hinqabu.

Bariisaa: Ijaaraama Paartii Badhaadhinaa akkamiin ilaaltu?

Piroofeesar Mararaa: Paartii haaraa ijaaruunsaanii nun dinqu. Ta’us fudhatamummaa argachuuf gaaffiilee Oromoo kanneen akka federaalizmii dhugaa, mirga abbaa biyyummaa, gaaffii lafaafi daangaafaa qabatamaan deebisuu qaba.

Bariisaa: Paartiileen ADWUI walitti baqan jiru. Miseensi addichaa walitti makamicha hinfudhannes jiraati kun raafama siyaasaa hinfiduu?

Piroofeesar Mararaa: Tokkoomanis kudha tokko ta’anis mirgasaaniiti. Waldheessuun garuu qaawwa isaanitti banuunsaa hinoolu. Kunimmoo murtee mataasaanii gaafata. Waldiddaa isaan gidduutti uumamuun faayidaa ummataatti bu’amuu hinqabu.

Bariisaa: Waldhabdeen yaadaa kun darbee darbee ODP gidduuttillee mul’ataa tureera. Kun qabsoo ummataatti gufuu hinta’uu?

Pirofeesar Mararaa: Miseensota dhaaba tokkoo jidduutti walitti bu’iinsi yaadaa uumamuu danda’a. Isaan waldhibanis qabsoon ummataa ittifufa malee hindhaabatu. Dhimmichi dhimma lammii ofiif hojjechuuti ;dhimma salphaa miti.

Kun ta’us hanga Oromoof qabsaa’ametti eenyuyyuu taanaan gaaffii ummatasaa deebisuuf hojjechuu qaba. Akka isa darbee maqaa Oromoo gonfatanii Oromoo dhabamsiisuun fagoo nama hintarkaanfachiisu.

Siyaasni Oromoo walharee dhufee laga guddaa qarqara gaheera. Siyaasichi ce’ee ummatni  fayyadamaa akka ta’uuf waliin dhaabachuun dirqama. Kun ta’uu baannaan booddeetti walharkisaa jecha ormaatiin liqimfamaa (masakamaa) deemuun balaa guddaa baata.

Qeerroos ta’e qarreen keenya kana booda dhiiguufi aarsaa kaffaluu hinqaban. Waldhabdee ilaalcha siyaasaa mudatuun gaaffiin ummataa ukkaamfamaa bara lakkaa’uu hinqabu.

Bariisaa: Siyaasa Oromoo ceessisuun gaaffii Oromoo deebisuuf paartiileen Oromoo maalitti jirtu?

Piroofeesar Mararaa: Mari’achaa jirra. Kaleessas, dheengaddas Oromoon  tokkummaa dhabuusaatiin faayidaansaa eegamuu dhabe. Paartiileen maqaa Oromootiin sochoonu marti hanga Oromoof qabsoofnetti bu’aa tokkummaan qabu lammiilee keenya dhandhamsiisuuf kutannoon hojjechaa jirra. Dhiyootti murtee tokkorras ni geenya.

Bariisaa: Badhaasa noobeelii Doktar Abiyyi Ahmad akkamiin ilaaltan?

Pioofeesar Mararaa: Badhaasichatti gammadeera; badhaasichi bu’aa qabsooo ilmaan Oromoo waan ta’eef. Badhaasa tattaaffii sirna dimokraasii lafa qabsiisuuf yeroo gabaabduu keessatti taasisaniin argatan waan ta’eef isaaniif mala.

Bariisaa: Yeroo keessan aarsaa gootanii gaafdeebii nu wajjin taasistaniif guddaa isin galateeffanna.

Piroofeesar Mararaa: Isinis galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012

Recommended For You

7 Comments to “Jajjuu keessa jajiituun jirti”

  1. Pingback: บัตร psn
  2. Pingback: Herbalife sign up
  3. Pingback: live bdsm cams
  4. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *