Faayidaa saatalaayitii Itoophiyaan kaleessa furguggifte akkamitti ibsama?

Finfinnee: Saatalaayitii gara hawaatti furguggifamu odeeffannoofi ragaalee addunyaa kanaaf cuuphata ta’an qorachuun guddina teknolojii si’eessa.

Guddina teknolojii si’eessuun alattis hudhaalee uumama keessatti mudachaa jiraniifi mudachuu malaniif raaga haalduree kennuun haalota walxaxoo salphisa.

Akka addunyaatti furguggeen saatalaaytii isheen jalqabaa ALA bara 1957 gara hawaatti kan furguggifamte yoo taatu, maqaa “Saatalaayitii Ispuutinikii” jedhamuunis beekamti.

Furguggifamuu saatalaayitii Ispuutinikii ishee jalqabaa kana  hordofuun saatalaayitonni biyyottan adda addaa kumaa ol gara hawaatti furguggifamaniiru.

Itoophiyaanis yeroo jalqabaatiif tarree biyyoota saayinsiif teeknooloojiin fagaatan cina akka hiriirtuuf furguggeen jalqabaa Amajji 10 kan gaggeeffame yoo ta’u, hayyota Itoophiyaan deeggaramuunsaa miira ofitti amanamummaa Itoophiyaanotaa cimseera.

Saatalaayitiin Itoophiyaa (‘Ethiopian Remote sensing Satellite (ETRSS-1’) hawaatti furguggifte kun Chaayinaa, lafa Magaalaa Beejiingirraa kiiloo meetira 400 fagaatee argamutti kan gaggeeffame yoo ta’u hordoffiin teeknikii guutummaatti Itoophiyaa keessatti ogeeyyota Itoophiyaan taasifamaa jira.

Chaayinaatti akka furguggifamtu kan taasises meeshaan ammayyaa  ittiin furguggisan achitti waan argamuuf ta’uu ibsi gama mootummaatiin kenname ni eera.

Amajjii 10 bara 2012 Itoophiyaaf bara cehumsa teknolojii furguggee saatalaayitii waan ta’eef galmeen seenaa biyyattii guyyaa itti jijjiirame ta’uu qondaaltonni mootummaas ni dubbatu.

Ministir De’eetaan Innooveeshiniifi Teknolojii Doktar Ahmaddiin Mohaammad  sirna hordoffii furguggee saatalaaytii  Itoophiyaa Wiirtuu Qorannoofi Qo’annoo Inxooxxootti gaggeeffamerratti haasa’aa taasisaniin biyyattiin yeroo jalqabaatiif ol jechuushii dubbataniiru.

Saatalaayitiin hawaatti furguggifamte kun odeeffannoowwan adda addaa kan funaantuufi gabaastu ta’uus eeranii, balaa tasaa qaqqabuu malu, jijjiirama haala qilleensaa mudatu,  qabeenyota bosonaafi bineensota bosonaallee kan hordoftu ta’uu himaniiru.

Kana malees sosochii damee qonnaa, misooma magaalotaa, kunuunsa qabeenya uumamaa, hojii kaartaa, meetirooloojiifi qorannoo ‘JPS’ kan gaggeessitu ta’uu ministir de’eetichi himaniiru.

Saatalaayitichii qaama kauu waliin walitti osoo hinbu’iin ragaalee adda addaa sassaabdi jedhanii, daaw’annaa dacheerraa taasisuun odeeffannoo haala yeroo ni qooddi jedhaniiru.

Furguggeessa saatalaayitii Itoophiyaa bara 2007 raawwachuuf karoorfamee sababa rakkoo bajataatiin otoo hinmilkaa’iin kan yaadachiisan ammoo bakka bu’aa Saayinsii Hawaa Itoophiyaa, Obbo Masaay Waldahaannaati.

Ta’us deeggarsa mootummaan Chaayinaa Itoophiyaaf taasiseen hojichi bara 2010 eegalamuun kaleessa wiirtuu to’annoo sosochii saatalaayittii Itoophiyaa gaara Inxooxxoorratti argamutti hojii eegaluu ibsaniiru. Hojichaafis qarshiin miliyoona 210 baasii ta’uu himaniiru.

Yeroo ammaattis wiirtuu Inxooxxoo Obzervaatorii jedhamu kanarratti ogeeyyonni Itoophiyaa saatalaaytitii ajajan, hordoffiin, odeeffannoowwan adda addaa to’atan horatamaniiru jedhan.

Saatalaayitii Itoophiyaa kana wanni adda taasisu yaaliif osoo hintaane odeeffannoo gahaa akka funaantuuf kallttummaan gara hawaatti kan furguggifamte ta’uu Obbo Masaay ibsaniiru.

Saatalaatiin ‘ETRSS-1’ kaleessa furguggifame ol ka’uu Itoophiyaa labsuushii kan himan ammoo Ministira Muummee Ittaanaa Itoophiyaa, Obbo Dammaqaa Mokonnoni. Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa waggoota 16 dura hundaahe milkaa’ina kanaaf gumaachuusaas eeraniiru.

Gama biraatiin Yunivarsitii Ambootti barsiisaan makaanikaal injiinariingii Injiinar Kumaa Gowwoomsaa ibsa saatalaayiticha ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaatiif kannaniin qoodni hojii saatalaayitichaa qaama hawaarra taa’ee odeeffannoo lafaa funaanee deebisee lafatti erguudha jedhan.

Itoophiyaan teknolojii akkanaa waan hinqabneef odeeffannoo barbaadu biyya biraarraa sharafa alaatiin galchitee ittifayyadamaa turuushiis eeranii, saataalaayitiin kun qorannoowwan adda addaa geggeessuuf, haala qilleensaa, anniisaa, hojii qonnaan walqabatuufi kkf oola. Guddina saayinsiifi teknolojii si’eessuufis daran kan gumaachu ta’uu eeran.

Itoophiyaan humna saatalaaticha furguggeessu waan hinqabneef Chaayinaarraa akka furguggeeffame taasifamuus ibsanii, waanti kaleessa raawwatame biyyattiif tarkaanfii guddaadha jedhan. “Dhalataa qaroon egerees isa amma Chaayinaatti ta’e goone kana asumaa furguggeessuu akka dandeenyuuf xiyyeeffannaan hojjechuu qaba. Anis akka dhuunfaatti furguggiffamuun saataalaayitii kanaa daran na gammachiiseera, jijjiirama guddaadhas. Kan ijaarraa jirru biyya tokko waan ta’eef walcinaa taanee socho’uu qabna” jedhan.

Furguggisni saatalaayitii kaleessa geggeeffame ilaalchisuun Pirezidaantii Mootummaa RFDI, Aadde Sahilawarqi Zawudee haasaa yaa’ii wajjummaa manneen marii bakka bu’oota ummataafi federeeshinii Fulbaana darberratti taasisaniin, “Saataalaayitiin Itoophiyaa inni jalqabaa ji’a Muddee bara 2012 wiirtuu furguggeessaa Chaayinaatti argamurraa gadilakkifama” jechuun eeranii turan.

Waasihun Takileefi Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

3 Comments to “Faayidaa saatalaayitii Itoophiyaan kaleessa furguggifte akkamitti ibsama?”

  1. Pingback: bk8
  2. Pingback: ufazeed

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *