Finfinnee: Mojuliin seenaa Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa barsiisuuf qophaa’aa jiru semisteera lammaffaa irraa eegalee gara yunivarsitiwwaniitti gad bu’uun barattoota hundaaf akka koorsii walootti kan kennamu ta’uu Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa beeksise.
Ministir De’eetaan ministeerichaa Doktar Saamu’eel Kifilee workishooppii dheengadda Finfinneetti adeemsifamerratti akka jedhanitti, mojuliin qophaa’aa jiru barattootni yunivarsitii waggaa tokkoofaa seenaa Itoophiyaafi Gaanfa Afirikaa akka barataniif kan gargaaru yoo ta’u, barana semisteera lammaffaa irraa eegalee akka koorsii walootti kan kennamu ta’a. Mojulichi barsiisota seenaa afur yunivarsitiiwwan gara garaa afur irraa filatamaniin kan qophaa’e ta’uufi barsiisota seenaa yunivarsitiiwwan hunda irraa walitti babba’anii yeroo gara garaa kan mariisiisedha. Mojulichi barsiisota seenaa Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa waggoota dheeraaf barsiisaniifi irratti qorannoo adeemsisaniifi ogeessota afaaniitiin erga gulaalamee booda walitti dhufeenya sabootaafi sablammootaa kan cimsu ta’uun isaa erga mirkanaa’ee booda gara yunivarsitiiwwanitti gad bu’ee akka barattoonni irraa baratan kan taasifamu ta’uus ibsaniiru
Ministeerichatti Daarektarri Dhimmoota Qorannoofi Akkaadaamii Doktar Eebbaa Miijanaa akka jedhanitti, barsiisotni seenaa muxannoo waggaa dheeraa qaban lama lama yunivarsitiiwwan mootummaa 46 akkasumas, yunivarsitii Qiddisti Maariyamiifi Yunivarsitii Koollejii Raayyaa Ittisaarraa walitti babba’an 96 torban darbe guyyoota sadiif garee saddeetitti qoodamuudhaan mojulicharratti akka mari’atan ta’eera.
Mojulichi yaada dogoggoraa ummatni Itoophiyaa seenaa waliinii hinqabu jedhamaa ture kan sirreessu, seenaafi duudhaa uummata biyyattii kan ifatti baasu, hariiroofi tokkummaa sabootaafi sablammootaa cimsuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uus dubbataniiru.
Doktar Darajjee Innawuu Barsiisaa Seenaa Yunivarsitii Wallaggaa yoo ta’an barsiisota afran mojilicha qopheessan keessaa isaan tokko. Akka isaan jedhanitti, barnootni seenaa kanaan dura ture seenaa Kaaba Itoophiyaafi moototaa leellisa. Kanarraa ka’uun kufaatii Dargii booda barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaafi yunivarsitii gaaffii dhiyeessaa turaniiru. Barsiisotni, barreessistoonniifi hayyootni seenaas gaaffii walfakkaataa dhiyeessaa turaniiru. Ka’umsa kanaanis kitaabni seenaa gubamaafi ciramaa akka tureefi barnootni seenaas hafuu isaa dubbataniiru.
Mojuliin seenaa fooyya’e qophaa’e kun waa’ee seenaa, duudhaa, aadaafi hariiroo ummataa cimsuu irratti xiyyeeffata kan jedhan Doktar Darajjeen, mojulichi barattoonni sabootaafi sablammoota adda addaa irraa dhufan hundinuu keessatti akka of argan taasisuuf madaallii isaa eegee kan qophaa’e ta’uu himaniiru.
Doktar Tamaam Haaji Alii barsiisaa Seenaa Yunivarsitii Haramayyaa marii mojulichaa irratti hirmaatan keessaa isaan tokko yoo ta’an, mojulicha keessatti seenaa, aadaafi beekumsi uumamaa sabootaafi sablammootaa dabalameera. Waa’een Guddifachaa, Moggaasaa, gumaa, seenaa Aanoleefi Calanqoos akkasumas sadarkaalee, marsaaleefi hoggansa sirna Gadaa keessatti dabalamanii kan barreeffaman ta’uu himaniiru.
Mojuliin seenaa duraan ture seenaa nama dhuunfaa faarsuu irratti xiyyeeffata kan jedhan barsiisaan kun, mojuliiin seenaa amma fooyya’ee qophaa’e kun garuu seenaa, duudhaafi aadaan sabootaafi sablammoota biyyattii gara kaaba, kibba, bahaafi dhihaa of keessatti qabachuu waan yaaleef barattootni yuunivarsitii waggaa tokkoffaa waa’ee seenaa biyyattii hanga tokko akka hubataniif kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Natsaannat Taaddsaatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012
9 Comments to “Mojuliin seenaa qophaa’aa jiru seenaa sabootaafi sablammoota biyyattii hammachuuf yaaleera”