Keessummaan keenya maxxansa kanaa hayyuu saayinsii bosonaa Doktar Girmaa Amanteeti. Doktar Girmaan yeroo ammaa Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaa Misooma Baadiyyaa Oromiyaa ta’uun hojjechaa jiru. Gaafdeebiin isaan Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisanis akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii gabaabaatti nuu ibsaamee.
Doktar Girmaa: Bakki dhalootaa koo bakka har’a Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal Aanaa Dibaaxee jedhamuttan dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa godinichattan baradhe. Digirii koo jalqabaa Yunivarsitii Haramayyaatti baradheen Saayinsii Bosonaatiin eebbifame. Isa booda Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaatti ramadamee waggoota sadiif ergan hojjedhee booda carraa barnootaa argadheen digirii koo lammaffaa (MA) Siwiidinitti ammas Saayinsii Bosonaatiin eebbifamee biyyaatti deebi’uun waajjiran duraan keessaa hojjechaa turetti hojii ittifufe. Waggaa tokko booda ammas carraa barumsaa argadhee Jarmanitti digirii koo sadaffaa (PhD) waggoota sadiif baradheen Saayinsii Bosonaatiin eebbifamee gara biyyaatti deebi’e.
Waraqaan qorannoo koo digirii lammaffaafi sadaffaas mataduree, “Bosona hirmaannaa ummataatiin bulchuu” jedhu irratti xiyyeeffata. Qorannoon kun walitti bu’iinsa bosonaafi hawaasa gidduu jiru furuun bosonni hirmaannaa ummataatiin akka bulu kan taasisuudha.
Bariisaa: Barnootaan booda hojiilee akkamiirratti hirmaachaa turtan?
Doktar Girmaa: Digirii koo jalqabaa xumuree yeroon Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa keessa hojjechaa ture hojii pirojektii muka qoraanii Mojoo waggoota sadiif hogganeera. Digirii koo lammaffaa xumurees waajjiruma koo duraaniitti deebi’ee otoon hojjechaa jiruu Pirojektii Kunuunsa Bosona Adaabbaa-Dodolaa Hirmaannaa Ummataatiin Bulchuu jedhu qindeessaan ture. Qindeessaa pirojektichaa ta’ee gara Baaleetti kan na erge ammoo Biiroo Qonnaa Oromiyaati. Pirojektichi mootummaa Jarman wajjin waan hojjetamuuf digirii koo sadaffaa Jarmanitti akkan baradhuuf carraa naa baneera.
Adaabbaa-Dodolaan biyyattii keessaa bakka bosona hirmaannaa ummataatiin bulchuun itti kalaqameedha. Muuxannoo kana Oromiyaa keessatti babal’isuun dura gaara Mojootti irratti hojjechaan ture. Yeroo ammaa bosonni naannawaa Mojoo hirmaannaa ummataatiin bulaa jira. Bu’aan bosonicharraa argamu hangamtu waldaalee bosona sana eeganiifi mootummaaf kennamuu akka qabu qaamoleen lamaan walii mallatteessuun bosonichi hirmaannaa ummataatiin akka bulu ta’eera. Bu’aan qorannoo koos iddoowwan baay’eetti hojiirra ooleera.
Digirii koo sadaffaa xumuree filannoo biyyaalessaa bara 1997 booda akkuman gara biyyaatti deebi’een yeroo sana Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan turan Obbo Abbaaduulaa Gammadaa Oromiyaa keessatti hojiilee misoomaa karaa adda ta’een hojjechuuf yaadni akka jiruufi pirezidaantichi hojiichaaf akka waajjirasaaniitti na barbaadan natti himame.
Anis waajjira pirezidaantichaa dhaqee haalatti hojichi hojjetamurratti yaada koo dhiyeesse. Isa booda koree tekniikii hojicha geggeessu akkan qindeessuuf carraan naa kenname. Carrichas jireenya koo keessatti carraa addaati jedheen fudhadhe.
Bariisaa: Hojiin korichaa maal ture?
Doktar Girmaa: Korichi gammoojjii Oromiyaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuufi hiyyummaa bu’uurarraa hir’isuun akka danda’amurratti yaada dhiyeessuu ture. Hojii tekniikii Kitaaba Gootota Misoomaa dhiyeenya kana eebbifamee abbummaan kan jalqabe ana. Yeroo sana ijaarsa pirojektoota jallisii Fantaallee, Tibilaafi bishaan Booranaa gammoojjiiwwan Oromiyaa hunda keessatti akka hojjetamaniif “karoora maraataa” baafannee hojiitti seenne.
Duraan biiroo teenyee karoora baafnee kana raawwadhaa jenna turre. Karoora hojii misoomaa kana utuu hinkaroorfatin dura ummata bira dhaqnee rakkoo jiru gaafannee adda baafanne. Nutis waan ummatni kaase walitti fidnee ija ogummaatiin erga ilaallee booda waan duraa duubaan barbaadamurratti xiyyeeffachuun karoora baafannee hojiitti seenne.
Duraan ummatni sadarkaa tokkoffaarratti utuu bishaan dhugaatii gaafatuu mootummaan mana barumsaa, hospitaalaafi kilinikii ijaaraa ture. Horsiisee bulaan garuu rakkoo bishaaniirraa kan ka’e pirojektota mootummaan ijaareef dhiisee godaana. Rakkoolee naannawaa horsiisee bulaa qorannee karoora waggaa shanii baafachuun ji’a shan nutti fudhate. Hojiileen haala kanaan karoorfamanis gammoojjiiwwan Godinaalee Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Boorana, Gujii, Baalee, Aanaa Fantaallee keessatti akka hojiirra oolan ta’e. Kun sagantaa ulaa misooma Oromiyaa jedhamee waamama.
Ulaa misoomaa kanas kan Oromiyaa bahaa, giddugaleessaafi lixaa jennee bakka sadiitti qooduun qorannoo keenya ittifufne. Qorannoo ulaa misoomaa Oromiyaa kana ji’oota shaniif ergan hojjedhee booda Dhaabbata Qorannoofi Diizayinii Bishaan Oromiyaatti Daariktara Ittaanaa ta’ee hojjechuuf carraa argadhe.
Bariisaa: Dhaabbatichi hojii akkamii irratti xiyyeeffatee hojjechaa ture?
Doktar Girmaa: Dhaabbaticha keessattis qorannoo ulaa misoomaa Oromiyaa akka koreetti jalqabne akka dhaabbataatti itti fufsiisuudhaan ittifayyadama lafa Oromiyaarratti hojiirra oolchuu jalqabne. Qorannoon kun gaaffii qonnaan bultoonni lafti dheedichaa keenya lafa qonnaatiin dhaalamaa jira jedhaniif deebii kan kennuudha. Qorannichi lafti qonnaa qonnaaf, lafti dheedichaa, dheedichaaf, lafti ijaarsaa ijaarsaaf, lafti bosonaa bosonaaf akka ta’u kan taasisuudha. Qorannoon ittifayyadama lafa Oromiyaa godinaalee Harargee lamaaniifi Booranatti kan jalqabame yoo ta’u, yeroo ammaa %90n xumurameera. Ittifayyadama lafaa jechuun faayidaa lafti keenya caalaatti kennu hubannee itti fayyadamuuf nu gargaara.
Bariisaa: Qorannoon Ittifayyadama lafaa kun bu’aa maalii buuse?
Doktar Girmaa: Qorannichi qabeenya bosonaa biyyattiin qabdu keessaa %60-70 ta’u Oromiyaa keessatti kan argamu ta’uufi Oromiyaan qabeenyicharraa fayyadamaa kan hinjirre ta’uu mirkaneesseera. Oromiyaan qabeenya guddaa kanarraa akka fayyadamtu, galii irraa argattuufi bulchitu taasisuu qabna jennee Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa hundeessine. Yaadichi kan koo waan ta’eef dhaabbaticha akkan hundeessuufi hoogganuuf carraan naa kenname. Waggoota shaniif daarektara olaanaa dhaabbatichaa ta’ees tajaajileera.
Bariisaa: Hojiilee guguddoon dhaabbatichi irratti xiyyeeffatee hojjechaa tureefi bu’aaleen galmaa’an akkamitti ibsamu?
Doktar Girmaa: Dhaabbaticha keessatti hojiilee hedduutu raawwatamaa ture. Hojiilee raawwatamaa turan keessaa inni ijoon bosona uumamaa Oromiyaan qabdu eeguufi kunuunsuun dhalootatti dabarsuudha. Dhaabbatichi utubaa muka ibsaa Itoophiyaan Afirikaa Kibbaarraa bittee galchaa turte hambisuuf Korporeeshiinii Humna Ibsaa wajjin waliigaltee taasisuudhaan utubaa muka ibsaa kuma 500 qarshii miiliyoona 50n dhiyeessuun danda’ameera.
Dhaabbatichi daldala kaarbaniirrattis xiyyeeffatee hojjetaa turre. Hojiin kun bosona gaarreen Baaleerratti jalqabame. Bosonni Gaarreen Baalee Somba addunyaati. Jijjiiramni qilleensaa daangaa waan hinqabneef aarri gubataan Chaayinaas ta’e Ameerikaan qilleensatti gad lakkisan nu bira dhufa. Bosonni Oromiyaan qabdu aara gubataa qilleensatti gad lakkifamu xuuxuun Oromiyaaf, biyyattiifi addunyaaf gumaacha guddaa taasisaa jira.
Tajaajila bosonni Oromiyaa kennu kana tilmaamnee kaffaltiitti jijjiiruuf pirojektii ‘Reed Pilaas’ jedhu Baaleerratti jalqabne. Baankiin Addunyaa dhimma kana irratti hojjechuuf gara Itoophiyaa yeroo dhufu Oromiyaan tarkaanfii tokko durseera. Yeroo ammaa immoo doolaara miiliyoona 18 Baankiin Addunyaa ramadeen sagantaa kunuunsa bosona Oromiyaa qopheessaa jirra.
Sagantichi yeroo gabaabaa keessatti hojiirra kan oolu yoo ta’u, aara gubataa (kaarbanii) qilleensatti gad lakkifamu toonii miliyoona 50 hir’isa. Kana keessaa Baankiin Addunyaa toonii miliyoona 10 bituuf waliigaltee taasiseera. Bu’aa bosonni naannichaa qilleensaaf qabu tilmaamnee galii irraa argachuuf dursinee yaadneefi karoorfannee hojjechaa turre. Tattaaffii taasifameen qabeenya uumamaa Oromiyaan qabdu keessaa bosonni Yaayyoos ‘UNESCO’tti akka galmaa’u ta’eera.
Oromiyaa keessaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee, Paarkiiwwan Biyyaalessaa Abjaataa Shaalaafi Awaash mootummaa federaalaatiin hundaa’e. Qabeenya bosonaafi bineensota Oromiyaan qabdu qorannee paarkii dabalataa hundeessuuf yaalii taasifneen Paarkii Dhaatii Walal kan Godina Qeellem Wallaggaatti argamu, Paarkiiwwan Gaarreen Arsiifi Booranaa hundeessine. Paarkiin Dhaatii Walal lafa heektaara kuma 100 irratti kan hundeeffame yoo ta’u, baay’ina gafarsaafi roobiitiin beekama. Paarkiin akkasii addunyaa irraa daran muraasa.
Haalli teessuma lafaa Paarkii Arsii kan paarkii biyyaalessaa Baalee wajjin waan walfakkaatuuf jeedalli diimaafi gadamsi baddaa paarkota lamaan keessatti argamu. Paarkiin Booranaa ammoo simbirroota Itoophiyaa malee biyya hinargamne, Itoophiyaa keessaa ammoo Oromiyaa, Godinaalee Booranaafi Gujii qofatti argaman qabaachuudhaan beekama.
Tuuristoonni addunyaa simbirroota qofa ilaaluu barbaadan gara paarkichaa dhufanii daaw’achaa jiru. Paarkichi Yaa’abal’ootti kan argamu yoo ta’u, hardiida akaakuuwwan lama of keessaa qaba. Otuman haala kanaan hojjechaa jiruu Pirezidaantii Yunivarsitii Haramayaa ta’ee waggaa sadiif hojjedhe.
Bariisaa: Yunivarsitii digirii jalqabaa itti barattanitti pirezidaantii yeroo turtan jijjiiramni argamsiistan akkamitti ibsama?
Doktar Girmaa: Yunivarsitichi Oromiyaa keessatti yunivarsitii hangafa ta’ee utuu jiruu walitti hidhamiinsi inni yeroo sana hawaasa naannawaa wajjin qabu laafaa ture. Teknolojiiwwan adda addaa baasuufi qorannoowwan adeemsisee walitti hidhamiinsasaa waantota baay’ee yaaleera.
Ergan waggoota sadiif pirezidaantii yunivarsitichaa ta’ee hojjedhee booda qorannoo dabalataatiif Jarman deeme. Oggaa sana hojii hooggansaarraa gara hojii ogummaatti deebi’uun barbaadaa ture.
Hiriyoonni koo warri Jarmanitti waliin baranne biyyoota adda addaatti biiroo banatanii hojii gorsummaa hojjechaa turan. Kanneen keessaa kan Ugaandaatti argamu akkan geggeessuuf gaafatameen ture. Anis isaan waliin hojjechuuf murteeffadheen ture.
Kaampaanichi ‘Unique Forestry and Land Use’ jedhama. Hojiin kaampaanichaa hojii kunuunsa bosonaafi itti fayyadama lafaa ani Oromiyaa keessatti hojjechaa ture waliin kan walfakkaatuudha. Ugaandaa deemuuf fedhii waanan hinqabneef biiroosaanii Finfinneetti akka banataniif waliigalle. Utuun kanaan jiruu affeerraan biraa naaf dhufe. Ministira Dhaabbilee Misoomaa Federaalaa ta’ee akkan hojjedhuuf carraan naa kenname.
Bariisaa: Yeroo ministira Dhaabbilee Misoomaa Federaalaa turtanitti maal hojjettanii milkooftan?
Doktar Girmaa: Hojii ogummaatti deebi’uu waanan barbaadeef gara hooggansaatti dhufuun fedhii koo ta’uu baatus turtii koo waggaa tokkoofi walakkaatti wantoota itti bu’amuuf sodaataamaa turan hedduu jijjiireera.
Hojjettoonni dhaabbatichaa hedduun miseensa boordiilee adda addaa turan. Miseensa boordii ta’uun kaffaltii waan qabuuf namni tokko hanga boordii shanii keessa ture. Namni tokko boordii tokkoo ol keessa akka hinjiraanneef qajeelfamni akka bahu taasisee hojiirra oolcheera. “Waan hanga ammaatti tajaajilteef galatoomi” jedheen xalayaadhaan miseensummaa boordii irraa kaasaa ture. Dhimma pirojektota guguddoo ‘METEC’ itti taphachaa turees paarlaamaaf dhiyeesseera. Eddii Doktar Abiyyi Ahmad Ministira Muummee ta’anii booda ammoo sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti hogganaa Sektara Misooma Magaalaa Oromiyaa ta’ee akkan hojjedhuuf carraan naa kenname.
Bariisaa: Sektara kanatti maal hojjetan? Bu’aan galmaa’e hoo akkamiis galmeessistan?
Doktar Girmaa: Sektara kana hoogganuun ogummaafi muuxannoo koo wajjin waan hindeemneef hingammannen ture. Garuummoo namni barate waan baay’ee gara gaggalchee waan ilaaluuf waan tokko dafee hubachuu danda’a. Haala hojmaata sektarichaa hubachuuf tattaaffii cimaan taasise. Darbees foramiin magaalotaa sadarkaa federaalaa qofatti ture sadarkaa Oromiyaattis akka qophaa’u taasiseera. Kanaanis magaalotni Oromiyaa akka walirraa barataniifi muuxannoo walirraa qooddatan ta’eera.
Akka sadarkaan misooma magaalaa mootummaan federaalaa baase mul’isutti, bakki magariisummaa magaalaa tokkoo %30, iddoon tajaajilawwan gara garaa %30fi jiddugalaan harki 35 ammoo bu’uuraalee misoomaa ta’uu qaba jedha. Magaalotni naannichaa garuu biqiltuu dhaabuu malee lafa hangamiirra dhaabuu akka qaban hinbeekan turan. Akkasumas daangaasaanii sirriitti waan hinbeekneef lafti magariisa uffate hangam akka ta’eefi hangamitti guddisuuf akka hojjetan hinbeekan turan. Kanaafuu magaalotni naannichaa ulaagaa magaalotni addunyaa kaa’an ka’umsa godhachuudhaan karoora bara 2011 akka qopheeffatan taasiseera.
Magaalotni
naannichaa hojmaata ittiin qajeelfamanirratti hanqina guddaa qabu. Akkaataa
manni gandaa ittiin bulu, gandiifi kutaan magaalaa ittiin itti hundaa’u rakkoo
qaba. Hojimaata kana sirreessuuf yaalleerra. Sektera Misooma Magaalaa ji’oota
ja’aaf ergan hoogganee booda bara darberraa eegalee Sadarkaa Pirezidaantii
Ittaanaatiin Hoogganaa Sektara Misooma
Baadiyyaa ta’een hojjechaa jira.
Bariisaa: Sektarri Misooma Baadiyyaa hojiilee akkamiiirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira?
Doktar Girmaa: Sektarri kun iddoo ani Oromoofi Oromiyaaf bu’aa guddaa buusuun danda’a jedhee itti hojjechaa jiru keessaa tokko. Ummatni Oromoo %85 baadiyyaa keessa jiraata. Oromoofi Oromiyaa jijjiiruuf ammoo dura baadiyyaa jijjiiruun dirqama. Sektarichi wantoota guguddoo afurirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Isaanis qonna, bishaan, daandii baadiyyaa, bosonaafi jijjiirama qilleensaati.
Qonna Oromiyaa beekumsarratti hundaa’uun ceessisuufi bu’uurarraa jijjiiruuf hayyoota damee qonnaa wajjin mari’annee wantoota yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraa keessatti raawwachuu qabnu karoorfanne. Qonna naannichaa jijjiiruufi omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf teknolojii qonnaa diriirsuu, dhiyeessa galteewwan qonnaa mirkaneessuu, qonni keenya rooba qofarratti akka hinhirkanneef misooma jallisii babal’isuufi omishaalee qonnaa gabaa wajjin walitti hidhuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.
Sektarichi qonnaan bulaan lafasaa qabsiisee tajaajila qarshii liqii akka argatu taasisuuf faayinaansii baadiyyaatti diriirsuuf hojjetaa jira. Kun qonnaan bulaan liqii argatee tiraaktariifi makaanaayzeeshinii qonnaa bitee akka itti fayyadamu taasisa. Barana tiraaktara 350 dhiyeessuun jiddugalaan qonnaan bulaa %15 qusatee liqiidhaan akka fudhatu taasifamaa jira.
Qonnaafi horsiisee bulaa adda duree gara invastimantiitti ceessisuudhaan tiraaktaraafi kombaayinara bitatanii ijoolleesaaniillee mindeessanii akka hojjechiisan gochuuf hojjetamaa jira. Buna Itoophiyaan gara biyyoota alaatti ergitu keessaa jiddugalaan harki 65 Oromiyaa keessaa argama. Yuniyeenotni Oromiyaa alergii bunaa, beelladootaafi omishaalee qonnaa biroorratti akka hirmaatan gochuuf hojjechaa jirra.
Omishaafi omishtummaa beelladootaarraa argamu guddisuuf sanyii beelladoota omisha fooyya’aa kennan qonnaan bultootaaf akka dhiyaatan ta’aa jira. Daldala beelladootaa seeraan ala ykn kontirobaandiin gara biyyoota alaatti ergamanii to’achuufi ittisuufis hojjetamaa jira.
Mootummaan naannichaa barana ijaarsa pirojektota bishaanii, daandiifi jallisii xumursiisuu, qabeenya bosonaafi biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuu, hojii misooma suluulaa itti fufiinsa akka qabaatu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Biqiltuun yeroo dhaabamee eegalee hanga guddatee mataa namaafi beelladootaa bira darbutti kunuunfamuu qaba. Warshaaleen naannicha keessa jiran akka naannawa hinfaalleef to’annoofi hordoffii cimaa gochaa jirra.
Uwwisni bishaan dhugaatii naannichaa %65 irra jira. Kana jechuun ummatni harki 35 bishaan dhugaatii qulqulluu argachaa hinjiru jechuudha. Kan komii ummataa guddaa uumaa jiru bishaan, daandiifi ibsaan bira gahuu dhabuu utuu hintaane, ijaarsi pirojektota bu’uuraalee misoomaa kunneen lafarra harkifachuudha.
Oromiyaatti sagantaa waliingahiinsa daandii baadiyyaatiin daandii kiiloo meetira kuma 40 ta’u hojjetameera. Garuu bajata suphaa waan hinqabneef manca’aa jira. Rakkoo suphaa daandii kana furuuf labsiin fandii Daandii Oromiyaa qophaa’ee Caffee Oromiyaatiif ergameera. Fandiin haala kanaan walitti qabamu suphaa daandii baadiyyaatiif kan oolu ta’a.
Hojiin misooma sululaa akka itti fufiinsa qabaatuufi hawaasni misoomicharraa akka fayyadamu gochuun barbaachisaadha. Dhugaa dubbachuuf ummatni misooma sululaarraa fayyadamaa hinjiru. Rakkoo kana furuufis karoorri bulchiinsa sululaa jiraachuu qaba.
Bariisaa: Damee barnoota barattaniin hojjechuufi hoogganuun hangam bu’aa qabeessa isin taasiseera?
Doktar Girmaa: Damee barnootaa baradheen hojjechuu kootiin bosona Oromiyaan qabdu qoradhee Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa Oromiyaa hundeessuufi hoogganuu koo caalaa waanti na gammachiisu hinjiru. Hoggansi siyaasaa qabeenya bosonaa Oromiyaan qabdu akka hubatuuf gahee koo bahadheera jedheen yaada. Ogummaafi beekumsa kootti fayyadamee qabeenyi bosona Oromiyaa akka beekamu taasiseera. Dhaabbatichi yeroo ammaa waggaatti yoo xiqqaate namoota kuma 50f carraa hojii uumee jira. Utuu industirii bosonaa sirriitti babal’ifnee carraa hojii bal’aa uumuu danda’a.
Biyya bakka bu’ee walga’iiwwan biyyoolessaa dhimma bosonaarratti xiyyeeffatanirratti hirmaachaa tureera. Ogummaa qabaniifi damee barnootaa barataniin hojjechuufi hoogganuun ofitti amanamummaa namaa kenna. Ogummaa kootiin hojjechuun koo waa’ee bosonaarratti afaan guutee akka ogeessa bosonaatti akkan dubbadhuufi hojii kootti milkaa’u na taasiseera.
Dhaabbata Bosonaafi Bineensota Bosonaa waggoota shaniif hoogganee yeroon deemetti boo’ichaan nageggeessan. Yunivarsitii Haramayyaa waggaa sadiif hojjedhee jijjiiraman bu’uura qabsiisuuf karoorfadhe raawwadhee yeroon deemuuf jedhu boordiin yunivarsitichaa warqii na badhaasee na geggeesse. Yeroon Ministira Dhaabbata Misoomaa Federaalaarraa gara hojii hooggansaa birootti jijjiiramus miseensotni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa maaliif ka’a jedhanii utuu gaaffii dhiyeessaniin deeme. Waan gaarii tokko yeroo hojjettu waan gaarii birootiif kaadhimamta (waamamta).
Kana malees hojii jaarsummaafi araaraa naannolee Oromiyaafi Gaambeellaa akkasumas Oromiyaafi Beniishaangul Gumuz irratti hirmaachuun gahee narraa eegamu bahadheera, ittiin milkaa’eera.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012
4 Comments to ““Waan gaarii tokko yeroo hojjettu waantota gaarii birootiif kaadhimamta” -Doktar Girmaa Amantee”