Finfinnee: Pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee sagantaa ibsannaa gammachuu badhaasa noobeelii Looreetii nageenyaa Addunyaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad sababeeffachuun dheengadda Masaraa Biyyaalessaatti taasifamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, badhaasichi biyyattiin waltajjii addunyaarratti akka ol jettuufi lammiileenshiis akka boonnu taasiseera. Hawaasa biyyattiifi addunyaa mara kaka’umsaafi cimina kan gonfachiiseedha.
Rakkoolee jijjiiramicha mudataa jiranis tokkummaafi walta’iinsaan dhabamsiisuu barbaachisa jedhanii, yaadaan adda adda ta’uun diinummaa akka hintaanes eeraniiru. Waldhabdee dhimmoota adda addaarratti uumamanis mariidhaan furuu akka barbaachisu dubbatan.
Doktar Abiyyis gamasaaniitiin, ummata isaan simateefi badhafamuusaaniitti haalota garagaraatiin gammachuusaa ibseef galateeffatanii, jijjiiramni eegalame cimee akka ittifufuuf lammiileen jaalala, tokkummaafi waliiyaaduudhaan akkasumas qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.
Gama biraatiin Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad badhaasa noobeelii nageenyaa argatan sababeeffachuun dheengadda Finfinneetti simannaan gootaafi ho’aan taasifameefiira.
Goota seenaa Itoophiyaa jijjiiraa jiru kanaaf sirni simannaa Buufata Xiyyaara Addunyaa, Booleetti kan taasifame yoo ta’u, Oromoon Abbaa Daalee, Abbaa Booraa, Abbaa Bullootiin miidhage kallattii afraniin babbahee gootasaa addunyaan dinqisiifattee badhaaaste kanaan “Anaa dhufu!” jedheera.
Simannaan kun ka’umsasaa Boolee haa godhatu malee hanga Masaraa Mootummaatti dhaadachaa, garmaamaa, gombisa fardaatiin dabaaluun akka daran miidhaguuf gumaachiifi hirmaannaan ilmaan Oromoo guddaa ture.
Sangaa abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa isa jedhamu jalaa of baraaruuf simannaa goota kanaaf taasifamurratti argamuuf qonnaan bultoonni farda fe’atanii adeemsa sa’aatii dheeraa booda Booleetti argamanii dhiichisaa gammachuun geggeessaasaanii hawaasni addunyaa ga’umsasaatiin badhaasee qooddachaa oolaniiru.
Doktar Abiyyii gahumsaafi jijjiirama siyaasaa takkaa Itoophiyaa keessatti mul’achuun haa hafuu abjootameeyyuu hinbeekneefi biyyoota Afrikaa Bahaatiif fakkeenya ta’u lafa qabsiisuusaaniifis badhaasichi kan isaaniif malu ta’uu miidiyaaleen addunyaa ragaa bahaa jiru.
Kana malees qondaaltonni mootummaa biyyoota gara garaa biyyoota jijjiirama saffisaa yeroo gabaabaa keessatti hayyuun kun agarsiisan fakkeenya gaarii ta’ee galmaahaa jiraachuullee sirna kenniinsa badhaasichaarratti kaasaniiru.
Doktar Abiyyi hoogganaa cimaa addunyaan yeroo ammaa barbaaddu waan ta’aniif geggeessaa hayyuu akka galteetti irraa baratamuu qabullee ta’uudha namoonni sirna simannaasaaniirratti hirmaatan ibsaa kan turan.
Sirnichis guluffii fardaafi sirba aadaatiin dabaalamuun gammachuun Itoophiyaanotaa kan irratti calaqqise yoo ta’u, badhaasni noobeelii akka addunyaatti yeroo 100faf kenname kun seenaa Itoophiyaa isa jalqabaa ta’ee galmaa’eera.
Itoophiyaan kanaan dura badhaasa akkanaa argattee kan hinbeekne yoo taatu, tarkaanfiilee jajjabduu danuu Ministirri Muummee Itoophiyaa aangootti dhufanii ji’oota 18 keessatti fudhataniin badhaasichi argamuunsaa namni hundi bahee akka isaan simatu taasiseera.
Hirmaattonni sirnichaa dubbisne tokko tokko akka kaasanittis injifannichi kan Doktar Abiyyii qofa osoo hintaane kan sabootaafi sablammiilee maraa ta’uusaatiin simannichi sirrii ta’uu himaniiru.
Badhaafamuusaaniif sababa guddaa kan ta’e hariiroo Itiyo-Eertiraa waggoota 20 oliif addaan citee ture yeroo gabaabaa akkuma gara aangootti dhufaniin furuusaaniin ta’uu koreen badhaasa noobeelii nageenyaa kennu ibseera.
Milkiifi injifannoo cimaa yeroo gabaabdu keessatti galmeessisan kanaanis aanga’oota biyyoota biroof fakkeenya gaarii irraa baratamu ta’anii eeramaa jiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad akkuma buufata xiyyaara, Boolee gahaniin ibsa miidiyaaf kennaniin Itoophiyaan durii kaastee Muusliimaafis Kiristaanaafis haadha.
Kun ta’us hamaan dhaloota nyaatu biyyattii keessa waan guuteef isa kana dhabamsiisuun nageenya waaraa qabatamaa mirkaneessuuf hunduu tumsuu qaba jedhaniiru. Simannaa hawaasni Magaalaa Finfinneefi naannawashee akkasumas naannolee gara garaa taasisaniif galteeffataniiru.
Injifannichi kan Itoophiyaanotaa waan ta’eef hunduu nageenyasaa eeggachaa mootummaa wajjin dhaabachuu qaba jedhaniiru.
Tattaaffii hariiroo Eertiraa iddootti deebisuuf taasifameefi milkaa’ina argame keessatti shoora pirezidaantii Eertiraa, daran olaanaadha jedhanii badhaasichi isaaniinis kan bakka bu’u ta’uu eeraniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
Photoo