Paartiileen siyaasaa dubartoota aangootti fiduuf hojjechaa jirra jedhan

Finfinnee: Paartiileen siyaasaa filannoo baranaarratti dubartoota hogganummaatti fiduuf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jiraachuu ibsan.

Bakka buutonni paartiilee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Paartii Tokkummaan Dimokraasiifi Haqaaf akkasumas, ‘EZEMA’n gaazexaa bariisaatiif akka ibsanitti dubartoonni harka walakkaa addunyaa waan ta’aniif siyaasni isaan hinhirmaachisne bu’aa qabeessa waan hintaaneef aangootti isaan fiduun dirqama malee filannoo miti jedhaniiru.

ABOtti bakka bu’aan Dargaggootaafi Ofiisarri Siyaasaa Dargaggoo Lammii Beenyaa akka dubbatutti, akka paartiisaaniitti hanqinni hirmaannaa dubartootaa jiraachuu baatullee %50 akka ta’uuf garee dubartootaa qofaatti banuun haala adda ta’een socho’aa jiraachuu dubbateera.

Paartichi lakkoofsa guutuuf dubartoota fiduurratti hojjeta osoo hintaane, kanneen jijjiirama qabatamaa fiduu danda’an, dandeettiifi muuxannoo qabaniin hoggansa cimaa kennuu danda’an horachuuf hojjetamaa jiraachuu kaasee, filannoo baranaatiinis haala yaadameen dubartoonni dhiira qixa hoggansatti ni dhufu jedhamee akka eegamu ibseera.

Dura Taa’aan Paartii Tokkummaan Dimokraasiifi Haqaaf Obbo Tigistuu Awwaluu gamasaaniin, hirmaannaan dubartoota akka paartiisaaniitti yommuu ilaalamu murtaa’aa yoo ta’u, kanaafimmoo dirreen siyaasaa biyyattii duraan ture dubartootaaf mitii dhiirootaaf iyyuu rakkisaa waan tureef ta’uu addeessaniiru.

Dubartoonni sadarkaalee garagaraarratti siyaasa keessatti hirmaatan jiraataniyyuu gara raawwachiisummaa hojiitti dhufuurratti hanqinni akka jiru eeranii, kanaafis sababoonni fedhii dhabuu, hanqina barnootaa, muuxannoofi kkf ta’uu kaasaniiru. Kun garuu filannoo baranaatiin hiikamuu waan qabuuf gamanumaa qophii olaanaan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Murtoon Mana Maree Bakka Bu’ootaas hirmaannaan dubartoonni hoggansarratti qaban dirqama % 10 ta’uu akka qabu waan kaa’uuf garasitti xiyyeeffatanii hojjechuun dirqama ta’uus ibsaniiru.

Dubbii Himtuun Dhimma Dubartootaa Paartii ‘EZEMA’ Aadde Qiddisti Girmaas paartiinsaanii filannoo baranaarratti hirmaannaan dubartootaa akka dabaluuf saganteeffatee hojjechaa jiraachuu eeranii, kanaafis ittiwaamamaa dhimma dubartootaa hanga sadarkaa aanaatti banuun hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kana hojjechuun qofti dubartoota gara hoggansaatti ni fida jechuu akka hintaane kan himan dubbii himtuun tun, rakkoo siyaasaafi hawaas-dinagdee isaanii durumaa kaasee jiru bu’uurumarraa hiikuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

4 Comments to “Paartiileen siyaasaa dubartoota aangootti fiduuf hojjechaa jirra jedhan”

  1. Pingback: DevOps consultancy
  2. Pingback: AMBKING
  3. Pingback: 바카라

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *