Finfinnee: Itoophiyaan durii mirga cululuqaafi agarsiistuu sabaafi sablammii ta’e lammiileerraa mulquun dhiittaa mirgaa qaqqabsiisaa turuu miseensonni sabootaafi sablammiilee gara garaa dubbatan.
Saboonniifi sablammiileen kunneen kabaja ayyaana sabaafi sablammii Itoophiyaa yeroo 14faf qopheessummaa Oromiyaatiin Sadaasa 29 bara 2012 Finfinneetti kabajamerratti yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin Itoophiyaan durii sabaafi sablammii kan hinhammanneedha jedhu.
Hirmaattota ayyaanichaa dubbisne keessaa shammarreen Godina Gujii, Magaalaa Bulee Horaarraa dhufte Samiiraa Huseen ishee tokko yoo taatu, aadaan mimmiidhagaa heddu dhokatee turuu kaasti.
Sabaafi sablammiin akkana baay’atu jaarraa tokkoofi walakkaa oliif ukkaamfamanii turuunsaanii gaddisiisaa ta’uus ni himti.
Akka ibsa shammarree kanaatti eenyumtuu eenyuu gadi waan hintaaneef mirgi namoomaasaa kabajameefii jiraachuun dirqama. Kun ta’us miirri ani siif beekaafi anatu jiraa calaqqisu kamuu sirrii akka hintaane dubbatti.
Sabaafi sablammiin akkas heddummaatu kun qabsoo taasisaa jiraachuusaa agarsiisuun gammachuu guddaa ittuumuu ni dubbatti.
Heddumminni miidhagina ta’ee calaqqisuu osoo qabuu ukkaamsanii Itoophiyaa biyya olaantummaa saba tokkoon ijaaramte godhanii agarsiisuun yakka irra deebihamuu hinqabne ta’uus ni himti.
Aadaafi duudhaan akkana miidhagu dhalootaan dhaalamee darbuu osoo qabuu qorqalbii sabaafi sablammiilee hadoochaa dhiittaan mirgaa qaqqabaa ture abaaramaa ta’uu Dargaggoo Samiiraan ni dubbatti.
Kun ta’us sosochiin yeroo ammaa sabaafi sablammiileen eenyummaasaanii kabachiifachuuf taasisaa jiran daran namatti tola jechuun ibsiti.
Ta’us yaaliin Itoophiyaa dulloomtuu kaleessaa deebisuuf taasifamu miidhaginaafi tokkummaa akkanaa dhabamsiisuu waan danda’uuf balaaleffatamuu qaba jetti.
Ayyaanichi agarsiistuu walqixxummaafi tokkummaa waan ta’eef cimee ittifufuu qaba kan jette Samiiraan, mootummaan kana beekee tokkummaa hedduminarratti hundaahe cimsuu akka qabu dhaamteetti.
Abdallaa Mohaammadis Harargee Bahaarraa kan dhufe yoo ta’u, ayyaanichi sabaafi sablammiif agarsiituufi ibsituu walqixxummaa waan ta’eef ittifufuu qaba jedha.
Sirnoonni darban miidhagina akkanaa dhabamsiisuun duudhaa hawataafi foolii Itoophyaan qabdu balleessaa turuudha jedha.
Kabajamuun ayyaana kanaa mataansaa sirni dulloomaan sun deebihee akka hindhufne kan godhu waan ta’eef cimuu qaba jedheera.
Otoo sirni sun dhabamsiifamuu baatee hariiroofi tokkummaan akkasnaa hinjiru kan jedhe Abdallaan, saboonniifi sablammiileen sosochicha cimsanii itti fufsiisuun akka irraa eegamu dubbata.
Sirnoonni olaantumaa saba tokkoo lallaban har’as muuxachuuf yaalaa jiru jedher, isaan kanarraa of eeggachuun barbaachisaa ta’uu himeera.
Guyyaan akkanaa akka jiraatuuf wareegamni dhiigaafi lubbuu hedduu kaffalame kan dargaggootaa ta’uullee kaasee isa kana eeguunimmoo dirqama dhaloota ammaa ta’uu dubbata.
Dhaloonni kun dirqama aadaafi duudhaasaa kabajachuu bahuu baannaan sirni nama nyaataan eenyummaasaa akkas miidhagu dhabuunsaa hinoolu jedha.
Miidhaginni amma qalbii nama hawatu kun bu’aa dhiigaafi lafeeti kan jedhe Abdallaan, tikfachuuunimmoo dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uu dubbata.
Itoophiyaan aadaa sabaafi sablammii akkanaa seeraan yoo kunuunsiteefi dhalootaaf dabarsite hawata turistii akka taatullee himeera.
Garaagarummaan hedduminaan dabaalame yoomuu miidhagina malee abaarsa miti kan jedhe Abdallaan, harcaatota ilaalcha badaa sirna durii deebisuuf yaalanirratti qabsaa’uun dirqama ta’uus dhaameera.
Dargaggoo Muuzammil Jamaal Naannoo Kibbaarraa kan dhufefi saba Walanee yoo ta’u, maqaa miira tokkummaan jaarraawwan hedduuf awwalamaa turuu dubbata.
Sabaafi sablammiin akkana miidhaguufi baay’atu Itoophiyaa keessatti argamuunsaa gammachuu guddaa ta’uu hima. Yeroo dheeraaf biyya alaa jiraachaa turuu kan hime Dargaggoo Muuzammil ayyaana akkana miidhagu takkaa argee hinbeeku jedha.
Kunimmoo eenyummaa ofii cimsanii akka boonaniifi kan warra kaaniis akka kabajan kan godhuudha jedha. Hawata akkanaa tokkummaa Itoophiyaa diiga jedhanii qaamonni yaadan isaan diina Itoophiyaa akka ta’anis ni eera.
Miidhaginni garaagarummaan dabaalame kun yaada ijaarsaatiin osoo walutubee Itoophiyaa daran miidhagduu ijaaruu akka dandahus eereera.
Itoophiyaan biyya kaleessaa ilmaan sabaafi sablammii cunqursaa aadaafi duudhaa saba tokkoo lallabaa turte waan taateef kana booda hindeebitu jedheera.
Ayyaanichi kanaa olitti ho’ee waggaa waggaan kabajamuu akka qabu kan kaase Dargaggoo Muuzammil, saboonniifi sablammiileen muuxannoo akka waljijjiiran taasisas jedheera.
Sirni kun ittifufiinsa akka qabaatuuf dhaloonni haaraan waardiyyaa dhaabachuun sirnoota harcaatuu ofirraa qolachuu akka qabu dhaameera.
Sirni kabaja ayyaanichaa haala hawataafi nagaa qabuun kan xumurame yoo ta’u, bara ittaanu Dirre Dhawaatti walarguuf beellamameera.
Waasihun Takileetiin
Suurri: Tsahaay Nuguseetiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
5 Comments to “Itoophiyaan durii eenyummaa cululuqaa akkanaa nu dhabamsiiste -Hirmaattota ayyaana sabootaa”