Kontiraaktaroota hojiisaanii hinxumurreef obsi hinjiru

Finfinnee: Sosochii hawaas dinagdee lammiilee si’eessuu keessatti shoora misoomni daandiilee qabu ol’aanaa ta’us harkifannaa waliin walqabatee komiin ummataa hammaachaa jira.

Komiin kunis rakkoo nageenyaafi siyaasaa ta’aa waan jiruuf kontiraaktaroota qulqullinaaf yeroo qabameef keessatti hojiisaanii xumurachuu dadhabaniif obsa akka hinqabne Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa ibse.

Sirna walmallattoo pirojektota daandii haaraa bara 2012 qabaman torba kontiraaktaroota waliin Roobii darbe Finfinneetti gaggeeffameera.

Sirna mallattoo kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Daarektarri abbaa taaytichaa Injinar Dajanee Fiqaaduu kontiraaktaroonni waadaa galan dagachuu akka hinqabne himu.

Kontiraaktaroonni hedduu walmallattoo erga raawwataniin booda hojiisaanii yeroo qabameef qulqullinaan xumuruu dhabuun komii hawaasni mootummaarratti qabu akka babal’atu taasisaa jiraachuu himu.

Harkifachuun ijaarsa daandii kanaa sosochii hawaas dinagdee lammiilee miidhuurra darbee rakkoo nageenyaa, siyaasaafi dinagdee ta’aa jira.

Isa kana maqsuun fayyadamummaa lammiilee qabatamaan mirkaneessuuf tarkaanfii sirreessaa fudhachaa akka jirus abbaan taaytichaa himeera. Keessumaa pirojektota rakkoo hamaa keessa jiran keessaa ijaarsi daandii Wallagga Bahaa, Aanaa Waajjaa Galiilaafi Godina Booranaa Aanaa Mi’oo Solooloo Hiddii Lolaafaan ni eeramu.

Harkifannaan pirojektoota daandii kanarratti mul’ataa jiru umrii waggaa sagalii ol kan qabu ta’uusaan kontiraaktara biraatiif akka darban taasifamuunis ibsameera. Pirojektoonni kunniin barana akka xumuramaniif hordoffiif deeggarsi walirraa hincinne kan taasifamu ta’uullee ibsaniiru.

Pirojektonni 27 yeroo qabameef keessatti xumuramuu dhabuun hanga har’aa hudhaa ta’aa jiraachuus daarektarichi eeranii, pirojektota kanneen fixuuf qarshii biliyoonni 9.5 qabamee hojiin  hojjetamaa turuufi hedduunsaanii dhibbaantaa 40 olirra gahanii dhaabachuun komii eeraniiru.

Sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Doktar Girmaa Amantee gamasaaniin kontiraaktaroonni bu’aa argatan maddiitti hojiifis kaka’umsa qabaachuu qabu jedhaniiru.

Mootummaan bajata ramaduun alatti qulqullinaafi yeroon xumuramuu ilaalchisee dirqamni kontiraaktarootaafi ogeeyyotaaf kenname olaanaa ta’uus eeraniiru.

Kontiraaktaroonni waadaasaanii eeggachuu, abbootiin qabeenyaas harkasaanii diriirsuu mootummaanis hordoffiifi deeggarsa barbaachisaa taasisuun dirqama ta’uu ibsaniiru.

Barana pirojektota buleeyyii 27 alatti ijaarsa pirojektii daandii haaraa torba qabameef qarshiin biliyoona 5.4 ramadamuu ibsaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

3 Comments to “Kontiraaktaroota hojiisaanii hinxumurreef obsi hinjiru”

  1. Pingback: video chat

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *