Finfinnee: Oromoon Walloo waggoota dheeraaf akka ormaatti ilaalamaa, aadaafi seenaansaa dhokotaa tureera. Amma garuu eenyummaansaa dagatame akka yaadatamuuf darbees, seenaansaa bakkatti deebi’uuf sochiin eegalameera.
Tibbanas qaamuma sochii kanaa kan ta’e GAdaa Oromoo Walloo deebisanii dhaabuuf hojii hojjetameen Caffeen hundaa’ee, abbootiin Gadaa sagal filatamaniiru. Abbootiin Gadaa kunneenis waggoota saddeettan dhufaniif aangoorra kan turan yoo ta’u, hojii sirna Gadaa cimsurratti ittigaafatamummaa olaanaan kan hojjetan ta’a.
Dhimma kanarratti dheengadda, Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kan kennan Obbo Hasan Huseen Zubeer, Naannoo Amaaraatti Ittigaafatamaa Qajeelcha Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Godina Oromooti.
Akkasaan jedhanitti, Oromoon Walloo waltajjii garagaraarratti Gadaan jaarraawwan afurii oliif adda cite ture akka deebi’uu gaafataa tureera. Kanarraa ka’uun karoora raawwachiiftuu qopheeffachuun sochiin taasifameera. Jalqaba bara 2011ttis koreen hundaa’ee abbootii Gadaa Oromiyaarraa muuxannoon fudhatameera.
Sanaa booda sadarkaa gandaarraa kaasee bakka bu’oonni akka filataman taasisuun hojiin eegalamuus eeranii, haala kanaan Mudde 8 bara 2012 yaa’ii Caffee Gadaa Oromoo Walloo deebisanii dhaabuu gaggeessuun caffeen miseensota Gadaa namoota 63 of keessaa qabu ifatti hundeeffameera; kanneen keessaa hayyuuwwan sagal bara saddeettan Gadaa dhufan hoggananis filatamaniiru jedhu.
Gadaan Oromoo Walloo waggoota dheeraaf addaan citus onnee ummataa keessaa hinbaane kan jedhan ittigaafatamaan kun, kanaafis gaaffii ummataa deebisuuf akkasumas, wayita rakkoon nageenyaa naannawicha mudatu “Maaliif duudhaa Gadaa keenyaan hinhiiknu” jedhu deebisuuf, dhaloonni guddatus safuufi duudhaa Oromoo qabatee akka guddatuuf, Odaa Oromoo Walloo, Garaadoo jedhamus odaawwan shanan Oromootti dabaluun beeksisuufi hariiroon godinoota Oromiyaa biroo waliin qaban akka cimuufis kan fayyadu ta’uu addeessu.
Ardaa jilaa Odaa Garaadoo jedhamuufi ammaan tana goguuf deemuu kunuunsuuf hojiin eegalamuufi odaa biraa bakka buusuufis hojjetamaa jiraachuu himanii, galma Aadaa Oromoo Walloo kanaan dura ijaarame keessattis hojii bal’aa hojjechuuf karoorfamuu himu.
Akka Obbo Hasan jedhanitti, Gadaa kana bakkatti deebisuuf hayyoonni dhiigaafi lafee wareegamtootarra dhaabbachuu hinqaban. Hojii kana tumsuurratti of kennanii hojjechuu qabu. Kana qofa osoo hintaane aadaafi seenaan Walloo osoo barreeffamee waraabamee kan hindhumne waan ta’eef kanarrattis utuu qorannoo gaggeessanii gaariidha.
Hawwiin Oromoo Walloo sirna gadaa kan dhaabuu qofa osoo hintaane ittiin buluu ta’uu kaasanii, haala qabannaafi hammannaa ummanni Oromoo Walloo saba biraatiif qaburraa ka’uunis saboonni biroo Walloo keessa jiran illee gaafficha kaasaa turuu himu.
Abbaa Gadaa Ahimad Mahammad Umar, Abbaa Gadaa Oromoo Wallooti. Akkasaan jedhanitti, jalqabuma sochii kana eegaluun kan barbaachiseef Oromoo aadaafi seenaa waan qabuuf akkasumas, Gadaan buluu waan qabuufi. Kanarraa ka’uun haala Gadaa Oromoo Walloo hundeessuun danda’amurratti muuxannoon fudhatameera.
Haala kanaan gandoonni godinichaa hundi nama tokko tokko filatanii, aanootni ammoo namoota sagal sagal kan filatan yoo ta’u, aanootni torban godinichaa namoota 63 ta’uun gara godinaa dhufuun abbootii Gadaa sagal filachuu qabu kallattiin jedhu kennamuufii himu.
Namoonni kunneenis caffee taa’uudhaan erga namoota sagal filatanii booda gadaan hundaa’uu kaasanii, Gadaan hundaa’e kunis seera Gadaa hundaan kan gaggeeffamu ta’uu eeran.
Kanaafis muuxannoo fudhachuuf haalaan hojjetamaa jiraachuu ibsu. Abbootiin Gadaa filataman kunneenis, fuulduratti abbootii Gadaa Oromootiin kan muudaman ta’uu ibsu.
Akka ibsa Abbaa Gadaa Oromoo Walloo kanaatti, kanaa booda ummata bal’aan haala hubachiisuuf kan hojjetamu yoo ta’u, qaamoleen sadarkaarra jiranis deggarsa barbaachisu taasisaa jiru. Miseensa Gumii Abbootii Gadaa Oromoo ta’uufis gaaffii dhiheessuusaaniifi hundeeffama kana booda hojiirra akka ooluufi waraqaan ragaas akka kennamuuf himu.
Erga Gadaan hundaa’ee lafa qabatee, ergama fudhatee hojii hojjechuu eegalee booda, waantota caasaan Gadaa qabu hunda hojjechuuf yaadamuu himanii, irreechallee deebisuuf kan hojjetamu ta’uufi kanaafis abbootiin Gadaa, hayyoonniifi Oromoon deggarsa akka taasisaniif waamicha dhiheessaniiru.
Hayyuun seenaafi Barreessaan Kitaaba Waadama Walloo Obbo Ammee Xiyyaar gamasaaniin, Gadaan Walloo dhiibbaa sirnoota darbeen adda kan citeefi caasaawwan isaallee maqaasaanii kan gadhiisan turan jedhu.
Gadaa kana bakkatti deebisuun dhimma Oromoo Walloo qofa osoo hintaane kan ummata Oromoo hunda waan ta’eef namni hundu isaan bira akka dhaabbatu gaafataniiru.
Barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Tuulamaa, Goobanaa Hoolaas gamasaaniin sirni Gadaa Oromoo Walloo barootaaf addaan citee ture haala gaarii biyyattiitti uumameen dahahachuun deebi’ee akka cimuuf muuxannoo garana jiru qooduufiirraa eegallee waantota barbaachisoo maraan deggarsi taasifamaafii jiraachuu ibsaniiru.
Bariisaa Mudde 18 Bara 2012
Saamraawiit Girmaatiin
3 Comments to “Gadaan Oromoo Walloo jaarraa afuriif adda citee ture deebi’uufi”