Finfinnee: Sirnoota moofaafi doofaa durii faarsaa Itoophiyaa haaraa ijaaruun kan hindanda’amne ta’uu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ibse.
Ittigaafatamaan sabqunnamtii ABO, Jaal Qajeelaa Mardaasaa Kibxata darbe ibsa Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaa haaraa ijaaruuf ilaalcha tarkaanfachiisaa ta’een socho’uun barbaachisaadha.
Itoophiyaa kaleessa olaantummaa saba tokkoo leellisaa turteefi cunqursaa sabootaafi sablammootaarratti gaggeessaa turte har’a faarsuun sirrii akka hintaane dubbataniiru.
Sirni dulloomaa darbe marti qorqalbii sabootaa jaamsuun saamichaafi sarbama mirga eenyummaa qaqqabsiisaa turuu kan himan Jaal Qajeelaan, jaarraa kana keessa madaallii kamiinuu fudhatama kan hinqabne ta’uu ibsaniiru.
ABOn ilaalchota dukkanaahaa akkasii dhabamsiisuuf qabsoo hadhaahaa gaggeessaa tureera jedhanii, har’as adeemsa booddeetti harkisaa kana balleessuuf kutannoon socho’aa jiraachuu dubbataniiru.
Akka ibsasaaniitti, sabootniifi sablammootni kaleessa olaantummaa saba tokkoon cunqursaa jalatti hiraarfamaa ture har’a gurra ittiin Itoophiyaa kaleessaa dhaggeeffatu hinqabu. Keessumattuu mootonni darban harqoota gabrummaasaanii lammiileerratti fe’uun eenyummaafi qorqalbii sabootaa burjaajessaa turuu himaniiru.
Yeroo kanatti sirnoota bulguu darban irra deebiin faarsuun madaa ilmaan cunqurfamoo tuttuquu waan ta’eef, irraa of qusachuun fedhiifi mirga ummata bal’aa eeguun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru. Kanaafis Itoophiyaa saboota hunda hammattuufi olaantummaa saba tokkoorraa bilisa taate ijaaruun dirqamaadhaa jedhan.
Kunimmmoo dhugoomuu kan dandahu sirna federaalizimii dhugaa hojiitti hiikuun kan jedhan ittigaafatamichi, yoo hintaane garuu balaa kan baatu ta’uu dubbataniiru. Sabni hacuuccaaf cunqursaan itti hammaate yoomiyyuu gadi jedhee jiraachuu hin dandahu jedhanii, federaalizmii dimokiraatawaaf hirmaachisaa diriirsuun barbaachisaadha.
Jaarraa 21ffaa kana keessa sirna dulloomaafi doofaa faarsuun duubatti adeemuufi qabsoo dhalootaatti baacuu waan ta’eef federaalizimii dimokiraatawaa diriirsuun dhimma filannoo hinqabnedha jedhan. Sirnoonni darban jiraachuu sabaaf sablammiileef balaafamoo ta’uurra darbanii Itoophiyaa tokkoomte humnaan ijaaruuf yaalii taasisaniin aarsaaf wareegamni guddaa akka bahu ta’eera. Lammiileen cunqursaa saba tokkoo jibbaan hadheeffatanii qabsaahuun harqoota gabrummaa sun akka cabu godhaniiru.
Sirni kun erga dhabamsiifamee waggootni muraasa lakkaawamanis qaamonni fedhii dhuunfaafi saamichaa gaggeessaa turan sirna gabroomfataa sana deebisuuf yaalii godhanis kan hin milkoofneefii ta’uu Jaal Qajeelaan dubbataniiru. Yeroo ammaatti sabaaf sablammiileen mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu gaafachaa jiraachuusaanii waliin kan walqabatudhas jedhan.
Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu tibbana ummanni Sidaamaa argate agarsiistuu dimokiraasii ta’uu kan himan Jaal Qajeelaan, ijaaramuun sirna federaalizmii mirga abbaa biyyummaa sabaaf sablammiilee dhugoomsuu keessatti filannoo kan hinqabnedha jedhaniiru. Sabootniifi sablammootni mirga hiree ofii ofiin murteeffachuuf qabsaahu keessatti ilaalcha doofaa kaleessaa faarsuun gochaa balaafamaa deggarsa hawaasaa hinqabne waan ta’eef hafuu akka qabu ibsaniiru.
Dabalataanis sirni darbe sirna dhaloota dhiigsaa ture ta’uusan balaaleffatamuun osoo irra jiraatuu akka sirna tarkaanfachiisaatti faarfamuun qabsoof wareegama dhalootaa gatii dhabsiisuu waan ta’eef dhimma fooyya’uu maluudha jedhan.
Itoophiyaan haaraa ijaaramtu kunis biyya walqixxummaa sabaa kabajjuufi hunda walqixa keessummeessitu ta’uu akka qabdu kan himan Jaal Qajeelaan, sosochiin saba tokko dhiibaa isa kaan faarsaa biyyi ijaaramtu yoomuu hin jiraattu jedhaniiru. Mootummaan aangoorra jirus ijaarsa sirna federaalizmii hunda hirmaachisaa ta’e qabatamaan hojiitti hiikuun dimokiraasii dhugaa lafa qabsiisuu akka qabu yaadachiisan.
Qabsoo ABOn gama kanaan taasisaa tures yoomuu of duubatti kan deebihu miti kan jedhan Jaal Qajeelaan, saba eenyummaafi aadaasaatti boonu horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Sirna federaalizimii dhugaa qabatamaan hojiitti hiikuun mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessuufis jaarmiyaalee maqaa Oromootiin socho’an mara faana hojjechuuf ABOn kutannoo akka qabus beeksisaniiru.
Waasihun Takileetiin
Suurri Gabaaboo Gabreetiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
5 Comments to ““Sirnoota moofaa qorqalbii sabootaa jaamsaa turan leellisuun madaa ummataa tuttuquudha” -Jaal Qajeelaa Mardaasaa”