Finfinnee: Akka ragaan damee fayyaarratti hojjetame mul’isutti, addunyaarra namoonni biliyoona 1.1 tamboo kan xuuxan yoo ta’u, waggaatti namoonni miliyoona saddeet ta’an ammoo dhukkuboota sababa tamboo xuuxuutiin walqabatee dhufaniin lubbuunsaanii ni darba.
Akka Itoophiyaattis namoonni miliyoona 3.2 kan xuuxan yoo ta’u, namoonni kuma 17 lubbuusaanii ni dhabu. Akka waliigalaatti dhimmi kun xiyyeeffannaa olaanaa argachuu yoo baatee dhuma jaarraa kanaatti namoonni biliyoona tokko caalan du’uu danda’u.
Kanarraa ka’uun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (DhFA) biyyoonni seera qopheessuun lakkoofsa namoota xuuxanii xiqqeessuu, akkasumas, namoonni haaraa xuuxan akka hinuumamneef hojjechuu akka qaban hubachiisa.
Kanaafis keessumaa tamboorratti taaksii dabalataa gochuun miidhaa qaqqabu hir’isuu qabu jedha. Haala kanaan omishaalee tamboorratti taaksiin dabalataa %70+ qarshii biyyootaa shan yoo xiqqaate ammoo %50+8 akka kaa’amuf kallattii kaa’a.
Qajeelfama dhaabbatichaa kanarraa ka’uun Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Itoophiyaa hojiilee hedduu hojjetaa kan jiru yoo ta’u, Guraandhala bara 2011 labsiin bulchiinsa nyaataafi qorichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin akka ragga’uuf sochii bal’aa taasiseera.
Erga labsichi ragga’ees hojiirra oolmaasaatiif deggarsa ummataafi qaamolee garagaraa akkasumas, miidiyaaleetiin hojjechuun bu’aaleen jajjabeessoo mul’ataniiru.
Daarektarri Ittaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Keeyiraddin Radii waltajjii hubannoo uumuu dheengadda Adaamaatti gaazexeessitootaaf qophaa’erratti akka jedhanitti, labsicha ba’ee hojiirra oolus ammayyuu balaan tamboo xuuxuutiin walqabatee mudatu sadarkaa yaaddeessaarra jira.
Rakkoon gama sanaan dhufu namoota xuuxan qofa osoo hintaane warra hinxuuxneellee miidhaa jira, dinagdee biyyaas daran miidhaa jira. Kanaaf ulaagaa DhFA hojiirra oolchuun dirqama.
Kanaaf omishoota miidhaa qaqqabsiisanirratti taaksii eksaayizii (‘Excise Tax’) dabaluun bu’uura jedhuun wixineen labsii Ministeera Maallaqaatiin qophaa’uu eeranii, haala kanaan tamboorratti daballiin %30 + qarshii shan akka ta’u wixineeffamuusaa kaasu.
Kun garuu miidhaa ammaan tana tamboon biyyaafi ummatarraan ga’aa jiruun walbira qabamee yoo ilaalamu gadaanaafi hangas mara jijjiirama kan fidu waan hintaaneef sirreeffamuu akka malu ibsu.
Kanaafis miidiyaaleefi hawaasni bal’aa akkasumas, qaamoleen mootummaa sadarkaarra jiran dhiibbaa taasisuu akka qaban eeranii, wixineen kun hojiirra yoo oole humna biturratti dhiibbaa cimaa waan hinqabneef lakkoofsa namoota xuuxanii hir’isuufis ta’e haaraan xuuxuu akka hinjalqabne dhawwuuf bu’aa hinqabaatan jedhu.
Abbaa Taayitichatti, Daarektarri Nageenya Omishaalee Aadde Asnaaqach Alamuu gamasaaniin, wiixineen labsichaa ulaagaa DhFAn kaa’ee kan hinguunne ta’uurra darbee bu’aa yaadame kan hinfidne waan ta’eef irra deebi’amee ilaalamuu qaba jedhu.
Bu’uura ulaagaa dhabbatichaatiin yoo hojjetame rakkoolee tamboo xuuxuutiin walqabatanii dhufan walakkaa ol hir’isuun kan danda’amu waan ta’eef sirriitti xiinxalamuufi hanga sadarkaa godaatti ummata mariisiisuun akka barbaachisu kaasanii, gama kanaan keessumaa miidiyaaleen aantummaa ummataaf qaban agarsiisuun hojii hubannoo uumuurratti akka hojjetaniif waamicha dhiheessaniiru.Wixineen taaksii dabalataa tamboorratti kaa’amuuf yaadame miidhaasaatiin walhingitu
Bariisaa Mudde 25 Bara 2012
Saamraawiit Girmaatiin
7 Comments to “Taaksiin ‘eksaayizii’ tamboorratti kaa’amuuf karoorfame gahaa miti”