“Qulqullinni dammaa kan waldarbu yeroo muramuufi isaan booda” -Doktar Zawuduu Araarsoo

Finfinnee: Qulqullinni dammaa gaagura kamiyyuu keessatti walqixa. Qulqullinni dammaa kan waldarbu yeroo muramufi  erga muramee booda meeshaa itti kuufamu keessatti. Daldalaanis faayidaa hinmalle argachuuf jecha dammatti wantoota adda addaa makuun qulqullinni  dammaa akka hir’atu taasisaa jira. Akka biyyaatti laaboraatoriin qulqullina dammaa mirkaneessu hanqina waan qabuuf gara fuulduraatti hanqina laaboraatoorii kana furuun dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaadu ta’uu Ittigaafatamaan Giddugala Qorannoo Kanniisa Hoolataa Doktar Zawuduu Araarsoo nidubbatu.

Doktar Zawuduun gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, giddugalichi teeknooloojiiwwan damma gaagura aadaafi ammayyaa keessaa ba’e ittiin qulqulleessan kalaquun qonnaan bulaa bira akka gahan taasisaa jira. Teeknooloojiin kun qonnaan bulaan damma nyaataafi gabaaf oolu qulqullinaan akka walitti qabu taasisuudhaan damma gatii fooyya’aatti akka gurguratu taasisaa jira. Qulqullina dammaa omisha boodaa fooyyessuudhaafis yaaliiwwan adda addaa taasifamaniiru. Teeknoloojiin dammi dafee gara jajjabootti akka hinjijjiiramne taasisus kan jiru ta’uu dubbatu.

Oomishni dammaa baay’ina biqilootaafi yeroo isaan itti daraaran irratti hundaa’a kan jedhan Doktar Zawuduun, haaluma kanaan Itoophiyaatti waggaatti yeroo tokkoo hanga sadiitti damma omishuun ni danda’ama.

Keessumaa naannoon Oromiyaa qabeenya bosonaafi biqiloota adda addaa waan qabduuf oomisha dammaatiif daran mijattuufi sadarkaa tokkoffaa irratti kan filatamtudha. Jireenyi kanniisaa daraaraa irratti hundaa’a. Oromiyaan ammoo qabeenya biqilootaafi yeroo adda addaa daraaran hedduu waan qabduuf horsiisa kanniisaatiifis ta’e omisha dammaatiif daran filatamtuudha.  Qabeenya bosonaa biyyattiin qabdu keessaa harki caalaan Oromiyaa keessatti waan argamuuf kanniisni bosonaa illee bal’inaan naannicha keessatti argamu.  Dammi gabaa giddugaleessaaf dhiyaatuufi biyya alaatti ergamu harki caalaanis Oromiyaa irraa kan argamu  ta’uu dubbatu.

Omishni dammaa akka hojiilee invastimantii biroo qarshii guddaafi lafa bal’aa waan hingaafanneef keessumaa namootni galii xiqqaa qaban damee hojii kana irratti hirmaachuu danda’u kan jedhan Doktar Zawuduun, namni lafa hinqabnellee  gaagura bosona keessatti hidhuun oomisha dammaa irraa bu’aa gaarii argachuu ni danda’a. 

Hojiin horsiisa kanniisaafi oomisha dammaa salphaa waan ta’eef yeroo boqonnaa ofii hojjechuun ni danda’ama. Haala kanaan namni kamiyyuu damee hojii kana irratti hirmaachuun galii irraa argatuun ofiifi maatii isaa jiraachisuu ni danda’a.  Damma omishuun midhaan omishuu caalaa faayidaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Qonnaan bulaan lafa hinqabne oomisha dammaa irratti hirmaachuudhaan maatiisaa kan bulchaa jiru hedduudha kan jedhan Doktar Zawuduun, sharafni biyya alaa gurgurtaa dammaafi gagaa irraa argamus guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

3 Comments to ““Qulqullinni dammaa kan waldarbu yeroo muramuufi isaan booda” -Doktar Zawuduu Araarsoo”

  1. Pingback: fox888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *