Hanqinaaleen dhiyeessii keessoo Yunivarsitii Dambi Dolloo furmaata hatattamaa barbaadu

Dambi Dolloo: Yunivarsitiin Dambi Dolloo Finfinnee irraa kiiloomeetira 600 fagaatee Godina Qeellem Wallaggaa, Magaalaa Dambi Dollootti argama. Yunivarsitichi   bara 2010 hojii baruu barsiisuu kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa muummee barnootaa 36n barattoota kuma afuriifi 300 simatee barsiisaa jira.

Pirezidaantiin yunivarsitichaa Doktar Lataa Tasfaayee ibsa torban darbe garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, hanqinni bishaanii, geejjibaa, ibsaa, networkii, kitaabilee, bu’uuraaleen misoomaa guutamuu dhabuufi bajatni kaappitaalaa gadi bu’uu dhabuun rakkoolee guguddoo hojii baruufi barsiisuu yunivarsitichaa danqaa kan  jiran ta’uu himu. 

Yunivarsitichi rakkoo bishaanii isa mudate furuuf botteedhaan bishaan lagaa waraabee itti fayyadamaa jiraachuu himanii, geejjibas waan hinqabneef baasota sagal kireeffatee hojjechaa jira.

Bajatni kaappitaalaa gara yunivarsitichaatti gad bu’uu dhabuun ammoo rakkooleen humna yunivarsitichaatiin furamuu danda’an akka harkifatan taasisaa jira. Bajata qarshii miiliyoona 254 barana yunivarsitichaaf ramadame keessaa hanga ammaatti %25 fayyadamuu kan qabu ta’us, kan itti faayidaarra oole garuu %14  kan hincaalle ta’uus himaniiru.

Namoota walitti bu’iinsa dhiyeenya kana yunivarsiticha mudatee turerratti hirmaataniiru jedhamanii shakkamanii qabaman torba keessaa  afur alaa kan galan ta’uu waraqaa eenyummaasaanii ilaaluudhaan adda baasuun danda’ameera kan jedhan Doktar Lataan, rakkoo gama kanaan mudachuu malu furuufi barattootni akka feeteen bahanii akka hingalleef dallaas ta’e ijaarsi pirojektota yunivarsitichaa dafanii  akka xumuramaniif gaafataniiru.

Barattoonni Oromoo sababa rakkoo nageenyaatiin yunivarsitiiwwan naannoo Amaaraatti argamanirraa baqatanii dhufan Yunivarsitii Dambi Dollootti barachuuf gaaffii dhiyeeffachaa jiraachuu kan himan pirezidaantichi,yunivarsitichi garuu barattoota ramadamaniif ala kan biroo simachuu akka hindandeenye hubachiisuusaaniifi garuma irraa dhufanitti akka deebi’aniif maallaqaafi waan danda’ameen kan isaan deggeru ta’uu ibsuusaanii eeraniiru.

Yunivarsitichi rakkoolee hawaasa naannawichaa furuufis hojjechaa jiraachuu himanii, namoota hojidhabeeyyii gurmaa’an 700f carraa hojii uumeera kan jedhan Doktar Lataan,  dargaggoota gurmaa’an biroofis carraa hojii dabalataa uumuuf hojjechaa jiraachuu himan. Barattoota maatiinsaanii harka qal’eeyyii ta’aniif ammoo nyaata, dabtariifi qalamaan deggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Yunivarsitichi barana  yeroo jalqabaatiif battoota kuma tokkoofi 200 ta’an kan eebbisiisu ta’uu eeranii, hojjettoota yunivarsitichaa kuma tokkoofi 500 keessaa 345 barsiisota ta’uus Doktar Lataan himaniiru.

Barataan yunivarsitichaa maqaasaa ibsachuu hinbarbaanne tokko yaada nuu kenneen akka jedhutti, rakkoon bishaanii dararaa guddaa isaan irraan gahaa jira. “Bishaan dhugaatii alaa bitannee fayyadamaa jirra. Duraan bishaan bootteedhaan lagaa waraabamee taankariitti naqamaa ture.

Yeroo ammaa taankariin duwwaadha. Bishaan waan hinjirreef manni fincaanii doormii keessaa cufameera. Barattoonni hundi mana fincaanii lafaatti fayyadamaa jiru. Dhiironni lagatti, dubartoonni ammoo bishaan lagaa waraabbatanii manatti dhiqachaa jiru. Rakkoo kana irra deddeebinee iyyatnus qaamni deebii nuuf kennu hinargamne jedha.

Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaatti, Hojgeggeessaan Ijaarsa Pirojektoota Yunivarsitiiwwan Dhaloota 4faa  11 kan ta’an Doktar Girmaa Mokonnin akka jedhanitti, yunivarsitiiwwanitti naanna’ee dallaan guutummaatti ijaaramuu dhabuun rakkoo nageenyaafi tasgabbii ta’aa jiraachuun isaa beekamaadha.

Kun ammoo rakkoo yunivarsitoota hedduu waan ta’eef mootummaan rakkoo kana kan furu ta’uufi yunivarsitoonnis gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhiyeenya kana dubbachuu isaanii himaniiru.

Ani ergan gara hooggansa kanaatti dhufee ji’a tokko waan hinguutneef odeeffannoo gahaa hinqabu kan jedhan Doktar Girmaan, gaaffiin rakkoo bishaanii yunivarsitii Dambi Dolloo kanaan dura dhiyaachuu ni danda’a. Gaaffiin rakkoo bishaanii Yunivarsitii Raayyaafi  Yunivarsitii Boongaa rakkoo bulchiinsa gaarii akka hintaaneef dhiyeenya kana baajatni dabalataa ramadamee akka furamu ta’eera.  Gaaffiin rakkoo bishaanii Yunivarsitii Dambi Dolloo dhiyaachuu isaa garuu ani quba hinqabu jedhu. 

Baajatni kaappitaalaa gara yunivarsitiitti gad bu’uu dhabuun ijaarsi pirojektoota yunivarsitchaa harkifachuu isaatiif sababa ta’a jedhee hinyaadu kan jedhan Doktar Girmaan, kun rakkoo uumeera yoo ta’e mootummaan ilaalee  gara fuulduraatti sirreessuu ni danda’a jedhu.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

11 Comments to “Hanqinaaleen dhiyeessii keessoo Yunivarsitii Dambi Dolloo furmaata hatattamaa barbaadu”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: auto body near me
  3. Pingback: SSI Pro Courses
  4. Pingback: scuba in phuket
  5. Pingback: Nexus Market

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *