“Godaannisa ijaarsa biyyaa keessatti uumameef beekamtiin kennamu qaba” -Hayyoota

Finfinnee: Seenaa ijaarsa biyyoota  Addunyaa hedduu yemmuu ilaallu irra jireessaan jaalalaafi fedhaan osoo hin taane, humnaafi dirqamaan kanneen uumamaniidha.

Biyyootni humnaan ijaaraman kunneen adeemsa sana keessatti  godaannisa yeroo kamuu fayyuu hindandeenye uumaanii darbuunis iddoo heddutti ni mul’ata.

Haala kanaan biyyootni uumaman dhawaata dhawaataan adeemsa gara dimokiraasiitti taasisaniin godaannisa haala ijaarsaa keessatti uumameef beekamtii kennaa warra achirratti mufateef immoo fala tokko kaa’aa tokkummaafi jaalalli biyyattii akka uumamu gochuun muuxannoo biyyoota hedduuti.

Itoophiyaan biyyoota haala kanaan ijaaramteefi hanga ammaatti garuu walii galtee biyyaaleessaa keessatti hinmirkanoofne ta’uu hayyoonni ni ibsu.

Yoomiif Eessatti,dhimma maalirratti  jedhame?

Ijaaramarraa kaasee hanga kufaatii sirna Hayilasillaaseetti  lammiin gosa lamaa Itoophiyaa keessa tureen inni tokko  abbaa lafaa, inni kuun immoo dafqaan bulaa kan abbaa lafaa sooru ta’uunsaa kufaatii sirnichaatiif sababa ta’uu hayyuun seenaa Pirofeesar Gabruu Taarraqany ni dubbatu.

Biyya inni sabni tokko qofti qoma dhiibee abbaa itti ta’uufi sabaafi sablammoonni hedduu (keessattuu gara kibbaa) amantaa guutuu irraa hinqabne eenyummaa saboota kaabaa qofarratti ijaaramte hunduu akka keessatti of argu taasifamtu malee nageenyi waaraas ta’ee waliigalteen biyyaalessaa waan hin yaadamne ta’uu ibsu.

Godaannisa ijaarsa biyyaa keessatti raawwatameef beekamtii kennuudhaan gara fuula duraatti tarkaanfachuu dhiisanii godaannisa isa tokkotti sooqidda facaasaa biyya tokko waliin ijaaruun kan ulfaatu ta’uus ni eeru.

Saboota mirga wal qixxummaa gaafatan jecha “Zaranyaa” jedhuun  maqaa xureessuun  har’allee ajandaa miidiyaalee biyyattii hedduu ta’aa jiru.

Gochaan jecha kana ibsu qabatamaan  jiraachuu baatus irra deddeebiidhaan miidiyaalee biyyattii irratti lallabamaa ooluunsaa sabootaafi qaamota gaaffii walqixummaa sabasaanii gaafachaa jiran ittiin maqaa xureessuuf bal’inaan hojirra oolaa jiraachuu himu.

Itoophiyaan  aadaafi duudhaan saboota hundaa of keessatti hincalanqisiifne deebisanii ijaaruun  tasumaa waan hin yaadamne ta’uu kan himan immoo Pirofeesar Maartaa (Kuwee) Kumsaa yoo ta’an, dogoggoroota darbaniif beekamtii kennuudhaan gara fuula duraatti imaluun murteessaa ta’uu ibsu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

2 Comments to ““Godaannisa ijaarsa biyyaa keessatti uumameef beekamtiin kennamu qaba” -Hayyoota”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *