“Mariin saboota lamaan walitti fidu ittifufinsaan gaggeeffamuu qaba” – Hayyoota Siyaasaa

Finfinnee: Baay’ina ummattoota Itoophiyaa keessaa Sabni Oromoofi Amaaraa walitti dhibbantaa 65 ol uwwisu. Saboonni kunneen kan wajjin turan, gaa’ela waliin ijaaran, gaddaafi gammachuu waliin dabarsuun bu’aa bahii hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa kan waliin dabarsan saboota waggoota hedduu waliin jiraatan ta’uu seenaan ragaa baha.

Kanarra darbees waggoota lamaan dura qabsoo sirna dimokraasii diriirsuuf taasifamaa tureen qeerroofi faannoon waliin ta’uun hanga wareegama lubbuutti taasisuun jijjirama amma mul’ate galmeessuu keessatti gaheen ummattoota lammanii salphaa hinturre.

Haa ta’u malee yeroo dhiyoo as sababa qaamolee muraasa jibbinsaafi walitti bu’iinsaan biyyattiin akka jeeqamtu barbaadaniin saboonni kunneen akka walitti bu’an taasisaa turaniiru. Kanaafis rakkoolee tibbanan barattoota saboota lammanii jidduutti uumame fakkeenyummaan kaasuun ni danda’ama.

Kanuma sababeeffachuun paartiileen siyaasaa Oromoofi Amaaraa waliin ta’uun dhimmoota nagaafi tasgabbii uumuurratti hojjechuu akka qaban amanuun waltajjii marii uumanii mari’achuu eegalaniiru.

Tibbanas mariin marsaa lammaffaan Finfinneetti kan gaggeeffame yoo ta’u, dhimmoota nageenyaafi tasgabbii yunivarsiitiwwanii ajandaa ijoo godhachuun marii bal’aa ilaafi ilaameedhaan waa’elchame gaggeeffameera.

Maricharratti paartiileen siyaasa saboota lamaanii, jaarsooliin biyyaa, abbootiin gadaa, hoggantoonni mootummaafi ogeessonni siyaasaa argamaniiru.

Hirmaataan marichaa Dura Taa’aan KFO/ Madrak Pirofesar Mararaa Guddinaa yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, marichi nagaafi tasgabbii gaarii uuma.

Hundeeffamni biyyattii olaantummaa saboota lamaan kanaan kan deeggarame ta’uus himanii, qabsoo dimokiraasii diriirsuu keessattis gahee olaanaa bahachaa kan turan saboota lamaan keessumaa Qeerroofi Faannoodha jedhu.

Kanaaf hariiroon saboota lamaan gidduu jiru tasgabbaa’aafi amansiisaa akka ta’uuf waltajjiin marii akkana kun barbaachisaafi murteessaadha jedhaniiru. Yaadonni waltajjicharratti gama lamaaniin ka’an ummattoota lamaan kan walitti fidu akka ta’es dubbataniiru.

Waltajjiin akkasii ittifufinsa akka qabaatuf paartiinsaaniillee irratti akka hojjetan himanii, walballeessanii baduurra walkabajuun, jaalalaafi waliigalteen waliin jirachuuf filannoo isa jalqabaa akka ta’e dubbataniiru.

Daayirektarri OMNfi xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad gamasaaniin ummatni Oromoofi Amaaraa waggoota dheeraa kan waliin jiraatan, waliin qabsaa’an akkasumas walii tolaa, walloolaafi walii tumsaa waggoota hedduu lakkoofsisaniidha jedhu.

Kana malees biyyattiin kan ijaaramtee jirtuus irra jireessa saboota lamaan kanaan waan ta’eef dhaabbileen siyaasaa bakka buutota saboota lamaanii waliin mari’achuun biyyattii gara boqonnaa ittaanutti ceesisuuf akka gumaachullee ni ibsu.

Mariin adeemsifamaa jiru yoo cimee ittifufe nageenyi naannoolee lamaanii ni mirkanaa’a, filannoon barana gaggeeffamu nagaan adeemsifama, sirni dimokiraasiis sirriis nidiriira jedhaniiru.

ABOrraa yaada kan kennan Obbo Ibsaa Nagawoos waltajjiin dhaabbilee siyaasaa Oromoofi Amaaraa yeroowwan adda addaatti gaggeeffamu hariiroo saboota lammanii cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbatu. Waltajjichi namoonni fagootti walsodaataniifi wal hindubbisne walarganii akka yaada waljijjiiran kan taasise ta’uus eeran.

Dura Taa’aan Sosochi Biyyaalessaa Amaaraa Doktar Dassaalanyi Caannee gamasaaniin paartiileen siyaasaa ummattoota lamanii fagootti walceepha’uufi walkomachuun alatti haala kanaan walitti dhufanii mari’atanii kan hinbeekne ta’uu himan.

Rakkooleen siyaasaa biyyattii furamuu kan danda’u karaa ammayyaawaa ta’een walitti dhufuun mari’achuu akka ta’es eeranii, kunis waliigaltee waliiniitiif faayidaa akka qabu dubbataniiru. Waltajjiin akkanaa cimee ittifufuu qabas jedhan.

Wayinisheet Kaasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Mariin saboota lamaan walitti fidu ittifufinsaan gaggeeffamuu qaba” – Hayyoota Siyaasaa”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: exchange crypto

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *