Roobee: Fira fira caalu, dhiiga dhiigarra namatti aanu, ollaa dafee namaa birmatu fira gaafa rakkoo, hiriyyaa gaafa makkooti. Gaafa sanyiin facaafame hundi dhibeedhaan jalaa baduuf ka’etti, gaafa aramaan sanyiisaanii liqimsee abbaa itti ta’etti, yeroo sanyii filatamaa dhabanii gabaa keessa jooranitti gaafa laftisaanii “sanyii bara darbee natti hindeebisinaa” jettee omisha kennuu diddetti kan jaarsummaa waammatan kan rakkoofi bal’ina ofii shakkii tokko malee itti himatan giddugala qorannoo qonnaati.
Garbuu nyaataaf omishamaa ture gara biiraafi omishamuutti geeddaree, qamadii daabboof qotamu immoo warshaalee paastaafi mokoroniif akka ta’utti qoratee qonnaan bulaa waan hin yaadamne kan badhaases giddugalicha.
“Baddaa Baalee bahanii qamadii dhabuun fafaa, Garbuu dhabuun salphina” kan jedhamuuf lafaa ka’amee akka hintaane nama lafa qonnaa achii qabu qofa osoo hin taane, namni daandii sanarra darbtu wabiidha.
“Abbaa manaa cimaa duuba, haadha manaa cimtutu jira” kan jedhamu milkaa’ina qonna naannawa sanaatiif warra wal gargaaree naannawaa sana quufaa taasisetu jira. Isaanis qonnaan bultoota ciccimoofi Giddugala Qorannoo Qonnaa Sinaanaati.
Giddugalichi naannawaa sanatti erga hundaa’ee sanyiiwwan garagaraa 78 qorannoon baasuudhaan qonnaan bulaa biraan gahaa turuu kan himan Inistitiyuutii Qorannoo Qonna Oromiyaatti, Daarikterri Giddugala Qorannoo Qonna Sinaanaa Obbo Mahaammad Bariisoo, yeroo yerootti sanyiiwwan haaraa baasanii qonnaan bulaa naannawaatiif beeksisuudhaan omishaafi omishtummaa dabaluu akka ergamaatti fudhatanii hojjachaa jiraachuu ibsu.
Barana qofa sanyiiwwan qorannoon argaman garagaraa qonnaan bulaaf hiruudhaan lafa hektaara 239 irra faca’uusaanii kan himan Obbo Mahaammad, sanyiin qamadii Bullaallaa jedhamu immoo akaakuuwwan sanyii qamadii barana qonnaan bulaa bira gahe keessaa isa tokko ta’uu ibsu.
Gosti sanyii qamadii kun paastaafi mokoroniidhaaf hedduu filatamaa waan ta’eef qonnaan bultoonni sanyii qamadii kana omishan kallattiidhaan warshaaleedhaaf waan dhiheessaniif gatii fooyya’aa kan argatan ta’uu dubbatu.
Qonnaan bultoota sanyii qamadii haaraa kana fudhatan keessaa tokko kan ta’an Obbo Abdulhakiim Amaan, sanyiin qamadii Bullaalaa jedhamu kan paastaafi mokoroniin irraa hojjetamu kun gama dhibee dandammachuutiinis ta’e callaa gaarii kennuutiin sanyiiwwan qamadii kaan irra fooyya’aa ta’uu dubbata.
Kanaan dura lafa hektaara tokkorraa qamadii kuntaala 45 argachaa akka turan kan himan qonnaan bulaan kun, sanyiin haaraa kun immoo hektaaraan hanga kuntaala 70 nan argadha jedheen abdadha. Yeroo dheeraaf qorannoowwan giddugalli qorannichaa baasutti fayyadamaa turuusaaniifi iccitiin milkii qonna Baalee waliigalaan giddugalicha ta’uu ibsu.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
7 Comments to “Milkaa’ina omisha garbuufi qamadii Baaleetiif gumaacha giddugala qorannoo qonnaa Sinaanaa”