“Paartiin Badhaadhinaa sirni federaalizimii dhugaa akka hojiirra oolu kan taasisuudha” -Obbo Kabbadaa Deessisaa

Finfinnee: Paartiin Badhaadhinaafi yaadrimee Ida’amuu hanqinootaafi dogoggoroota turan waliin furuudhaan biyyattii gara badhaadhinaafi dimokiraasiitti kan geessu ta’uu Hoogganaa Ittaanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsan.

Obbo Kabbadaan gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, faayidaa paartii biyyaalessaa tokko (Paartii Badhaadhinaa) hundeessuun qabu karaa lama ilaaluu ni danda’ama.

Paartiileen afur walitti dhufanii paartiin ADWUI yeroo hundeessan kaayyoonsaanii inni guddaan humna waliif ta’anii mootummaa Dargii kuffisuuf ture. Paartiin ADWUI hundeeffamasaa irraa kaasee rakkoo caaseffamaa qaba. Paartiileen afran ummata  bakka bu’an ni qabu. Bakka bu’ummaa paartiileen afran paartii ADWUI keessatti qaban garuu dimokraatawaa hinturre.

Ijaarsi paartii ADWUI dimokraatawaa waan hintaaneef fedhiin yeroo itti wal dhiitu ni jira. ADWUIn paartii walqixxummaarratti hundaa’uun ijaarame miti. Paarticha keessatti olaantummaa qabaachaa kan ture Adda Bilisummaa Ummata Tigiraay waan tureef ADWUI jijjiiramuun dirqama ture jedhu.

Paartiin Badhaadhinaa hundaa’es rakkoolee ADWUI keessatti mul’achaa turan furuun fuunduratti akkamitti adeemuu akka qabnu kan akeeku, dinagdee biyyattii  fooyyessuufi dimokiraasii lafa qabsiisuu keessatti faayidaa bu’uuraa qaba kan jedhan Obbo Kabbadaan, paartiileen deggertootaa shananis qixa dhimma biyyaa irratti akka hirmaataniifi murtii kennan kan taasisu ta’uu eeran.

ADWUI keessatti miseensota paartiilee addicha hundeessaniin ala ministira muummee biyyattii ta’uun hindanda’amu ture. Paartiin Badhaadhinaa garuu loogii kana waan maqsuusaa eeraniiru.

Paartiin Badhaadhinaa tokkummaa biyyaa ijaaruufi sirni federaalizimii dhugaan akka hojiirra ooluuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.

“Sirna ADWUI keessa federaalizimii dhugaan hinturre. Pirezidaantii naannolee filachaa kan tures naannolee hinture. Naannoo Oromiyaatti hanga Obbo Lammaa Magarsaatti naannichi ofii isaatiin pirezidaantii filatee hinbeeku”.

“Keessumaa bara 1993 as naannoleen nama dhuunfaa ramadameen bulaa turan. Fakkeenyaaf Oromiyaa harka lafa jalaatiin bulchaa kan ture nama Solomoon Xiimoo jedhamu ture. Kun sirni federaalizimii duraan ture rakkoo qabaachuusaa agarsiisa. Paartiin Badhaadhinaa kun sirna federaalizimii cimsuufi afaan danuutti fayyadamuu kan jajjabeessuudha” jedhan.

Biyyoota addunyaa sirna federaalizimii eenyummaarratti ijaarame hordofuun mootummaa federaalaa hundeessan keessaa  afaan hojii mootummaa federaalaa tokko qofa kan fayyadamu Itoophiyaa qofa kan jedhan Obbo Kabbadaan, heerri biyyattiis afaan hojii tokko qofaaf beekamtii kenna. Paartiin Badhaadhinaa garuu afaanota shan afaan hojii mootummaa federaalaa taasisuuf karaa baneera. Dameeleen paartichaa sadarkaa naannootti argamanis haala qabatamaa naannoosaaniirratti hundaa’uun afaan hojii  tokko fedhiisaaniitiin akka dabalatan kan taasisu ta’uu himu.

Yaadirimeen Ida’amuus haala qabatamaa hundaa’uun biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessuudha. Falasamichi humna, ogummaafi dandeettii walitti fidee, wantoota gaggaarii sirnoota darban keessa turan itti fufsiisuufi hanqinootaafi dogoggoroota turan furee biyya tasgabbooftuu, dimokiraatawaafi badhaatuun akka ijaaramu kan taasisuudha jedhan.

Rakkoolee gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin mul’atan furuufis fala kan kaa’uufi hariiroo Itoophiyaan biyyoota alaa waliin qabdus kan cimsuufi galma waliinii akka qabaannu kan taasisu ta’uu himu.

Ummatni Paartii Badhaadhinaarrattis ta’e falaasama Ida’amuurratti hubannoo gahaa akka qabaatuuf mootummaa, hayyootniifi miidiyaaleen gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

180 Comments to ““Paartiin Badhaadhinaa sirni federaalizimii dhugaa akka hojiirra oolu kan taasisuudha” -Obbo Kabbadaa Deessisaa”

  1. пин ап казино [url=https://1winindia.tech/#]pin up[/url] пин ап казино

  2. en iyi casino siteleri [url=https://1wintr.fun/#]guvenilir casino siteleri[/url] en iyi casino siteleri

  3. reputable indian pharmacies [url=https://indianpharm1st.com/#]indian pharmacy paypal[/url] pharmacy website india

  4. buy prescription drugs without doctor [url=http://drugs1st.store/#]ed natural remedies[/url] erectial dysfunction

  5. best india pharmacy [url=http://indianpharm1st.com/#]indian pharmacy paypal[/url] indian pharmacy paypal

  6. sweet bonanza [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza nas?l oynan?r[/url] sweet bonanza nas?l oynan?r

  7. sweetbonanzatrpro [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza[/url] sweet bonanza oyna

  8. пин ап 634 [url=http://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казахстан[/url] пинап казино

  9. reputable mexican pharmacies online [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] best online pharmacies in mexico

  10. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  11. online pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] india pharmacy

  12. buying prescription drugs in mexico [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] medication from mexico pharmacy

  13. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] purple pharmacy mexico price list

  14. buy prescription drugs without doctor [url=https://pharm24.pro/#]cheap prescription drugs[/url] drugs to treat ed

  15. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] buying prescription drugs in mexico

  16. ED meds online [url=http://erepharm.com/#]cheapest ed pills ere pharm[/url] ED meds online with insurance

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *