Wixineen labsii haasaa jibbiinsaa falmisiisaa jira

Finfinnee: Ukkaamsaan mirgoota dimokraasii ture yemmuu ka’uu eegaluutti gabaan yaadaa gar malee hoo’ee waan tureef mirga ofii ibsachuu bira darbee hanga mirga nama ykn qaama biraatti bu’uutti ga’amaa jira.

Yaada ofii bilisaan ibsachuun mirga heerri biyyattii lammilee hundaaf kenne ta’us, mirga qaama birootti bu’uun immoo yakka ta’uus heerumti biyyaa kun ni addeessa.

Oduun sobaafi haasaan jibbiinsaa mirga yaada ofii ibsachuun walitti makamanii qilleensa biyyaa faalaa turan garuu buqqaatiifi dhumaatii lammiilee hedduuf sababa ta’aa jiraachuu Abbaan Alangaa Federaalaa ni ibsa.

Wixinee labsii haasaa jibbiinsaafi oduu sobaa qophaa’e irratti galtee sassaabuuf marii Manni maree Bakka Bu’oota Ummataa qopheesserratti haasawaa kan taasisan Abbaa Alangaa Ittaanaan Abbaa Alangee Federaalaa Doktar Geedi’oon Xemootiyos, labsiin kun rakkoolee yeroo ammaa sababa kanaan uumamaa furuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbatu.

Kaayyoon labsichaa haasaa jibbiinsaafi oduu sobaa ittisuun alatti mirga nama dhuunfaa daangeessuudhaaf yaadamee kan hintaane ta’uu eeranii, yeroo labsichi hojirra ooluttis taanaan mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu akka hintuqamneef yaaliin kan taasifamu ta’uu ibsu.

Hirmaattoonni marichaa garuu barbaachisummaa labsichaa irratti gaaffii kaasuudhaan labsichi mirga heerri lammiileef kenne kan sharafu ta’uu akeekachiisaniiru.

Mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu bu’ura mirgoota hundaa ta’uu kan himan Daarektara Giddu Gala Dagaagina Dimokraasii kan ta’an Obbo Ammahaa Mokonnin,  labsiin haaraa qophaa’e kun immoo  mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kan daangeessu waan ta’eef irra deebiidhaan ilaalamuu kan qabu ta’uu ibsu.

Haasaan jibbiinsaa kun qaama tokkoof haasaa jibbiinsaa yemmuu ta’u, qaama isa birootiif immoo mirga ofii ibsachuu haalli itti ta’u jiraachuu waan danda’uuf wanta kana labsiidhaan too’achuun hedduu kan ulfaatu ta’uus ni himu.

Bakka seerotni kanaan dura bahan hinkabajaminitti seera haaraa baasuun bu’aa tokkos waan hinqabneef isa haaraa baasuun dura isaanuma turanuu kabachiisuun kan barbaachisu ta’uu dubbatu.

Haalota haasaan jibbiinsaa ittiin dhihaataan jedhamee adda bahame keessaa inni tokko suuraa ta’uusaatiin wal qabatee wantoota walxaxaa hedduu kan of keessaa qabu ta’uu kan himan immoo Ministeera Innooveeshiiniifi Teknolojiitti Ogeessi Seeraa Obbo Ayyaalnaw Lammaa, hiikkaan suuraa akka abbaan ilaaletti waan ta’eef hiikkaa isa kamiin haasaa jibbiinsaa akka jedhamu ifa akka hintaane himu.

Kanaan alattis haasaa tokko kan jibbiinsaafi jibbiinsa hintaane eenyuufi akkamitti akka adda bahus hinbeekamu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

4 Comments to “Wixineen labsii haasaa jibbiinsaa falmisiisaa jira”

  1. Pingback: lsm99
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: ltobet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *