Paartiin Badhaadhinaa madaallii eenyummaafi tokkummaa biyyaalessaa ni eegisisa

TOI: Paartiin Badhaadhinaa bu’aalee saboonni Itoophiyaa gonfatan mulquuf otoo hintaane waantota dhaban hunda deebisuuf kan hundaa’e ta’uu waajirri ministira muummee ibse.

Waajirichatti waltaasisaan wiirtuulee dimokraasii Doktar Alamuu Simee dheengadda wayita qaamolee hoggansaa Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa sagantaafi seera ittiin bulmaataa Paartii Badhaadhinaarratti mariisisan akka jedhanitti, ADWUI gara paartii walitti makamaatti ceessisuuf tattaaffiin waggoota 16 dura  kan eegalame waan ta’eef ni ture malee hinariifanne. Addunyaarra dhaabni siyaasaa akka addaatti (‘front’) hundaa’ee waggoota dheeraa lakkoofsise ADWUI qofa.

Haala addunyaa guyyaa guyyaadhaan jijijjiiramu wajjin tarkaanfachuuf hojmaata farra dimokraasii gartokkee lammii biyyattii  hinammanne geddaranii hirmaannaa haqaqabeessa mirkaneessuuf walitti makamichi yeroo murteessaatti xumuramuusaas eeraniiru.

Waanti naannolee of bulchaa turan jedhamus sobaafi ajaja nama dhuunfaatiin murtiisaanii jalaa jijjiiramaa turuus Doktar Alamuun ibsaniiru. Dhaabbileen addichaa afranis mirga walqixxee qabaachaa kan hinturre ta’uu dubbataniiru.

Paartiin Badhaadhinaa bu’aalee saboonni Itoophiyaa gonfatan mulquuf otoo hintaane mirgoota tokkummaa cimaa Itoophiyummaarratti dhaban deebisiisuufi gara badhaadhinaatti ceessisuuf kan hundaa’e ta’uus himaniiru.

Gurmaa’ina qoqqoodiinsa uumaa ture diiguun mataansaa jijjiirama guddaa ta’uu kan ibsan, waltaasisichi, walitti makamichi dhaabbileen walitti makamicha uuman sirna federaalizimii ijaaruuf, mirga ofiin of bulchuu, mirgoota sabootaa qabatanii waggootaaf qabsaa’aa kan turan waan ta’aniif gurmaa’ina ammaa sirna mootummaa waalta’aa wajjin hariiroo kan hinqanbe ta’uus beeksisaniiru.

Jijjiiramicha duubatti deebisuuf biyya keessaafi alatti halkanii guyyaa hojjetamaa waan jiruuf hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru lammiileen imalli eegalame akka hingufanneef xiyyeeffannaan socho’uu qabu jedhaniiru.

Gama biraatiin leenjiin gabbisa hubannoo qaamolee hoggansaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiif mataduree, “Wajjummaan gara badhaadhinaatti” jedhuun sagantaafi danbii ittiin bulmaataa Paartii Badhaadhinaarratti marsaa lamaan kennameera. Leenjicha hoggantoonni caasaa jiddugaleesaarraa hanga aanaaleetti jiran kuma sadiifi 600 ol hirmaataniiru.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012

Recommended For You

11 Comments to “Paartiin Badhaadhinaa madaallii eenyummaafi tokkummaa biyyaalessaa ni eegisisa”

  1. Pingback: car detailing
  2. Pingback: remisolleke
  3. Pingback: llucabet
  4. Pingback: lucabet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *