Finfinnee: Mootummaan Hindi qaama nam tolchee 500 ol miidhamtoota qaamaa Itoophiyaaf kan arjoome yoo ta’u miidhamootni qaamaa oliif gadi sosocho’anii hojii idileesaanii haalaan akka hojjetan kan isaan taasisu ta’uun himameera.
Sirna walharkaa fuudhinsa kanaarratti Ambaasaadarri Hindi Doktar Shirii Anuuraag argamuun haasaa kan taasisan yoo ta’u, qaama namtolchee kana arjoomuun alatti ogeeyyota deeggarsa ogumaa taasisanis fideera.
Ogeeyyonni kun qaama namtolchee mudhii oliifi gadii Hindirraa fidan kanaan miidhamtoonni socho’anii akka hojjetan kan gargaaruudha jedhan.
Akka ibsasaaniitti hariiroon Itoophiyaafi Hindii waggoota dheeraa kan lakkoofsise yoo ta’u, ammallee cimee kan ittifufu ta’uus beeksisaniiru.
Yeroo ammaattis qaamni namtolchee 500 caalu miidhamtoota qaamaatiif kan arjoomame yoo ta’u, namoota muraasaaf kaahuun haala mijeessuusaanii ambaasaaddarichi himaniiru.
Ogeeyyonni Hindirraa dhufanis yeroof beekumsasaanii aarsaa gochuun tajaajila obbolummaafi hariiroo waloo biyyoota lamaanii mijataa taasisuuf sosochii taasisaniif galateeffataniiru.
Sirna walharkaa fuudhinsa qaama namtolchee Hospitaala Qiddus Phaawuloos Kolleejjii Meedikaalaa Wiirtuu Qaama Namtolcheefi Deeggarsa Qaamaatti taasifamerratti Ministirri Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee argamuun haasa’a taasisaniiru.
Akka isaan jedhanitti qaamaan miidhamuun gahumsa dhabuu jechuu miti. Kun ta’us haalli mijataa uumamuufii dhabuun miidhamtoonni qaamaa bu’aa buusuu qaban osoo hinbuusiin kan hafan akkasumas eeggattummaa jalatti kan kufan hedduudha.
Rakkoo kana furuuf deeggarsa mootummaan Hindi taasise jajjabeessaa ta’uus Doktar Ergoogeen himanii, sosochichi daran jajjabeessaaf miidhamtoota qaamaatti abdii kan horu ta’uu ibsaniiru.
Miidhamtoonni qaamaas deeggarsa taasifameefitti onnachuun hojii idileesaaniirratti ciminaan hirmaatanii dinagdee dhuunfaafi biyyaa keessatti qooda fudhachuu akka qaban dhaamaniiru.
Sirna walhrkaa fuudhinsa kanarratti qaamni namtolchee 500 ol kan arjoomame yoo ta’u, tokko tokkoonsaa qarshii kuma shanii oliin bitame.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
9 Comments to “Mootummaan Hindii qaama namtolchee 500 ol arjoome”