Hayyoonni sochii biyyattiin hiyyummaa jalaa ba’uuf taasisaa jirtuu akka utuban gaafatame

Finfinnee: Adeemsa biyyattiin hiyyummaa jalaa bahuuf taasisaa jirtu keessatti hayyoonni biyyattii  gahee dursummaasaanii bahachuu akka qaban gaggeessitonni mootummaa gaafatan.

Sagantaan “Itoophiyaan bara 2050 eessa ga’uu dandeessi?” jedhu dheengadda hayyoota biyya keessaafi alaa hirmaachise Finfinnetti taa’ameera.

Waggoottan kurnan lamaan darbaniif sochii mootummaan jiruufi jireenya lammiilee biyyattii geeddaruuf taasisaa tureen bu’aawwan galmaa’an olaanaa ta’uu kan himan Ministirri Ministera Bishaan, Jal’isiifi Inarjii ,Doktar Injinar Silashii Baqqalaa, keessattuu waggoota 14 guddinni dinagdee abbaa diijitii lamaa galmaa’aa turuunsaa abdii guddinnaa biyyattiin qabdu dagaagsuu dubbataniiru.

Guddinni galmaa’aa ture lammiilee biyyattii hundarratti mul’achuu dhabuun gaaffii tokko tokko kan kaasu ta’uusaafi, sochiin hiyyummaa biyyattii keessaa balleessu kun immoo hayyoota biyyattiin qabduun yoo deeggarame malee guutuu ta’uu kan hin dandeenye ta’uus himaniiru.

Ummanni biyyattii walakkaa ol hanga ammaatti ibsaa malee jiraachuun, bishaan qulqulluu waliin ga’uu dadhabuuniifi rakkooleen mootummaan qofaasaatti keessaa ba’uu hindandeenye hedduu waan jiraniif beektonni biyyaa waamicha biyyaatiif awwaachuu akka qaban dhaamaniiru.

Sochiin mootummaan dhaabbilee misooma mootummaa gara dhuunfaatti dabarsuuf taasisaa jiru keessatti carraa duraa abbootii qabeenyaa biyyaatiif kan kennamu ta’uu kan himan immoo Ministira Ministeera Geejibaa Aadde Daagmaawiit Mogas, hirmaannaan hayyoonniifi abbootiin qabeenya biyyattii misooma biyyaa keessatti qaban kallattii hundaan akka cimuuf mootummaan ulaa waggoota hedduuf cufaa ture banuusaa ibsaniiru.

Dhimmi biyyaa mootummaa ol lammiilee biyyattii hunda kan ilaallatu waan ta’eef keessattuu hayyoonni biyyattii shoora dursummaasaanii bahachuu akka qabanis gaafataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

4 Comments to “Hayyoonni sochii biyyattiin hiyyummaa jalaa ba’uuf taasisaa jirtuu akka utuban gaafatame”

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: sunwin
  3. Pingback: more info here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *