Waggoota 20 dura kolleejjiin ilmaan Oromoof ta’u ilma Oromoo tokkoon baname. Ilmi Oromoo kun Ameerikaatti barataa turee, achitti maatii dhaabbateefi ijoollee shan (dhiira tokkoofi dubara afur) kan hore yoo ta’u, ummatasaa caalchifate biyyasaatti deebi’uun ummatasaatiif bu’aa buusuu eegale. Kolleejjii inni banes baadiyyaa fagoo keessatti dameesaa babal’ifachuun ilmaan harka qal’eeyyii hedduu carraa barnootaa dhaban akka baratan taasiseera. Yeroo gabaabaa keessattis Oromoo biratti beekamtiifi jaalala olaanaa horate.
Haa ta’u malee, sirna tureef bu’aa qarshiif hojjechuu dhabuun kollejjichaa gaaffii waan itti uumeef akka hinhojjenneef danqaa dura kaa’an. Akkuma, “Iji baddus iddoon ijaa hinbaddu” jedhamu silumayyuu kollejjichi ALA bara 2020 bara Oromiyaan itti bilisoomtu jedhee waan kaayyeefatee ka’eef baricha abdiidhaan eeggate malee hincufamne; kolleejjii ‘2020 OPEN’.
Nutis keessummaa Bariisaa har’aatiin hundeessaafi abbaa kolleejii kanaa Piroofesar Bumaddiin Abdulwaahiib waliin turtii taasifneerra. Mul’anni isaan qabatanii ka’an milkaa’eeraa, ammawoo kolleejjichi maalirra jira? Kanneen jedhaniifi yaadoota biroo gaafdeebii taasifneerra, dubbisa gaarii.
Bariisaa: Mee dubbistoota keenyaan walbaraa?
Pirof. Bumaddiin: Tole, maqaan kiyya Bumaddiin Abdulwaahiib jedhama. Abbaa kiyya Abdulwaahiib Aliifi haadha kiyya Zeeyinabaa Abdulqaadirirraa kanin dhaladhe Godina Baalee, magaalaa Roobeetti. Maatiin kiyya ijoollee saddeet kan horan yoo ta’u, ani ilma lammaffaadha. Obboloota dhiiraa afuriifi dubara sadiin qaba.
Bariisaa: Haalli barnootaa keessanoo maal fakkaata?
Pirof. Bumaddiin: Barnoota sadarkaa tokkoffaa kutaa 1-6fa Roobeedhumattin baradhe. Isa booda Finfinnee dhufeen hanga kutaa 10fatti ergan baradhee booda Ameerikaa deeme.
Bariisaa: Haala kamiin ture kan deemtan? Achittoo maal barattan?
Pirof. Bumaddiin: Barri sun bara Dargii ture. Haalonni turan waan namatti hintolleef abbaafi firoota kiyyatu haala naa mijeessee gara Atilaantaa deeme. Ergan achi deemees barnoota kiyya sadarkaa lammaffaa xumureen ‘Clark Atlanta University’ seene.
Kanin barachuuf fedha qabu injinariingii ture. Akkuman kutaa seeneen guyyaadhuma jalqabaa barsiisaan tokko daree seenee baay’ina barattootaa erga argee booda, “Waggaa dhufu walakkaan keessan muummee kana jijjiirtanii barnoota biraa barachuu eegaltu” jedhe.
Nutis “maaliif?” jennee gaafanne. “Sababnisaa injinariingiin herrega hedduu of keessaa qaba. Isinis isa sodaattanii akaakuu barnootaa keessan ni jijjiirtu” nuun jedhe. Anis “Akkamumatti akkas jedha? Mee herreguma inni ni ulfaata jedhu itti seeneen ilaala” jedheen guyyaa sanaa qabee barnoota herregaa ‘meejarii’ koo taasifachuun barumsicha ittifufe.
Bariisaa: Barnoonni biyya ormaatti, sanuu maatiifi biyyarraa fagaatanii hinulfaatuu ture?
Piroof. Bumaddiin: Ulfaachuu hinoolu. Yeroo sana Atilaantaan magaala rakkistuu turte. Sababni isaa magaalaa gurraachi akka malee humna itti godhate ture. Isa dura gurraachi filachuu, filatamuu, warra adii waliin mana nyaataa tokko seenuu, baasii keessa seenuufi kkf hindanda’u ture. Gurraacha caalaa sareetu kabajaa qaba ture. Diddaa sanaaf mormii taasifameen jijjiirama fiduu kan danda’e warra Atilaantaati. Yunvarsiitiin keessatti baradhees gurraachoota beebbeekamoodhaan kan hundaa’edha. Kanaaf haaloonni ulfaatan jiraatan illee hangas mara barumsaaf na hinrakkisne.
Bariisaa: Erga barnoota yunvarsiitii xumurtaniwoo?
Pirof. Bumaddiin: Mana barnootaan jaalladhuufi keessa hojjechuu hawwu ‘More House’ jedhamutu ture. Mana barnootaa kana keessaa gurraachi Ameerikaa beekamaan Doktar Maatrun Za Kiingi barateera. Achi barsiisuu hawwaa waanin tureef akkuman eebbifameen iyyata galfadheen carraa barsiisuu argadhe. Yeroo baay’ee akka gurraachaattis ta’e aadiitti namni baay’een herrega hinbaratu waan tureef carraansaas bal’aa ture.
Haala kanaan gara waggoota kudhaniif barsiisaan ture. Utuun ifaan mindeeffamee barsiisummaa hineegaliin duras yeroo boqonnaa kiyyaatti barsiisaan ture.
Bariisaa: Barnoota digrii lammaffaafi sadaffaawoo barsiisaa barattan moo?
Pirof. Bumaddiin: Lakki ergan takka barsiisee booda barnootuma herregaatiin digrii lammaaffaas sadaffaas xumure. Sanaa booda kaampaanii xiyyaara omishuun beekamuu Booyingi jedhamutti mindaa gaariidhaan mindeeffamee waggoota muraasaaf hojjedhe.
Haa ta’u malee ani fedhiin kiyya inni guddaan barsiisuu waan tureef gara barsiisummaatti deebi’ee ammas gara waggoota kudhaniif barsiise.
Bariisaa: Bariisisummaa jaalachuun keessan kun kolleejjii akka bantaniif ka’umsa ta’eera jechuun ni danda’amaa?
Pirof. Bumaddiin: Eeyyee. Sababumti ani barsiisaa tureefiyyuu guyyaa tokko biyyatti deebi’ee biyya kiyyatti lammii kiyya nan barsiisa yaada jedhu waanin qabuufi. Sanaaf immoo dirqama galaa fudhadhee galu qabaachuun qaba. Galaan kun ammoo barsiisummaadha. Kaniin hojii kaampaanii Booyingiin dhiisee barsisummaatti deebi’eefis kanumaafi. Yoo kaffaltii ta’ee miindaa harka sadii ol caaluun argadha. Jireenya yoo ta’e jireenya qananiin jiraataan ture. Garuu sun galaa naaf hinta’u. Muuxannoo ani kaampaanii sanarraa argadhu hojiin biyya kiyyatti hojjechuuf yaade naaf hindeggaru.
Bariisaa: Mee kolleejjiin ‘2020 OPEN’ akkamitti hundaa’e? Yaadumasaarraa kaasee utuu nuu ibsitanii?
Pirof. Bumaddiin: Ilmi namaa yeroo marayyuu kaayyoo qaba. Bara akkanaatti waan kana bira ga’uun qaba jedhees ni karoorsa. Dura gaafan biyya kiyyaa ba’uu kaayyoon kiyya barachuu ture. Ameerikaa jechuun biyya ati waan feete itti argachuu dandeessuudha. Maallaqa, barnoota, hojiifi kkf gaarii argachuu dandeessa. Haaluma walfakkaatuu biyya itti baduunis salphaa ta’e jechuudha. Araadawwan baala sammuu adoochan, qumaara, hannaafi kkf keessas akka salphaatti seentee baduu ykn karaarraa maquu dandeessa.
Daandii dachaa kana keessatti akka kaayyoofi sarara mataakee qabattee yoo deemuubaatte baduunis salphaadha. Yeroo ani baradhutti ijoolleen biyya keenyaa huccuu babbareedaa uffatanii, konkolaataa gaarii qabatanii bakka babbareedaa oolan ni jiru turan. Ani garuu yeroo sana akkas gochuu hindanda’uun ture. Sababnisaa daandii barumsaa keessaa takkaa ba’anii sarara gadhiisnaan lammata itti deebi’uu hindanda’amu. Haala kanaan aarsaa guddaa kanfaleen barnoota kiyya xumure.
Isaa booda, sarara biraatti ce’uuf karoorfachuun eegale. Barnoota kiyyaan eessatti, maal hojjechuun barbaada isa jedhuu adda baafadheen waan na barbaachisu mijeeffachuu eegale. Karoora kiyyarraa ka’uun waggoota 20f karoora qabadhee ummata kiyya barsiisuuf murteesse. Ameerikaatti lammiilee biyyoota gara garaan barsiisaa ture. Kun garuu gammachuu keessoo na hingonfachiisne. Utuu ummanni kiyya biyyaa barnoota dheebootuu ani orma barsiisuun naaf hiikaa dhabe. Kanarraa ka’uun waanin qabu dhiisee gara biyya kiyyaa dhufe.
Yommuun gara biyyaa dhufus kaayyoon kiyya inni guddaa ALA bara 2020tti wallaaluma nan dhabamsiisa, ummata kiyya hiyyummaa keessaa nan baasa, bilisummaa waggoota dheeraaf dhabnees ni arganna. Ani haala kanaan yoon qooda kiyya ba’aadhe, namni biraas akkasuma qoodasaa ni ba’aata; haala kanaan bara jedhametti hawwii keenya bara dheeraa argachuu dandeenya yaada jedhu ture.
2020 jechuun bara warra Awurooppaa akkuma mul’isu, karaa fayyaatiinis hiika ni qaba. Iji uumaan namaaf kenne lamaan yoo walqixa fayyaa guutuufi agartuu sirrii (‘perfect vision’) qabaate 20, 20 jedhama. Kanaaf yoo ija ishee dhugaafi fayyaa sana kan argannu ta’e barichatti Oromoon sadarkaa irra turerraa gara sadarkaa fooyya’aa tokkotti inuma ce’a ergama jedhus ni qaba. Kanaafi asxaasaarratti illee ‘manatsirii’ kan keenyeef.
Sanarraa ka’uun namoonni gaafa gaaffii na gaafatan illee ani barri 2020 bara jijjiiramaa, waan tokko itti argannu natti fakkaata. Lakkoofsicha keessa zeeroon lama jiraachuun Oromoo bakka bu’uus ni mala; kanaaf waatu jira jedheen deebisa ture.
Inni biraan immoo jecha ‘OPEN’ jedhu sana. Jechichi akkasumaan yoo ilaalamu jecha Ingiliffa isa hiikaa banamaa qabus ni fakkaata. Ani garuu kanin kaayyeffadhee ka’e, ‘Oromo People Educational Network’ isa jedhu ture.
Bariisaa: Egaa barri kun bara 2020. Dhuguma inni isin waggoota 20 dura fagootti ilaaltanii kaatan qabatamaan mul’ateeraaree?
Pirof Bumaddiin: Ilaa, rabbillee gaafa ati waa kadhattu waa hunda al tokkichaan siif hinkennu, suuta suuta sitti kenna malee. Bara amma keessa jirru kana yommuu bara duraatiin walbira qabdee ilaaltu kan jijjiiramni guddaan itti argameedha jechuu ni danda’ama. Waan barbaanne akka barbaannetti argachuu dhabnullee, hamma tokko haamileen ol nu kaatee jirti. Dhala namaatiif ammoo haamileen waan guddaadha. Nama haamilee qabutu yaadallee fiduu danda’a.
Nuti yeroo dheeraaf haamileen keenya tuqamaa ture. Ummata miliyoona shantamatu ummata miliyoona xiqqoodhaan bitamaafi cunqurfamaa ture. Wayita ka’aa jedhan ka’aa, wayita fiiga jedhan fiigaa, wayita utaalaa jedhan utaalaa turre malee, “maaliif” jenneellee gaafachuu hindandeenyu ture. Bara sana keessa dabarree har’a argine. Har’a jaallannus jibbinus biyyi harka Oromoo jirti. Lammiileefi dhaabbileen siyaasaa biyya alaatti dararamaa turan biyya seenuu danda’aniiru; filannoofillee of qopheessuu eegalan jijjiirama bara 2020 keessa argameedha.
Akka waliigalaatti waan fagootti abjo’annee kaanee baay’een isaa ta’eera, kan of duratti ta’uuf deemummoo ni caala. Haalli amma ittiin deemamaa jiru isa gaafannee dhabnellee nuu fida. Kana dura fuuldureedhuma bareedaatu hinturre.
Bariisaa: Gaafa kolleejjii sana bantan jalqaba eessatti eegaltan?
Pirof. Bumaddiin: Pirojektii kana eegaluuf karoora kanin baafadhe waggoota 20 dura ture. Garuu hanga eeyyamni ba’ee haalonni tokko tokko qajeelanitti, waggoota muraasa waan fudhateef hojiinsaa ifatti kan eegale ALA bara 2003tti ture.
Jalqaba hojiinsaa kan eegalames bakka dhaloota kiyyaa, Baalee Roobeefi Arsii, Asallaarratti ture. Yeroo hojii eegallu kanatti yoo xiqqaate barattoota kuma tokko tokko barsiisuuf yaadneetu. Waanti nama dinqu Roobee keessa ergan biyyaa ba’ee, hamman deebi’ee dhufutti kolleejjiin tokkollee hinturre. Yommuun achitti kolleejjii sana banu namoonni baay’ee “maal taate, fayyaa hinqabduu, eenyutu achitti sii barata, kasaaraaf bantamoo?” naan jedhanii turan.
Animmoo ejjennoo kasaaraa jechuun yoo waa tokko hojjechuuf yaaddee bira hinga’iin haftedha jedhun qaba. Ani kolleejjii banee namni barachuu yoo dhabamellee anaaf bu’aadha. Yoo xiqqaate ittigaafatama lammummaa kiyya ba’adheera jedheen amana. Garuu yommuu hojii eegalamu wanti ture faallaadha. Barattoota kumaatamaan lakka’aamantu barachuuf galmaa’e. Nutimmoo nama mara fudhachuu hindandeenye. Sababnisaa bakki, barsiisoonniifi wantoonni barnootaaf barbaachisan nuti qopheessine barattoota kumaa ol keessummeessuuf hindandeessisu ture.
Yeroo kana qabxiidhaan calaluuf dirqamne. Kaayyoon kiyya barattoota shamarranii baayi’naan barsiisuu ture. Barattoota dhufan keessaas walakkaa ol dubartoota turan. Sababnisaas naannawa baadiyyaatti barattoonni carraa kolleejii ykn dhaabbata barnoota olaanaa deemanii barachuu hinqaban. Aadaafi amantiidhaan walqabatee bakka jiran irraa bakka biraa deemanii barachuun hineeyyamamuuf ture. Kanaaf ijoolleen kunneen utuu qabxiifi hawwii qabanii barachuu dhabaa turaniiru. Osoo hinfedhiin kan heerumsiifaman ykn kan biyyaa ba’aanfaatu jira.
Waggaa lammataatti Wallagga Lixaa, Magaalaa Najjootti eegalle. Najjoon Wallagga keessaa biyya fagoo jedhamuudha. Daandiinsaa rakkisaa, ibsaan jenereetaraan malee hinjiru. Shaamaa ibsanneet kaampaasii keenya banne jechuudha. Ittaansuun Arsii Roobeetti banne. Achis daandiifi ibsaan hinjiru. Isaa booda kaayyoo bakkeewwan baadiyyaa fagoo deemuun carraa barnootaa waliin ga’uu qabannee hojjechuutti kaane.
Bariisaa: Yommuu maqaa ‘2020 OPEN’ jedhuun kolleejicha moggaaftan gabaajeesaa keessa maqaan Oromoo jedhu waan jiruuf eeyyama baasuurratti isin hinrakkisnee?
Pirof. Buumaddiin: Maqicha keessasaatuu hiika ani yaade sana qaba malee gubbaansaa isuma isaan beekaniidha. Walaloowwan Alii Birraa jaalannu saansurii baay’ee keessa darba. Yeroos jarri irra keessasaa waan ilaalaniif hingaluuf. Ergaan keessa jirti malee ala akka hintaane hinbeekan. Anillee akkanuma taasise. Irra keessa moggaasa kolleejjichaa akka isaaniif galuutti, hiikaa keessoosaammoo akka nuuf galuttin moggaase.
Bariisaa: Amma kolleejjichi sadarkaa maaliirra jira?
Pirof. Bumaddiin: Yeroo duraa sochiin kolleejjichaa akka malee gaarii ture. Ummata birattis fudhatamummaa olaanaa argatee ture. Inni qabu kanfaltii xiqqaa kanfalee barata, inni hinqabne ammoo carraa barnoota bilisaa argachuun barata; keessumaa dubartoonni. Ijoolleen keenya baay’een ilmaan qonnaan bulaati. Dinagdeensaanii omishaafi gabaa wajjin waan walqabatuuf itti fufaniillee kanfaluu ni dadhabu. Yookiin roobatu bada, ykn horiitu dhuma. Waan kanfaluu dhabaniif garuu namni ari’ame yookiin waraqaa ragaasaa dhowwatame tokkollee hinjiru. Guyyaa galmee ykn kanfaltii dabarsee kan adabames hinjiru.
Sababoota kanneenirraa ka’uun kolleejichi yeroo baay’ee dhiibbaa keessa seena. Mindaa hojjettootaa kanfaluufillee ni rakkata. Gochi kun gama mootummaatiinis dhiibbaa nurratti uumeera. “Jarri kun hojii biiznasii hojjechaa hinjiran. Kanfaltii isaan kanfalchiisan xiqqaadha (barataan ji’aan qarshii 100 kanfala), baay’ee tola barsiisu. Baadiyyaa keessa bakka daandiifi ibsaan hinjirre filatanii deemu. Kaayyoo biraa qabu jechuudha” jechuun siyaasaan walqabsiisanii dhiibbaa olaanaa nurratti uumuu eegalan.
Dameen kolleejjichaa 80 ol ture, dhiibbaa nurratti taasifameen guutummaatti akka hojii dhaabuuf shirri hinxaxamne hinturre. Ta’us kolleejjiin tokko mana shaayii ykn mana nyaataa miti. Akka barbaadde cuftee deemuu hindandeessu. Seenaadhaan waan walqabatutu jira. Rikardii ijoolleetiin walqabata. Barataan keenya waggaa 15 dura nu bira barate yeroo barbaadetti waraqaa ragaasaa argachuu waan qabuuf cufnee keessaa ba’uun ulfaataadha.
Akkuma Oromoon “Baraafi furguggee gadi jedhanii dabrsu” jedhu sana bara 2020tti ammoo haamilee guddaa waan qabnuuf inuma keessaa baanaa jennee tattaafataa jirra. Erga of mul’isuun badii ta’ee, harka lafa jalaatiin waan hojjennu hojjenna jennee socho’aadhuma jirra. Dameewwan kolleejjichaa keessaa %70 ol cufamee ture, bakkatti deebisuuf sochii taasisneen %50 deebisuu dandeenyeerra. Isa duraa olitti sagantaawwan addaddaallee itti daballee hojjechuuf yaadneerra. Deggarsi namooti nuuf taasisaa jiranis haamilee cimaa nutti horeera. Kanaaf waan caaluun as ba’uuf jirra.
Bariisaa: Sagantaa ‘Faaya Oromiyaa’ jedhuullee qopheessuun ni beekamtu. Innoo achumaan hafemoo?
Pirof. Buumaddiin: Sagantichi waldorgommii miidhaginaa yoo ta’u, aadaafi miidhagina Oromoo baasanii agarsiisuuf kan qophaa’eedha. Gaafan godinoota Oromiyaa keessa deemee kolleejjota kanneen banu shamarran Oromoo babbareeduu baay’inaan arguuf carraa argadheen ture. Ilaalchi dur ture yoo intalli Oromoo bareedduun tokkoo huccuu bareedaa uffattee Afaan Oromoo dubbatte, “Oromoodhaayii” jedhanii ilaalu. Sun akka sirratuuf Oromummaadhumti miidhagina akka ta’e beeksisuuf sagantaa qophaa’e ture. Innis addaan citeera. Kanas irra caalaa bareechinee ittiin hojjechuuf qophii xumurreerra.
Bariisaa: Mee Ameerikaa biyya mijattuu sana dhiistanii dhuftanii, baadiyyaa fagoo deemuun kollejjoota banaa turtan. Isumayyuu akka yaaddanitti isinii hindeemne. Bu’aas irraa hinarganne. Haalli ture isinitti ulfaatee abdii isin hinkutachiisnee?
Pirof. Buumaddiin: Yommuu irra keessasaa ilaaltu ni ulfaata. Fakkeenya tokkon sii kaasa. “Addunyaa kanarratti artiistii bareedaan eenyunni?” jedhame utuu gaafatamee deebiin namoota hundaa addadda ta’uu mala. Tokko Maayikil Jaaksan jechuu danda’a, anaaf immoo Alii Birraa kan naa caalu hinjiru. Sababnisaa qabeenya keetu si gammachiisa malee qabeenyi namaa sitti hinmiidhagsu.
Dhugaadha, yeroon Ameerikaa keessa ture waatota hunda nan argadha. Ta’uyyuu waan kan kee hintaaneef sin gammachiisu. Ati qofaakee jireenya bareedaa keessa jiraattee, ummanni kee gadadoo keessa yoo jiraate hiika hinqabu. Umriin dhala namaa gabaabaadha, hammam akka jiraannu hinbeeknu. Umrii kanatti qabeenyaafi beekumsa qabduun ummata kee hinfayyaddu taanaan gammachuu hinqabdu. Gammachuu kan argattu ummata kee bira teessee yoo gargaarteedha. Ani baadiyyaa keessa yommuun deemu ijoolleen gadii baatee “kolleejjii keessanittin baradhe, amma asiin hojjedha” jettee yommuu na dubbistu arguu caalaa maaltu nama gammachiisa mee?
Anaafi qabeenyiifi kaappitaallii kiyya guddaan kana. Ummata kaleessa rakkataa ture har’a carraa ati uumteetti fayyadamee baratee, ofiifi maatiisaa yoo gargaaru arguun jireenya qananii isa biyya ormaa caalaa si gammachiisa.
Seenaa tokko siif haa himu. Doktaratu biyya wayi daawwwata, bakka hedduu erga daawwachiisan booda bakka awwaalchaa geessan. Innis ilaaluu eegalee, yommuu maqaa awwaalarratti barreeffame argu. Piroofesar abaluu abaluu dhalatanii waggaa 15tti du’an, doktar abaluu dhalatanii wagga shanitti du’an, kan jedhu arge. Dinqamee namicha isa daawwachiisuun “biyya kana keessatti piroofesarummaa ykn doktarummaa yeroo gabaabaa keessatti argatu jechuudhaa? jedhee gaafate. Inni daawwachiisuus “lakkii biyya kanatti hamma jiraatte osoo hintaane, hamma bu’aa buuseetu lakkaa’ama” jedheen. Yommuu kana doktarichi “ani amma doktara, biyyaafi ummatakoof waanin buuse hinqabu, utuun du’e maaltu naa barreeffamaree jedhee gaafata. Namichis siif “akkuma dhalateen du’e” jedhanii itti sii barreessu jedheen. Kanaaf nutillee akkuma dhalanneen akka hinduuneef ummata ofiif waa buusuu qabna jechuudha.
Bariisaa: Piroofesar, kana booda gara Ameerikaatti deebi’uu yaaddumoo?
Pirof. Bumaddiin: Barana umuriin kee dadhabu biyyatti galta malee biyyaa hinbaatu. Amma umriin kiyya kan biyyatti itti galaniidha. Bara biyyi keenya nuu mijachaa jirtu kanatti dhiisnee hinbaanu. Amma miti yeroo rakkisaa sanayyuu dhiisnee biraa hindeemne.
Bariisaa: Mee haala siyaasa biyya kanaa akkamiin ilaaltu?
Piroof. Buumaddiin: Haala jiru raaguun xiqqoo ni ulfaata. Garuu waantonni hundi harka keenya waan jiran natti fakkaata. Biyyattii balleessuus ta’u tolchuun harkuma ummataa jira. Kana malee mootummaafi ummanni waan walirraa fagaate natti fakkaata. Walitti dhihaachuun daran barbaachisaadha.
Filannoon itti adeemaa jirru filannoo nagaa ta’uun daran murteessaadha. Kanarratti xiyyeeffannaan itti kennamee wal hubachaa deemuun dirqama. Carraan ammaan dura Itoophiyaa keessatti ummataaf kennamee hinbeekne amma kennamee ummanni kan barbaadu filachuu qaba. Mootummaanis mootummaa dhugaa ta’uu qaba.
Hanqinoota jiran waliin ilaalaa hiikuu deemuu barbaachisa. Mootummaan waan ummanni jedhu tasgabbaa’ee, taa’ee, dhaggeeffatee deebii itti kennuu qaba. Kana yoo hintaane biyyi nagaa hinargattu. Ummanni amma waa tokko sodaataa du’uurra, lole du’uu naa wayya ejennoo jedhu qaba. Kanaaf mootummaan dhimma kana qalbiin ilaaluu qaba.
Waa’een nageenya dhabuu biyyattii kan nama yaaddeessuudha. Biyyi nagaa hinqabne lafa yaadde ga’uu hindandeessu. Hiyyummaafi wallaaluma keessaa ba’uu kan dandeenyu yoo biyyi nagaa qabaatte qofa. Dhimmi dhaabbilee barnootaa keessatti mul’atu kan nama yaaddessuudha. Mootummaan haala kana to’achuu qaba. Ijoollee barattootaa ofitti qabee haalaan barsiisuun irra jiraata. Yunvarsiitiin bakka walitti dhihaatanii biyyaaf furmaata barbaadan malee bakka rakkoon itti uumamu ta’uu hinqabu. Itoophiyaan Itoophiyaa taatee itti fufuu kan dandeessu yoo humna nama baratee qabaatteedha. Waggaa tokko yunvarsiitiirraa hafuu jechuun kasaaraansaa xiqqaa miti. Rakkoon kun asumatti yoo hinfuramne gara sadarkaa tokkoffaafi lammaffaattiillee deemuun biyya balaa keessa buusuu mala.
Bariisaa: Mee dhumarratti mootummaafis ta’e ummataaf maal dhaamtu?
Pirof. Bumaddiin: Ani mootummaaf kanin dhaamu, tarii gubbaarraa waan gaariitu gadi bu’a ta’a. Warri gadi buusummoo waan gaarii waan hojjetaa jiran natti hinfakkaatu. Yommuu ilaallu mootummaan ergaa bareedaa qaba malee ergamaa bareedaa hinqabu. Ergaafi ergamaan ammoo tokko ta’uu irra jiraata. Rabbii ykn Waaqni yommuu Qur’aana ykn Macaafa Qulqulluu gadi buusu nabiyyoota/ ergamoota filatee erga.
Mootummaanis kan ilaaluu danda’u qaba. Ergamtoota biyya kana diiguu barbaadan, warra mootummaafi ummata walitti buusanii waa argachuu barbaadan of jalaa qaba. Kana calaluu qaba. Warra kana dura biyya jeeqaa ture waliin ammayyuu hojjetaa jira; kanneen sirreessuun dirqama.
Ummannis ga’eesaa ba’aachuu qaba. Fakkeenyaaf abbootiin qabeenyaa waa argachuuf kiisii raawwachiistootaa guutuu qofa osoo hintaane biyya ijaaruurrattillee hojjechuu qabu. Gamoo ijaaruu qofa osoo hintaane akkamiin sammuu namaa ijaaruun akka danda’amuus itti yaaduu qabu.
Inni biraa Oromiyaa jechuun akka Kaalifoorniyaa Ameerikaati. Kana jechuun Kaalifoorniyaan qofaashee utuu akka biyyaatti dhaabate addunyaarraa sadarkaa torbaffaa yookiin saddeettaffaarra dhaabachuu dandeessi. Oromiyaanis utuu akka biyyaatti ilaalamte Afrikaa keessaa biyyoota warra qabaataa bira ga’uu dandeessi. Ta’us qabeenyishee jalaa dhokatee nama biraatu itti fayyadamaa ture. Biyyashee irraa fudhatanii nama biraatu itti fayyadamaa ture.
Ammammoo bara 2020tti waa hundi deebi’ee sirrataa jira. Of durammoo kanaa ol taati. Kanaaf hanga dandeenye biyya keenya guddisuuf walta’uu qabna. Kana dura waljibbaa, walirratti ka’aafi wal tuffataa turre. Kun waggoota 100 oliif nu hinbaasne. Amma hundaa ol tokkummaatu nu barbaachisa. Wal haa dhageenyu, wal haa hubannu. Walirraa haa barannu, wal haa kabajnu.
Ilmi namaa waan gaarii hojjetame dhiisee waan yaraa kee barbaaduun amalasaati. Waanin dubbise tokko siif qooda. Namicha tokkotu saree tokko qaba. Yommuu hojiirraa ba’u yeroo mara sareesaa kana fudhatee paarkii keessa deemee waliin taphata. Muka darbatee, sareen fuudhee itti kenna. Gaaf tokko utuu deemanii mukti namichi qabate bishaan keessa jalaa bu’e. Yoo kana sarichi fiigee akkuma lafarra deemuutti deemee fidaaf. Namichi baay’ee riifatee, waan argu amanuu dhabe. Anatu fayyaa miti jedhee of shakkee, ammas mukicha darbate. Ammas sarichi bishaanirra deemee fidee itti kenne.
Ammas amanuu waan dadhabeef galee rafee borumtaa ganama saricha qabatee lafa bishaanichaa dhufee, ammas mukicha gaafa darbatu sareen akkuma duraa deemee fideef. Yoo kana wantichi dhugaa ta’uu hubatee hiriyyaasaatti raajii kana agarsiisuuf waame. Akkuma bare muka bishaanitti darbee, sareen bishaan irra deemee mukicha fide. “Agartee, raajii sareen kiyya hojjetu?” jedhee hiriyyaasaa gaafate. Hiriyyaansaas “Eeyyee arge, maal sareen kee bishaan daakuu hindanda’u jechuudhaa?” jedheen.
Kana jechuun warra waan guddaa hojjetame dhiisanii waan xiqqoo funaananii odeessutu jira. Diinonni keenya baay’een waan gaarii hojjetamu ilaaluu dhiisanii dadhabina keenya haasa’u. Kanneen “Oromoon biyya bulchuu hindanda’u” jedhantu jiru. Nutimmoo kana isaan harkaa fuunee isaan waliin odeessuu osoo hintaane hojiidhaan agarsiisuutu nurra jiraata ergaa jedhuun qaba.
Saamraawiit Girmaatiin
Suurri Gabaaboo Gabreetiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012
6 Comments to “Iccitii moggaasa kolleejjii 2020 OPENfi imalasaa waggoota 20”