Finfinnee: Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) filannoo baranaatiif qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu ibse.
Hayyuu dureen addichaa, Jaal Daawud Ibsaa gaafdeebii dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin taasisaniin filannoorratti hirmaachuuf Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaarraa waraqaa ragaa argachuusaanii beeksisaniiru.
Ji’oonni saddeetii ol yeroo qophii ta’uu utuu malanii rakkoo bakkeewwan addaaddaatti dhaabicharra qaqqabeen hojiilee hanga yoonaa xumuruu qaban akka hinxumurre himaniiru.
Akka hayyu dureen kun ibsanitti, yeroo qabanitti haalaan fayyadamuuf qophii imaammatawwan qabatanii dhihaatan xumuruurratti argamu.
Bakkeewwan addaddaatti leenjii leenjistootaa kennaa jirachuu, morkattoota biroo wajjin hojjechuuf waliigaltee taasisuufi kkf raawwachaa jiraachuu eeranii, dimshaashumatti hojiilee kanaan dura xumuruu qaban amma eegalaa jiraachuus addeessaniiru.
Addichi humna qabu hunda duguugee fayyadamuun filannoo baranaarratti hirmaata malee ejennoo filannoon haa dheeratu jedhu akka hinqabne kan himan Jaal Daawud, kana jechuun ADWUI waggoota 27 rakkoolee garagaraatiin biyyattii bulchaa ture ammas itti haa fufu jedhanii beekamtii kennuu waan ta’eef guyyaadhumasaa eeganii adeemsisuutu murteessaadha jedhu.
Saamraawiit Girmaatiin
(Suurri Daanyee Abarraatiin)
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
5 Comments to “ABOn filannichaaf qophii taasisaa jiraachuu beeksise”