Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa dadhabbii maatiisaaniif yaaduu qabu Piroofeeser Bayyanaa Pheexiroos

Finfinnee: Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa ifaajii maatiisaanii deebisuuf carraquu osoo malanii sakaallaa siyaasaatiin gaadi’amuunsaanii sirrii akka hintaane hayyuun siyaasaa hangaftichi Piroofeeser Bayyanaa Pheexiroos himan.

Piroofeeserichi ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa sakaallaa siyaasaatiin qabamuunsaanii miidhaa guddaa qaba jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti yunivarsiitiin bakka qorannoofi qo’annoon itti gaggeeffamuufi bakka ijaarsi dandeettii itti fooyya’u ta’ee osoo jiruu siyaasa gara garaatin liqimfamuunsaa gaaga’ama fidaa jira.

Gaaga’amni kun ammoo barataa miidhuurra darbee maatii rakkatee dhalasaa barsiifatu hiyyummaatti kan deebisuudha.

Kanamalees rakkoon nageenyaa akka hammaatu sabaafi sablammiilee gidduutti waldhabdeefi walamantaan akka hir’atu taasisaa waan jiruuf hojiin hubannoo uumuu kennamuu qaba jedhaniiru.

Dirreen siyaasaafi barnootaa adda adda kan jedhan Piroofeesar Bayyanaan, hundaaf yeroo laachuun barbaachisaa ta’uullee kaasaniiru.

Siyaasni barnoota gahaan hin deeggaramne balaa ta’uus eeranii, barattoonni barnootasaaniin booda waan qaqqabaniif dursa imaanaafi dadhabbii maatiisaaniif yaaduu akka qaban himaniiru.

Kun ta’uu osoo qabuu garaagarummaa ilaalcha siyaasaa mudatuun sanyiin walqoodanii walhubuun ejjennoofi imaanaa maatii ofii maseensuu waan ta’eef barnoota ofiif dursa laachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanaa bakka jiruuf jireenyi hawaasummaa, miirri waldandahuu, tokkummaa sabaafi sablammii itti ijaaramuufi ijaarsi dandeettii itti kennamu waan ta’eef siyaasarraa bilisa ta’uu akka qabas jedhan.

Barataan dhaabbilee barnoota olaanaa keessa jiru biqiltuu adeemsa guddinaarra jiruufi ija hingodhatiin waan ta’eef kunuunsa barbaachisaa dhabnaan maatiif mitii mataasaaf kufaatii hintaane keessa akka galus hayyichi himaniiru. Kun waan ta’ef ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’anii barnootaan of jijjiiruun dadhabbii matiifi biyyasaaniif furmaata ta’uutu irra jiraata jedhaniiru.

Yeroo ammaatti walakkeessa waggaarra wayita gahametti barataan barnootasaarraa addaan citee manatti galee taa’uu jechuun hiyyuma babal’isuu waan ta’eef hunduu dammaquun barnootasaatti deebihuu akka qabu dhaamaniiru.

Kana malees dhaabbilee barnoota olaanaa yeroo ammaa babal’ataa jiru kan jedhan Piroofeeser Bayyanaan, hudhaan dhiyeessiilee ka’umsa rakkoo ta’aa akka jiranis tuqaniiru.

Dhaabbilee barnoota olaanaa lakkoofsaan baay’isuu caalaa qulqulinarratti jijjiirama fiduuf dhiyeessiilee madda rakkoo ta’an adda baasuun dirqama mootummaarraa eegamu ta’uullee kaasaniiru.

Lammiin hinbaranne bitaafi mirgasaa beekuu hindandahu, biyyaaf maatiifi mitii mataasaaf bu’aa hinbuusu kan jedhan piroofeesarichi, bu’aa dadhabbiisaanii dhandhamuuf dursa kennuu qabu jedhaniiru. Siyaasnis ta’e barnootni dirree mataa mataasaanii waan qabaniif adda baasanii socho’uun barbaachisaa ta’uus himaniiru.

Siyaasni barnoota gahaan hindeeggaramne dhalootaaf balaa waan ta’eef yaadqalbiisaanii jijjiirrachuu akka qabanillee dhaamaniiru.

Mootummaanis nageenya barattoota kanaa qabatamaan mirkaneessuun barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf miira kutannoo siyaasaa qabuun socho’uu akka malus gaafataniiru.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

One Comment to “Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanaa dadhabbii maatiisaaniif yaaduu qabu Piroofeeser Bayyanaa Pheexiroos”

  1. Pingback: sex 2024

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *