“Lotorii lammiitu lammiif” miliyoona 40 keessaa miiliyoonni 34 caasaalee mootummaa biratti hafe” -Doktar Abarraa Dheeressaa

Finfinnee: Lammiilee Oromoo iddoowwan gara garaarraa buqqa’an gargaaruuf koreen qindeessituu gargaarsaafi deebisanii dhaabuu lammiwwanii ijaaramee deeggarsa hawaasni taasisu waltaasisaa turuun ni yaadatama.

Koree guddicha jalatti immoo koreewwan xixiqqoon 25 ta’an kan gurmaa’an yemmuu ta’u, isaan keessaa tokko kan ta’e; komii guddaan irratti dhiyaataa kan tureefi jiru koree lotoriiti.

Walittiqabaan koree deeggarsa buqqaatotaa Doktar Abarraa Dheeressaa, gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin “Lotoriin Lammiitu Lammiif” jedhamu qophaa’ee ummata bal’aa bira akka gahuuf irra jireessaan caasaalee mootummaa filachuu kan himan walittiqabaan koree deeggarsa buqqaatotaa Doktar Abarraa Dheeressaa, caasaalee kunniin garuu yeroo kaa’ametti lotorii gurgurameefi hafe addaan baasanii akka hingalchine ibsu.

 Akka seera lotoriitti lotorii gabaaf dhihaate keessaa tikeetiin tokkollee alatti hafnaan carraa baasuun waan hindanda’amneef lotorichi yeroo qabameef keessatti bahuu dhabuusaatiif ittigaafataman caasaalee mootummaa dirqamasaanii kan hinbahanne ta’uus beeksisaniiru.

Akka ibsa Doktor Abarraatti; tikeetii lotorii miiliyoona 40 baay’atee gurgurtaaf dhihaate keessaa miiliyoonni 34 caasaalee mootummaatiin akka gurguramuuf kennamus hanga gurgurameefi hafe addaan baasanii deebisuun hindanda’amne. Caasaaleen sadarkaa sadarkaan jiran ajaja gararraarraa darbuuf fudhachuu irratti qaawwa gudatu jira.

Komiin ummanni turuu lotorichaarratti qabu sirrii yemmuu ta’u, sababiin turuu lotorichaa immoo humna korichaatiin ol waan ta’eef kanaaf ittigaafatamummaa kan fudhatu mootummaadha jedhan.

Carraan lotorichaa gaafa mootummaan maallaqaafi lotorii caasaasaa keessatti hafe korichaaf galche kan bahu ta’uus ni dubbatu.

Maallaqni lotorichi caasaalee mootummaatiin ala gurguramee walitti qabame qarshii miiliyoonni 215 akkaawuntii cufaa keessa galuusaas ni ibsu.

Gama biraatiin Gaazexaan Bariisaa maxxansasaa Guraandhala 29 bara 2011n dhimma lotorii kana ilaalchisuun oduu ittaanu dubbistootasaa biraan gahuunsaa ni yaadatama.

Walittiqabaan Koree Lotarii Lammiitu Lammiif, Obbo Mootii Morodaa akka jedhanitti, ji’a Caamsaa darbe gabaarra kan oole guyyaan bahumsa carraa lotorii sababoota adda addaatiin yeroowwan sadiif dheerate Bitootessa 30 bara 2011 baha.

Magaalaa Asallaafi Godina Arsiitiin ala godinaalee 19n Oromiyaa biroon raawwii gurgurtaa lotorichaatiin sadarkaa gadaanaarratti kan argaman ta’uufi godinni homaayyuu hingurgurre jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiinsa Lotorii Biyyaalessaatti daarektarri dhimmoota kominikeeshinii Obbo Tewodiroos Niwaay, guyyaan bahumsa gaaffii dhiyaaterratti hundaa’uun seerumasaa eeggatee dheerachaa turuu eeranii, amma yeroo dhumaatiif Bitootessa 30 bara 2011 kan bahu ta’uu ibsu.

Lotoriin gurguramee carraansaa hinbaane kana ammayyuu ummanni eeggachaa waan jiruuf qaamni dhimmi kallattiin ilaallatu furmaata itti kennuu qaba.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

 Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

4 Comments to ““Lotorii lammiitu lammiif” miliyoona 40 keessaa miiliyoonni 34 caasaalee mootummaa biratti hafe” -Doktar Abarraa Dheeressaa”

  1. Pingback: Diyala Science
  2. Pingback: jilislot777
  3. Pingback: dultogel 4d login

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *