Doktar Abarraa Dheeressaa barattummaa hanga geggeessummaa damee qonnaatti

Doktar Abarraa Dheereessaa hayyooota Oromiyaan biyyattiif gumaachite keessaa isaan tokkoofi keessumaa haala jiruufi jireenya hawaasa keessatti dhalatan jijjiiruuf dhama’aniidha.

Daa’imni barnoota kutaa gadaanaarra jiru erga barumsa xumurtee maal ta’uu barbaadda? jedhamee yemmuu gaafatamu, doktora, paayileetii, barsiisaa, maandisaafi kkf jechuun fedhiisaa kan tarreessu yoo ta’u, kan Doktar Abarraa garuu faallaa kanaa ture.

Hawwiifi fedhiinsaanii jalqabaa erga barumsa xumuranii booda ogummaa hawaasa keessaa bahan kallattiidhaan fayyadamaa taasisuun filannoosaanii jalqabaa godhatan.

Barattoonni bara sanaa marti  /irrijireessisaanii/  dameelee hojii keessatti dhalataniifi maatiinsaanii hanga har’aatti keessa jiru dhiisanii ogummaa biroo kan filatan yoo ta’u, hayyuun kun garuu ogummaa qonnaa baratanii hawaasa jiruuf jireenyisaan  guutuun qonnarratti hundaa’eef waan danda’an gumaachuuf murteeffatanii damee namoonni danuun yeroo sana tuffatanitti galan.

Doktar Abarraan yeroo ammaa hayyoota damee qonnaa, keessattuu qorannoo qonnaarratti biyyattiin qabdu keessaa nama maqaansaanii sadarkaa duraarratti waamaman keessaa isaan  tokko.

Turtiin Gaazexaan Bariisaa qorataafi ogeessa qonnaa akkasumas hayyuun gameessa, Doktar Abarraa Dheereessaa wajjin taasise akka ittaanutti dhiyaateera.

         Dhalootaafi barnoota

Doktar Abarraa Dheeressaa dhalatanii kan guddatan Wallagga Lixaa, Najjootti yemmuu ta’u, yeroo ijoollummaasaaniittis akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu jaabbilee tiksuudhaan deeggarsa maatii eegalanii dhawataanis akkuma umriinsaanii dabalaa adeemuun gara loon tiksuutti ce’an.

Loon tiksuu maddiitti barumsasaanii hordofaa hubannoo cimsachaa akkuma deemaniin fedhiif dandeettiin qaban daran olaanaa ta’uusaatiin kutaa 1fa hanga 5fatti dachaan darbuudhaan (‘double promotion’) waggoota gabaabaa keessatti xumuran.

Barataa kutaa 5fa ta’anii osoo jiraniis qormaata ministirii kutaa 6fa akka fudhataniif carraa argatanii qormaatichas qabxii gaarii galmeessisuun gara kutaa ittaanutti ce’an.

Kutannoon qabxii gaariin deeggarame kun hanga kutaa 12fattis ittifufee kutaa 12fan booda Kolleejjii Qonnaa Ambootti ramadamanii waggoota lamaaf sadarkaa dippiloomaatiin qo’atanii qabxii gaariin galmeessisuun eebbifaman.

Yeroo sanatti dhaabbileen qorannaa barattoota ogummaa qonnaatiin eebbifaman barbaadanii qormaataan calalaa waan fudhataniif isaanis beekumsaafi hubannoo qabaniin filatamanii dhaabbata qorannoo galan.

Bara 1966 ce’umsa barnootarraa gara hojiitti, gargaaramuurraa gara  gargaaruutti barachuurraas gara waan baratan hojiitti hiikuutti ce’ani ture.

Gara hojii qorannootti galuusaaniitti gammadanii hawwii damee qonnaa jijjiiruuf qaban dhugoomsuuf wayita  humna  guutuun hojjachaa jiranitti  carraan gara barumsa caaluutti isaan geessu argame.

         Barnoota olaanaafi imala gara Awurooppaa

Haalli siyaaasaa yeroo sanaa biyyattiin hordoftus ta’ee carraan barnootaa yeroo sana barattoota biyyattiitiif baay’inaan argamu gara Awurooppaa lixaatti waan tureef carraansaaniis kanaan ala hintaane.

Waan ta’eefis karaa Ministeera Barnootaatiin barataan dippilomaafi qabxii gaarii qabu dorgommiidhaan filamee damee qorannoo qonnaarraa akka ergamu carraa dhufeen barattoota carricha argatan muraasa keessaa nama tokko ta’uun  bara 1971tti barumsaaf gara Gamtaa Sooviyeet duriitti qajeelan.

Barnoonni biyyasanii immoo bal’aafi waan hedduu iddoo tokkotti kan hammate ta’uusaatiin bara 1775tti digrii 1fafi 2fa isaaniis fudhatanii biyyatti deebi’an.

Haalli barumsaafi turtiin yeroo sana barumsaaf achitti dabarsanis qabxii gaarii galmeessisuun sun isaanuma faana waan tureef barnoota silaa waggaa jaha gaafatu waggaa shanitti xumuranii deebi’an.

Akkuma barumsasaanii xumuranii dhufaniinis giddu gala qorannoo qonna malkaasaatti ramadamuudhaan gara hojiitti galan. Akkuma waggaa muraasa hojjataniinis gaafa digrii 2fa isaanii baratan sana qabxiinsaanii olaanaa waan tureef yunvarsitichi digrii 3fas akka achitti barataniif carraa kenneefii ture.

Haa ta’uu malee Imbaasiin Itoophiyaa kan biyya sana ture ‘barnoota biroo barachuun dura biyyatti deebitee isa baratteen ummata tajaajiltu malee hinta’u’ jechuudhaan carraa argamee turetti gufuu ta’e.

Ajaja imbaasichaa fudhachuun alatti filannoon biroo waan hinturreef biyyatti deebi’anii waggoota shan erga tajaajilanii booda carraan sun deebi’ee dhufuusaatiif yeroo 2fadhaaf gara Awurooppaatti qajeelan.

Barnootni digrii 3fa kan gaafatu waggoota sadii waan ta’eef erga achitti dabarsaniin booda immoo ogummaafi beekumsa gahaa waliin adeemsa barumsaarraa guutummatti gara hojii qabatamaatti galan.

Hojjiifi barnoota walkeessa jijjiiruurraa gara hojii dhaabbiitti

Akkuma barnoota digrii 3fa xumuranii dhufaniin yeroo sanattis giddugala qorannoo cimaa kan ture Giddugalli Qorannoo Qonnaa Hoolataa haala barnootasaanii ilaaluun hojii qabatamaatti akka jijjiiraniif gara giddugaloota haaraa reefu banamanitti isaan ramade.

Giddugaloota qonnaa yeroo sana haaraa banaman keessaa isa tokko kan ta’e Giddugala Qorannoo Qonnaa Najjootti  ramadamanii ergaman.

Isaanis iddoon kun bakka dhalootasaaniifi haala hawaasichaas gadi fageenyaan kan beekan waan ta’eef achitti ramadamuusaaniitti gammadanii hamileefi kaka’umsa cimaadhaan hawaasicha tajaajiluuf waadaa galan.

Naannoon sun iddoo biyyeen asiidummaa qabu itti baay’atu waan ta’eefis haala biyyoon kun itti yaalamee omisha gaarii kennuu danda’urratti xiyyeeffatanii hojiisaanii eegalan.

Yeroo sanatti haalli siyaasaa biyya keessa ture gaarii waan hinturreef isaanis miseensa paartii kamuu ta’uu dhabuusaaniitiin walitti bu’iinsi uumamee hanga yaalii ajjeechaatti  isaanirratti aggaamameera.

Sababa kanaanis naannawa sana gadi lakkisanii akka deemaniif itti himamaa turuusaatiin iddoo dhalootasaaniifi hedduu jaalatanirraa dhiibamanii Giddugala Qorannoo Qonnaa Baakkootti galuuf dirqaman.

Achittis erga waggaa tokko qofa hojjatanii booda gara Giddugala Qorannoo Qonnaa Malkaasaatti qajeelan. Achittis hojiin qorataa ta’uun eegalan yeroon booda suutuma suuta gara dursaa kutaa qorannootti, dursaa dameetti dhumarratti hanga daariktera giddugalichaatti guddachuudhaan tajaajila kennaniiru.

         Hojii qorannoorraa gara gaggeessummaatti

Hojii daarikterummaa Giddugala Qorannoo Qonna Malkaasaatti eegalan sun immoo ulaagaa qorannoorraa gara gaggeessummaatti isaan fideera.

Haaluma sanaan jalqaba akkuma gara Federaalaatti dhufaniin ittaanaa daariktera olaanaa Giddu Galaqorannoo Qonna Itoophiyaa ta’uudhaan muudamanii  qorannoo gaggeessuu qofa osoo hintaane, hooggansi maal akka ta’e hojiin agarsiisanii muudama birootiif kaadhimaman.

Kanaanis Ministir De’eetaa Qonnaa ta’uun filatamanii waggoota shaniif ogummaafi beekumsa qabaniin seektara qonnaa jijjiiruuf gumaachaa turan.

Aangoo argachuufis ta’ee muudama kamiifuu firas ta’ee nama beekan kan hinqabne ta’uu kan dubbatan Doktar Abarraan, jalqabaa kaasee hanga sadarkaa kanaattii hojiifi dandeettiisaanii qofaan madaalamaa sadarkaa kanarra kan ga’an ta’uu dubbatu.

Yeroma tokkoon dakaa ka’anii iddoo amma jiran kan ga’an osoo hintaane, sadarkaa ogeessaa (eksipartii) irraa ka’anii bu’aa bahii hedduu keessa  darbuu qaban hunda keessa lufuun iddoo amma jiran ga’uunsaanii namoota hedduuf fakkeenya akka ta’uu himu.

Yeroo ammaa kanatti namoonni heddun qorattoota ta’anii baadiyyaatti ramadamuuf fedhii hinqabaatan. Fedhiifi hawwiin namoota hundaa al tokkotti sadarkaa guddaafi magaalaa bareedaa keessa jiraachuudha.

Hawwiifi fedhii kana galmaan ga’uuf immoo wanti isaan hin yaalle hinjiru. Inni kaan firaafi nama beeku hundatti fayyadamee inni kaanimmoo siyaasatti irkatee karaa qaxxaamuraatiin osoo sadarkaasaa hineegganne iddoo guddaa ga’uudha.

Ani gaafa jalqaba qorataa ta’ee mindeeffamurraa kaasee osoo fira aangoo qabu dhiisii nama hojii waardiyyaa ta’efira tokko hinqabu ture.’ Jedhu .Kanaaf iddoo fedhe hunda ga’uuf kan itti amanus ta’ee kan itti abdataa turan dandeettiifi beekumsasaanii qofatti waan ta’eef  sadarkaa kanarra ga’uuf kan isaan gargaare ta’uu ibsu.

Ministeerri muummee yeroo sanaa, Obbo Mallas Zeenaawwii waajjira qonnaa “ni cufna” maaliif akka jedhanirratti dubbii dubbataniin wayitiin  sun JABH (Jijjiirama Adeemsa Bu’uura Hojii) wanti jedhamu yeroo ittidhufe ture. Kanaaf waajjiraaleen hundi hojmaata haaraa kana hojiirra akka oolchaniif kallattiin taa’ee ture.

Wanti JABH jedhamu kun damee qonnaafi qorannoo irratti akka hinbarbaachifne Ministira Qonnaa yeroo sanaa, Obbo Addisuu Laggasaafaa waliin hedduu wal mormaa turre. Sanarra darbee immoo akka biyyaatti dhimma sana hojirra oolchaa kan ture Obbo Tafarraa Waaluwwaas argadhee wanti kun sirrii akka hintaane itti himuuf yaalee ture.

‘JABH  jedhameef qofa lafumaa kaaneen waajjiroota hundaa JABH kana jala galchuun dura waajjiraalee kamiif akka barbaachisu haala qabatamaarraa ka’amee hojirra ooluu akka qabu waltajjii heddurratti kaaseera. Kun kanaan osoo jiruu gaaf tokko bakka ministirri muummee yeroo sanaa, Obbo Mallas jirutti mormii kiyya dhaggeessifnaan, Obbo Mallas “Yoo kana diddan waajjira keessan ni cufna” jedhee nutti qoosee ture’.  Kanaaf haasofti Obbo Mallas gaafas haasa’e yeroo heddu waanan mormaa tureef bifa qoosaatiin nu akeekkachiisuuf malee jecha dhugaadhaan waajjiricha cufuuf dubbatamee miti.’ jedhu

Wal mormuunis ittifufe, muudamarraa  ka’uunis dhufe

Muudama Ministira De’eetaa Qonnaarraa ka’uusaaniitiin walqabatee odeeffannoowwan adda addaa kan turan yemmuu ta’u, irra jireessaan kan odeeffamaa ture garuu fedhaan osoo hintaane akka waan dhiibbaadhaan hojiisaaniirraa kaafamaniitti ture.

Waan odeeffamaa ture kanarraa ka’uun dhimma kanarratti  qabatamaan waan yeroo sana ture akka nuu ibsaniif kan gaafanne Doktar Abarraan, akka ittaanutti ibsaniiru; “Jalqabarratti qonna geeddaruufi waan beekuun gargaaruun hawwiikoo ganamaa waan tureef muudama ministirichaattis hedduu gammadee fudhadhees ture. Turtii waggoota shanii keessatti haala dameen qonnaa itti hoogganamuu danda’urratti wantoota heddu fooyyessuuf yaaleen ture.

Boodarratti garuu akkuman waggoota sadii tajaajileen naannoon aangoo kun akka hojii gaggeessummaa sadarkaa gadiifi akka ogeessa ykn qorataatti hojii fedhii koo waliin adeemu akka hinturre keessikoo natti  himaa dhufe.

Anis waan keessi koo natti himu kana hubadhee birokraasiin hooggansaa tures hedduu xaxamaa waan tureef  muudamicharraa akka isaan na kaasaniif gaaffii dhiheesseen ture.”jedhu

Aangoorraa akka  isaan kaasaniif  gaaffii dhiheessanii waggaa lamaan booda mootummaan gaafficha fudhachuun deebii kan isaaniif kenne ta’uu kan himan Doktar Abarraan, haaluma kanaanis  sadarkaa irra turanirraa kaafamuusaanii ibsu.

“Kanaan alatti immoo dhiibbaa mootummaatiin aangoo irraa ari’aman” ololli jedhu kijiba bu’ura hinqabne ta’uusaafi  hanga har’aattis  yeroo mootummaan isaan barbaadetti gorsawwan adda addaa kennaafii kan jiran ta’uu ni ibsu.

Muuxannoowwan gadi fageenya qaban damee sadiiirratti

Akka damee barnootaafi akaakuu isaan itti baratanii eebbifamanii (qorannoo) qofatti osoo hintaane, dabalataanis  bulchiinsaafi tajaajila hawaasaa itti dabaluudhaan dameewwan sadeen kanarratti muuxannoo cimaa kan  horatan ta’uu ibsu.

Akka ibsasaaniittis; akkuma  hojii eegalaniin gaafa qorannoo qonna Najjootti ergaman  giddu galichi haaraa waan ta’eef namni tokkos hin turre iddoo qofa kan qophaa’e.

Sababa kanaan walqabatee hojii hunda kan hojjatu ana qofaadha. Lafa sanyiin qorannoo itti faca’u qotuun, maallaqa hoogganuun, sanyii facaasuuniifi hojiin hundu namuma tokkoon hojjatamaa ture.

Kanaaf rakkoo kana keessa akaakuuwwan barnootaa hinbaratinis hojiidhaan dirqamee barachuu eegale. Dhiibbaa hojii kana keessattis abbaa ogummaawwan garaa garaa ta’uu danda’eera. Akka fakeenyaatti yemmuu ilaallus, ji’a jaha keessatti  maallaqarratti akkatti hogganan, haala bulchiinsaafi ogummaa hedduu barachuu danda’eera.

      Argannoowwan isaan galmeessisan keessaa

Yeroo jalqabaatiif qorannoon biyyee asiidummaa qabu irratti kan gaggeeffame Giddugala Qorannoo Najjootti yemmuu ta’u, namni qorannoo kana eegaleefi dura bu’ummaan falasaa argamsiise isaani.

Haaluma kanaanis bara 1966 hanga 1970 giddutti qorannoo taasifameen, biyyeen asiidummaan itti faayyadu nooraadhaan yaalamee omisha gaarii kennuu akka danda’u mirkanaa’e.

Itti fayyadama jallisiirratti yeroo jalqabaatiif bishaan bo’oo ykn kaanaaliirra adeemuudhaan iddoo barbaachisu akka ga’us qorannoon isaan Malkaasaatti taasisan bu’uura waan kanaati.

Gama birootiin immoo, sanyiin qullubbii diimaa dur biyya alaatii kiiloo giraama tokko qarshii 600 bitamaa ture. Rakkoo kana furuuf qorannoo isaan gaggeessaniin, sanyii kana biyya keessatti omishuun akka danda’amu taasisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, sanyiiwwan muuzii, burtukaanafi kanneen biroo biyya keessatti akka omishamuufis qorannoon isaan gaggeessan murteessaa ture.

Keessattuu naannolee Giddugala Qorannoo Malkaasaatti dhiheenya qaban kanneen akka Adaamaatti  “nama tokkoof kudura tokko” dhaadannoo jedhuun  ummatni hedduu kuduraa akka omishuufi itti fayyadamu taasisneerra.

Namni har’a magaalaa Adaamaa adeeme tokko dhugaa kana ragaa bahuu waan danda’uuf ibsa bal’aan kan hinbarbaachisne ta’uus ni ibsu.

Erga muudama mootummaa fedhaan gadi lakkisanii kaasee immoo dhaabbilee mootummaafi kanneen biroo gorsurratti kan argaman keessummaan keenya, yeroo ammaa kana Qorannoo Qonna Oromiyaas gorsuurratti argamu.

Waanti hayyuun kun nuu ibsaan heddu ta’us barreeffama kanaan barreessanii xumuruun hin yaalamu. Ta’us hojii fakkeenya gaarii muraasa asirratti dhiyeessinerraa jennee abdanna. Hubannaa gaarii akka argattan abdii keenya.

Horaa bulaa.

Bayyanaa Ibraahimiin

Suurri Haddush Abrahaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

5 Comments to “Doktar Abarraa Dheeressaa barattummaa hanga geggeessummaa damee qonnaatti”

  1. Pingback: obeng bet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *