“Gaaffiileen fincilaaf ka’umsa turan deebii agachuu qabu” -Doktar Diimaa Nagoo

Dubbistootaa, Gaazexaan Bariisaa Waxabajjii darberraa eegalee erga gama qabiyyeefi haala dhiyyeessaatiin jijjiirama keessa seenee as fuula kanarratti keessummoota hayyootaafi namoota ogummaawwan adda addaa qaban, seenaa jireenyaafi muuxannoosaaniirraa waa barachuufi hubachuun danda’amu dhiyeessaa tureera. Maxxansa kanaanis gaafdeebii nama umriisaanii guutuu qabsoo Oromoo keessatti dabarsan, Doktar Diimaa Nagoo wajjin taasisne isin dubbisiisnaa dubbisa gaarii. Lakkoofsi bara Doktar Diimaan haasaa isaanii keessatti fayyadaman ALA ta’uu gamanumaa ibsuu barbaadna.

Doktar Diimaan eessatti, yoom dhalatan?

Akka aadaa Oromootti abbaan waan ofii hindubbatu, nama biraatu ykn gosatu namaa hima ykn dubbata. Ta’us egaa kanin dhaladhe bara 1951 Godina Iluu Abbaa Booraa, Magaalaa Gooreetti. Barumsa sadarkaa 1fa hanga 12fatti naannawuma dhaloota koottin baradhe. Barumsa sadarkaa olaanaa ammoo kan yeroo sana Yunivarsitii Hayilasillaasee, (Yunivarsitii Finfinnee ammaa) seenuufan gara Finfinnee dhufe.

Akkuman barumsa koo kutaa 12fa xumureen seenuu hindandeenye. Yeroo qormaata kutaa 12fa fudhadhu barumsa akaakuuwwan torban qormaata fudhee jahaan darbeen tokkoon qabxii gahaa argachuu dadhabe. Akaakuun barumsichaas Amaariffa. Amaariffi yeroo sana Yunivarsitii galuuf barumsawwan sadan jechuunis Amaariffa, Ingiliffaafi Herregaan darbuun dirqama ture.

Kanaaf waggaa tokko eegee irra deebi’ee qormaata sana  fudhadheen yunivarsitii gale. Akkuman yunivarsitii seeneenin sochii barattootaa keessatti hirmaachuu eegale, bara 1969n seeneen saayinsii siyaasaatiin bara 1973 raawwadhe. Akkuman raawwadheen  hojii mootummaa seene. Sana dura hanga tokko hojii dhabeen ture.

Kan hojii na dhabsiisees qorannoon waa’ee qabiyyee lafaarratti taasiseedha. Barumsa koo fixuuf qorannoo kanin geggeesse waa’ee qabiyyee lafaarratti. Yeroo sana hojii mootummaa malee filannoon biraa hinturre. Yunivarsitiitti na hanbisaanii erga bakka lamaa sadiitti na ilaalanii booda waraqicha ilaalanii hinta’u jedhan.

Dhumarratti ji’oota muraasa booda hojii argadhee Wallagga deeme. To’ataa walta’aa (‘cooperative supervisor’) ta’uun waajjira ‘Hizbaawwii Nuuroo Idgat” jedhamutti hojii eegale. Egaa hojiis hojjechaa haalota gara garaatiin dammaqsuun waljaarree akka aadaan Oromoo guddatuuf qabsoos geggeessaa turre.

Booda yeroo mootummaan Hayilasillaasee kufu Ministeera Bulchiinsa Qabiyyee Lafaa jedhamaa turen seene. Achi seenee keessumaa labsiin lafaa bara 1975 bahe hojiirra oolchuurratti kutaalee adda addaa biyya keenyaa hunda dhaqeera.

Haala kamiin ijaaramtanii qabsaa’aa turtan?

Otuman hojjetaa jiruu haalota adda addaatiin qabsoof qophaa’uun waan tureef Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n yeroo duraatiif anumaa yunivarsitii xumuruu jala gahuu namoota gurmeessuu jalqabne. Dirqamni koo yunivarsitii keessatii barattoota gurmeessuufi barsiisuu fa’irratti qooda fudhachuu ture. Booda dhaaba mirga Oromootiif qabsaa’u haa ijaarru yaada jedhuun ABOn akka ijaaramu ta’e. Kanaan namoota addicha hundeessan keessaa tokko ana. Gartuun dura dhaaba kana hundeessuuf ijaaramte bara 1973 ture jechuudha. Sana booda korri yaamamee bara 1976 addichi sirnaan ijaarame.

Yeroo addichi ijaarametti dura taa’aan jalqabaa ana ture. Walga’ii hundeessaas natu dura taa’ummaan geggeesse. Kora sanarra namoota 40tu ture. Namoonni kunniin gareelee adda addaa bakka bu’an turan. Sana booda ani baay’ee hinturre. Dhaaba hundaa’e sana waggaa tokkoof hogganeen bara 1977 barnootaaf ergamee biyya alaa, Senegaal deemee waa’ee dagaagina dinagdeefi karooraa baradhe .

Ergasii eenyutu addicha hogganaa tureree? Isin hoo haala kamiin ittifuftan?

Bara 1978 walga’iin biraa taa’amee nama biraa bakka koo buusan. Namni kun Magarsaa Barii jedhamu. Innis qabsoo keessatti wareegame. Akkan barnoota koo fixeen deebi’uuf jennaan na dhowwan. Yeroo sana hoggantoonni ABO baay’een daggala seenanii waan turaniif anaanis hindeebi’iin jedhan. Achii yeroo gabaabduuf Awurooppaa tureen, Sooriyaa deemuuf yaadee ture. Ta’us achi hinqaqqabne. Booda Sudaan, Kaartuumitti biiroo duraa banuuf namoota biyyarraa ergaman wajjin walagarree akka banamu goone. Biyya galuu hindadeenye, alas turuu hindandeenye. Kanumaan qabsoo hidhannoo geggeessuufan  Sudaan dhaqe.

Mirga Oromootiif falmuuf waggaa meeqatti qabsoo seentan?

Daa’imummaa koottin seene. Gaafan dura taa’aa ABO ta’u dargaggeessa waggaa 25ti. Jidduu jidduutti waantota adda addaa hojjedhus hanguma har’aattuu qabsoodhuma Oromoo kana keessan jira. Caalaatti garuu bara 1978 irraa eegalee haala gaariinin hirmaachaa ture. Hanga bara 1989tti Wallagga keessan ture. Bara 1989 yeroo duraatiif ABOn Harargeetti kora lammaffaa geggeeffate. Anis kora sana geggeessuuf Harargee dhaqe. Korichi haala rakkisaa keessatti geggeeffame ture. Namoonni baay’een karaatti nu jalaa dhumaniiru.

Somaaliyaarraa hanga gaara Mul’ataatti miilaan deemuutu nurra ture. Lolli nurratti banamee gariin keenya cabsannee baane. Kaan ni dhume, kaan ammoo of duuba deebi’e.  Achi geenyee garuu kora bara 1989 keessaa kora lammaffaa adeemsifanne. Isa booda ani 1990 gara dhumaatti Wallaggatti deebi’e. Somaaliyaatti hanga tokko waa sosochoosuuf eddii tattaaffiilee adda addaa goonee booda Mootummaan Somaaliyaas kufe. Ziyaad Baarreen otoon ani achi jiru kufe.

Waraana Walabummaa Oromoo keessa waggoota hammamiif tajaajiltan?

Ajajaa waraanaas ta’ee hojjedheera, Wallagga keessa. Walumaagalatti hanga gaafa mootummaan ce’umsaa hundaa’uutti waggoota 13f waraanuma keessan ture.

Sadarkaa loltummaa keessan osoo nutti himtanii?

Egaa siviiliis, jaarmiyaa waraanaas ta’ee tajaajileera. Jaarmiyaan ABO qabsoo hidhannoos kan siyaasaas qindoominaan geggeessaa ture. Yeroo duraa ajajaa waraanaa dhihaan ture. Boodana yeroo dhaabichi irra deebi’ee bifa biraatiin qindaa’u ittigaafatamaa dinagdee ta’een hojjedhe. Garuu hogganaa olaanaa keessaa tokko ta’ee ittigaafatamaa waa’ee dinagdeefi hawaasummaan ture.

Doktareetii keessan maalirratti hojjettan?

Doktareetii koo ergan hoggansa ABO keessaa nu baasanii boodan mana barnootaatti deebi’ee hojjedhe; Polotikaal Ikonomiidhaan. Doktareetii koo Ameerikaattin hojjedhe.

Doktar Diimaan ministiroota afran yeroo ce’umsaa muudaman keessa tokko turtan? Ministira maalii turtan? Eenyufaa waliin  turtan, akkamittis aangoo sana dhiistan?
Sun seenaa dheeraa qaba. Sana keessa deebinee haasofna yoo ta’e otoo mootummaan ce’umsaa hin ijaaramiin dura dhaabbileen siyaasaa Dargiidhaan lolaa turre sadiifi mootummaan Dargii waamicha mootummaa Ameerikaatiin Landanitti walga’iin geggeeffamee ture.

Otoo walga’iin sun hingeggeeffaminiyyuu warri lamaan kaan, Wayyaaneefi Shaabiyaan Magaalaa Finfinnee qabatan. Kanaafi mariinis hintaasifamne, mootummaan Dargiis dhiisee bahe. Nu qofatu hafe. Egaa wanti jedhamee achitti ykn Landanitti jedhame ji’a tokko keessatti akkaataa mootummaan hundee bal’aa qabu itti ijaaramurratti mari’atu, korri tokko Finfinneetti ji’a tokko keessatti akka taa’u kan jedhuun waliigalame. Haaluma kanaan dhufnee walga’icharratti qooda fudhanne, mootummaa ce’umsaa hundeessuuf.

Hojiin duraa mootummaan kun maalirratti hundeeffama kan jedhuudha. Kanaanis chaartarii yeroo ce’umsaa qopheessine. Sanadicha qopheessuurratti qooda guddaa qabna. Sanarrattis waltaane. Achirratti hundaa’uunis mootummaan ce’umsaa yoo baay’ate waggoota lamaafi walakkaaf aangoorra turu ijaarame. Isa booda filannoo geggeessee aangoo ummatatti dabarsee akka kennuuf hundeeffame.

Mootummaa ce’umsaa keessatti haalli qoqqoodinsa aangoo akkam ture?

Mootummaa ce’umsaa hundeessuurratti warri Wayyaaneefi nuti (ABO)n bu’uura taanee warri kuunis akka keessatti hirmaatan ta’e. Gama keenyaan gaafa sana kan gaafanne yoo mootummaa kana wajjin hirmaanna ta’e walqixa ta’uu baatus mootummaa kana keessaa waan humna keenya wajjin walgitu ykn madaalu qabaachuu qabna kan jedhu.

Gama keenyaan yoo pirezidaantummaa mootummaa ce’umsaa Wayyaaneen fudhate, nuti ammoo ministira muummee, yoo isaan ministira ittisaa ta’an nuti ammoo hariiroo alaa, jennee gaafanne. Gamasaaniitiin kan jedhan pirezidaantummaa, ministira muummee, ministira ittisaa, dhimma alaa, dhimma biyya keessaa hingaafatiinaa. Kan kanaan ala jiru garuu kan barbaaddan fudhachuu dandeessuu jedhan.

Yeroo isaan akkana jedhan nuti erga akkas ta’ee nuti mootummaa keessatti qooda fudhachuu hinbarbaadnu garuu ce’umsi kun akka ta’u ni barbaadna; gara sirna dimokraasiitti akka ce’amuuf. Hanga sana ta’etti mana marii keessa teenyee isin deggarra. Yoo sanarraa maqe garuu ni mormina. Kanaaf mootummaa keessaa qooda hinfudhannu jenne. Yeroo kana jennu xiqqoo ni dallanan. Dallansuu qofa otoo hintaane firootasaanii adda addaa Shaabiyaas dabalatee mootummaa Sudaaniifi Ameerikaa wajjin ta’uun dhiibbaawwan adda addaa nurratti godhan.

Dhiibbaasaanii dura dhaabachuu hindandeenye. Keessumaa mootummaan Ameerikaa  isin bira jirraa qooda fudhadhaa, yoo waanti kun gara dimokraasiitti hince’u ta’e nutis mootummaa kana wajjin hindhaabannuu kanaaf kan barbaaddan fudhadhaatii hirmaadhaa nuun jedhe. Nutis tole jennee waajjiraalee ministeerotaa afur (kan daldalaa, qonnaa, beeksisaafi barnootaa filannee) fudhanne.

Waajjiraalee kanneen akkamiin filattan?

Waajjiraalee ministeerotaa kan filanneef sagantaalee gara garaa waan qabnuufi. Ummata keenyaaf waa hojjechuuf sagantaan duraa waa’ee Afaan Oromootiin barnoonni akka jalqabamu, mootummaanis Afaan Oromootiin akka hojjetu gochuu ture. Sagantaa sana hojiirra oolfachuuf waajjiraalee ministeerotaa barbaadnu kanneen filannee fudhanne. Sanas otoo mootummaa ce’umsaa keessaa hinbahiin dura keessattuu waan barnoota ilaalurratti yeroo gabaabaa keessatti xumurree baane.

Mana Marii Ce’umsaa sana keessaa ABOn teessoo meeqa qabayyu? Namoonni tokko tokko ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa otoo bahuu baatee achuma keessa taa’ee qabsaa’ee wayyaayyu jechaa turanii, isin kanarratti maal jettu?

Utuufi eegeen duuba jirti jedhama. Waantota baay’ee jechuun ni danda’ama. Seenaawwan hunda of duuba deebinee otoo gaafa Minilik mo’amuu baannee kan jedhus inuma jira. Otoo kana goonee hinmo’amnu kanneen jedhan jiru. Of duuba deebinee waan darbe sirreessuu hindandeenyu; yoo irraa barachuuf ta’e malee.

Gaafa sana mootummaa keessa jiraanneeyyuu ummata Oromoorraa Wayyaanee ittisuu hindandeenye. Bakkawwan hundatti lolli ka’aa ture. Keessumaa humna ABOfi isaan jidduutti waggaa tokko guutuu lolatu adeemsifamaa ture. Gama tokkoon mootummaa ce’umsaa keessa jirra. Gama kaaniin ammoo lolli geggeeffamaa jira. Kanaaf achi keessa turuun hindanda’amu ture.

Nama haala yeroo sanaa hinbeeknetu, warra waa’ee siyaasaafi qabsoo hidhannoo hinbeeknetu kana jedha. Teessoowwan 87 keessaa 12 qabna. Kun ummata Oromootiif gahaa hinturre Walumaagalatti maqaa Oromootiin teessoowwan 17tu ture. ABOn teessoowwan 12, dhaabbileen Oromoo biroon ammoo shan qabu. Yoo DhDUO itti lakkoofne ammoo 27 ta’a jechuudha; innis 10 qaba waan ta’eef.

Teessoowwan 87 keessaa 27 kan Oromooti. Kanaaf gaafa sana teessoon humna waraanaarratti hundaa’eet qoodame. ADWUIn ykn Wayyaaneen teessoowwan 32 qabu turan. Akkuma kana warri tokkos lamas qaban turaniiru. Kanaaf teessoo guddaa hinturre. Waa murteessuus, murtii darbellee jigsuuf barcumni kun gahaa hinturre. Murtiiwwan baay’een mana marii ministirootaatti miti kan qophaa’aa turan.

Jarri bakka itti waa murteessan qofaatti qabu. Achitti murtaa’aa waan tureef mootummaan ce’umsaa maqumaaf ture. Innuu yeroo dheeraaf hinturre. Yeroo gabaabaa keessatti waldhabne. Kan waldhabnes waa’ee filannoorratti. Yoo ummanni Oromoo mootummaa barbaadu filachuu hindandeenye waan mootummaa kana keessaa goonu hinqabnu. Duraanis kan seenneef mootummaan ce’umsaa kun ji’a jaha keessatti naannoofi  aanaatti filannoo ummataatiin mootummaan haa ijaaramu yaada jedhuuni. Kun chaartarii mootummaa ce’umsaa keessattis barreeffameera. Haalli yeroosii rakkisaa waan tureef ji’a jaha keessatti kun ta’uu hindandeenye.

Haala kamiin hirmaannaa filannoo keessaa baatan?

Akkuma mootummaan ce’umsaa ijaarameen Waxabajjii keessa filannoon akka geggeeffamu yaadame. Garuu otoo filannoon kun hin adeemsifamiin dura ummanni dhiibbaa tokko malee fedhiisaatiin akka nama barbaadu filachuu danda’uuf humnoonni waraanaa ummata keessaa haa ka’an dhimma jedhurratti waliigalame. Kanaanis humni Wayyaanees ta’e kan ABO ummata keessaa bahanii kaampii haa galan kan jedhu ture.

Waliigaltee sana Ameerikaanonni jaarsummaan keessa turan. Yeroo ABOn kaampiitti galu kan Wayyaanee sirumaa kaampii galuu dhiisanii bakka humni keenya gadilakkiseyyuu qabachuu eegalan.

Lammaffaa filannoo geggeessuuf iddoowwan adda addaatti otoo socho’aa jirruu waajjiraalee ABO cufuu, dorgomtoota (dabballeewwan), miseensota kutaalee adda addaatti argaman hidhuutti ka’an. Egaa haala kanaan filannoo kana keessatti qooda fudhachuu waan hindandeenyeef achi keessa teenyee isaan waa’elchuurra filannicha keessaa bahuu keenya labsine.

Yeroo kanatti waraanni keenyas kaampii gadilakkisee bahe. Yeroo kun ta’u mootummaa ce’umsaa keessaas bahaa, ministiroonnis, warri kaanis bahaa nuun jennaan baane.

Mootummaa ce’umsaa keessaa bahuu keessaniin maaltu isinitti dhagahame?

Ani gama kootiin gammachuusaa hindandeenye. Bahuu qofa mitii asitti nageenya keessan tiksuu waanin hindandeenyeef biyyaas bahaa jedhamne. Egaa namoota keenya keessaa gariin gara waraanni jirutti bosona seenan. Warri kuun ammoo magaalaatti hafnee biyya alaa deemuuf dirqamne.

Isin hidhuu hinyaallee?

Akkuma mootummaa ce’umsaa keessaa baaneen dursanii konkolaachisaa koo hidhan. Appaartimantii ani keessa tures sakatta’an. Anaan hanga xiqqootti walbira dabarre. Liiftiitu waljala nu dabarse malee humnoonni mana jireenyaa koo sakatta’an waan hamaas yaadanii turan. Sana booda guyyoota lama boodan biyyaa bahe.

ABOn waggaa tokko mootummaa ce’umsaa keessa turetti waan guddaa akka hojjete ykn qaanqeen facaase iddoo guddaa qabdi. Otoo waggootuma muraasa dabalatee keessumaa gama afaanitiiin waan guddaa hojjeta ture namoonni jedhan jiruu isin asirratti maal jettu?

Ta’uu danda’a. Silaa kan karoorfannee kaanee waggoota lama turuufi. Karoorri sun waggaa tokkotti fashalaa’ee karaatti hafe. Oggaa kana jennu ABOnis akka dhaabaatti of keessatti rakkoo jaarmiyaa qaba ture. Sunis bahuu keenyaaf dabalata ture jechuun ni danda’ama. Hoggantoota jidduus garaarummaan tureera.

Gama biraatiin ummanni keenya yaadannoo waggaa tokkootiin baroota dheeraa ture. Kanaaf hanga tokko dafanii bahuun sun waan gaarii ture jechuun ni danda’ama. Gama kaaniin jijjiirama har’a dhufeefuu waggaan tokko sun bu’uura guddaa buuseera yaada jedhun qaba. Isa booda hanga tokko xiinxallee ilaaluu yaalleerra.

Keessumaa ilmaan Oromoo afaan ofiitiin akka baratan gochuufi kitaabileen barnoota kanaaf barbaadaman yeroo gabaabduu keessatti qopheessuun danda’ameera. Dhimma kanarrati duraanuu hanga tokko qophii qabna ture.  Yeroo daggala turretti mana barumsaa tokkoo hanga jahaatti barsiisu qabna turre. Ijoollee naannawa to’annoo keenya jala turaniitu itti barataa ture. Waraanas dabareedhaan itti barsiisaa turre. Ijoolleen oggaa afaan baratan waa’ee eenyummaa, seenaafi qabsoo Oromoo haalota adda addaatiin akka baratan taasisaa turre.

Kitaabni irraa barsiifamaa tures haaluma kanaan qophaa’e. Isuma fidnee akka bal’inaan barattoonni ittiin baratan taasinse. Qophiin sun eddii nuti baanee hojiirra oole. Ijoollee yeroo sana barumsa jalqaban baay’ee qare. Warri gaafa sana baratan caasaalee mootummaa keessatti gariinsaanii sadarkaalee hoggansaa adda addaa keessa jiru, bulchiinsa keessas hojjetu.

Erga biyyaa baatanii hanga hoggansi jijjiiramaa kun aangoo qabatutti haala biyya keessa jiru akkamiin hordofaa turtan?

Akka mootummaa ce’umsaa keessaa baaneen Keeniyaan ture. Humna waraanaa iddoowwan adda addaatti socho’aa ture walitti qabnee akka haaraatti sochii eegalle.  Waggoota sadiif humna biyya keessa jiru waantota adda addaatiin deggaruufi jajjabeessuuf hojjechaa ture.

Bara 1996 keessa mootummaan Itoophiyaa  mootummaa Keeniyaatti iyyatee mootummichi hidhaa torbee lamaa booda biyyaa na baase; as teessee mootummaa Itoophiyaa jeeqxa jedhee. Kanin biyya sana ture beekamtiidhuma mootummaa Keeniyaatiin turus anis gara Ingilizittin qajeele.

Turtii waggoota muraasaa booda gara Jarmanin deeme. Wayitan Keeniyaa turetti waa’ee biyyaa sirriittan hordofaa ture. Jaarmiyaas ijaaraan ture. Biyya keessattis karaa lafa jalaatiin jaarmiyaa ijaaraa turre. Nama ni ergina, achiis ni dhufa ture. Tooftaalee adda addaatiin waan walqunnamaa turreef haala jiru hordofaa turre.

Mootummaa Itoophiyaa wajjin araaramuuf yaali akkamii taasistan?

Jarmanitti jaarsummaa mootummaa Jarmaniin mootummaa Wayyaanee wajjin waggaa tokko guutuuf araaraaf walitti deddeebinee haasa’aa turre. Kunis lola dhaabnee biyya galuun akka qooda fudhannurratti kan xiyyeeffate ture. Anatu ABO bakka bu’ee haasa’aa ture. Kanaaf ergan Jarman deemee waggaasaatti gara Keeniyaatti deebi’ee gorsasaanii akka barbaadnu pirezidaantii yeroo sanaatiif barreessee wajjin mari’achuuf dhaqe.

Jara wajjin haasaa akkanaarra jirraa isinis, warri ollaa nu gargaaraan jedheen. Akkuma dhufeen Pirezidaanti Moo’i wajjin walagarree haasofne. Isaanis, “Otoo odeeffannoo gahaa hinqabaatiin biyyaa isin baasne. Isinirraa jibba hinqabnu. Sirumaa jara wajjin rakkoolee adda addaa qabna. Kanaaf callisaatii hojii keessan hojjedhaa waan dandeenyuun isin bira dhaabannaa” nuun jedhan. Haala kanaan isaan wajjin haasofnee deebine.

Hoggansa ABO irraa haala kamiin geggeeffamtan?

Ergan gara Jarmanitti deebi’ee booda hoggantoota ABO keessaa hangi tokko Magaalaa Moqaadisootti walga’anii garii keenya hogganummaa keessaa nu geggeessanii walfilatan.  Erga nu geggeessanii gaariidhaa waan dandeenyuun isin gargaarra jennee dhiisne. Namoota 18 taanee geggeeffamne. Inumaayyuu nu geggeessuu qofa otoo hintaane badii yeroo ce’umsaa raawwatameef ni gaafatamtu jedhanii qaama nu qoratu hundeessan. Ani yeroo sanatti ittigaafatamaa damee siyaasaan ture. Erga sana ta’ee booda ani gara mana barumsaattin deebi’e.

Abdii kutattaniiti gara barumsaatti deebitanii?

Lakki abdii hinkutanne. Amma ittigaafatamummaa hinqabu. Waanti manaa baaneef qabsoofi. Erga qoratamuu qabdu jedhamee hamma qormaanni sun gara tokkotti citutti mana barumsaatti deebi’uun murteeffadhe. Kanaanis Ingilizitti waa’ee walitti bu’iinsaafi nageenyaarratti takka baradhee hojiilee adda addaatti seene. Bara 2004 Ameerikaa deemee doktareetii koo barachuu jalqabe.

Umrii keessan gara caalaa qabsoo keessatti dabarsitan. Kaleessaafi har’a oggaa walbira qabdanii madaaltan maaltu isinitti mul’ata? Keessumaa jijjiirama bara 2010 mul’aterratti maal jettu?

Egaa jijjiiramni amma dhufe bu’aa qabsoo bara dheeraati. Waggaa 50 oliif qabsoo kana keessa turre; keessumaa akka dhaabaatti. Qabsoon Oromoo hoggansa siyaasaa, jaarmiyaa horatee sochii erga eegalee gara waggoota 50ti. Waggoota kanneen hundatti qabsoon dhawaataan guddachaa, booda deebi’aa kufaa ka’aa as gahe; sadarkaa qabsoo ummataattis ce’e. Jijjiiramni amma dhufe kun bu’aa qabsoo baroota dheeraa kanaati.

Wareegama guddaatu kanfalame. Namoota jaalannuufi beektota nu caalan, faanasaanii hordofnee qabsootti seenne danuutu dhume. Bu’aa wareegamnisaanii fide keessatti lakkaa’ama jijjiiramni kun. Dhaloota haaraatu qabsoo kanatti darbe jechuudha.

Rakkoolee jijjiirama kana mudatan keessa akkamiin darbuun danda’ama?

Rakkoo baay’eetu jira. Kun akka Oromoottis akka biyyaattis tokkoffaa yeroo duraatiif qabsoon Oromoo bakka har’a gahe duwwaa osoo hinta’iin  gaafatamni biyya Itoophiyaa hogganuus yeroo duraatiif namoota Oromoo harkatti kufee jira. Kun ittigaafatama ulfaataadha. Gaafatama kana baachuu danda’uun hundarraa eegama. Namoonni gaafatama kana baatanii deeman maqaa nu hundaatiin baatu jechuudha. Yaadaan bira dhaabachuu, deggaruu, karaawwan dandeenyu hundaan deggaruun nurraa eegama.

ABOn haala kamiin faffaca’e?

Dura biyya keessaafi alatti faffaca’e. Inni biyya keessaa naannawa adda addaatti qoqqoodame. Hoggantoota biyya keessa turan adamsitee fixxe Wayyaaneen. Dhawaataan warraannis biyya keessaa gurmaa’ee maahiirratti bara 1997 hammi hafe gara Somaaliyaatti buqqa’e. Kan Boorana ture balaan adda addaa isa qunnamus hafeera. Ta’us kora bara 1998 Moqaadishootti taa’ame booda garaa garummaan hoggansa ABO jidduutti babal’achaa dhufe.

Yeroo waggaa lama hinguunne keessatti hoggansi gaafas filatame waldhabee bara 2001 keessa yeroo jalqabaatiif qaamoleen lama adda bahamee ijaaraman; dhibdeen akkanaa yeroo jalqabaa ta’u baatus erga mootummaa ce’umsaa keessaa baanee jechuudha. Bara 2007 keessas akkuma kana qaamni sadaffaan isa hafe keessaa addaan bahe. Qaamni sadaffaan ammoo otoo waggaa lamallee hinlakkoofsisiin bakka lamaa saditti bittinnaa’e.

Waantin kana kaasuuf bittinnaa’uun ABO dhalate kun rakkoolee garagaraa uume. Kunis hawaasa keessa seene. Haaluma kanaanis deebi’eemmoo biyyatti galame. Maqaa ABO qofaan gareelee sadiitu gale, bardheengaddaa yeroo jijjiiramni kun argamu. Paartiin maqaa Oromoo himatu biraanis dhufeera. Kun kun rakkinoota adda addaa uumuu ni mala.

Waa’ee Gaaddisa Hoggansa Oromoorratti maal jettu?

Egaa ji’oota darban keessa dhaabbilee maqaa Oromoo himatan walitti fidanii akka waliin hojjetan tattaaffiileen taasifamaa turaniiru. Dhiyeenya kana Gaaddisni Hoggansa Oromoo bu’uureffameera. Rakkoo jiru mara gaaddisa kana jalatti mariidhaan, walhubannoodhaan akka hojjetaniifi Oromiyaa keessa nagaan akka bu’uuf wajjummaan socho’uu akka danda’an, filannoorrattis waldorgomuurra walhubannoodhaan  qaamolee dantaa Oromoo hinfeeneef qaawwa akka hinbanne mariin jalqabamuun gaariidha.

Ni milkaa’aa, hinmilkaa’uun hundarratti hundaa’a waan ta’eef qooda gareelee hundaati. Gareeleen hundi waan kana milkeessuu keessatti qooda qabu. Ani hoggansa dhaaba kamuu keessa waanin hinjirreef qoodni koo gorsuudha.

Akka hayyuu siyaasaafi qabsaa’aa hangafaa tokkootti ce’umsa kana keessatti abdiifi sodaa akkamiitu isinitti mul’ata?

Abdiin jiru guddaadha. Biyyi kun sirna siyaasaa sabatinsa (‘stable’) qabu ijaaruu hindandeenye. Kunis kan hindanda’amneef akkan xiinxalee bira gahetti waan bu’uura jabaarratti hinijaaramiiniifi. Gareeleen hanga ammaatti biyyattii hogganaa turan hundi hawaasa bicuu keessaa maddan. Keessumaa ummatoonni akka Oromoo baay’inaan guddaa ta’an fayyadamaa hinturre.

Qabeenyaan irra guddaan harki 60 ol Oromiyaa keessaa omishama. Otoo kunniin hundi ta’ani jiranii Oromoon gara moggaatti dhiibamee akka waan sirna mootummaa kana keessaa homaa hinqabneetti ilaaluun itti roorrifamaa kan ture.

Darbees kan hidhamuufi dararamu Oromoodha. Baay’ina ummata Itoophiyaa keessaa harki 35 Oromoodha. Mana hidhaa keessa harka 90tu ture. Roorroon baay’innaan ummanni fincilee cunqursitoota ofirraa garagalche.

Hoggansa ce’umsaarraa maaltu eegama?

Mootummaan amma biyya geggeessaa jiru yeroo jalqabaatiif bu’uura bal’aa qaba. Bu’uura kana of jalatti tiksuu qaba. Bu’uura kanatti fayyadamuun ummata biyyattii tokkoomsuu, dimokraatessuufi dandeettiis dirqamas qaba. Biyyi kun siyaasa sabatiinsa qabu ijaaruu dandeenyaan biyya badhaatuu ta’uu dandeessi. Dagaaginni dinagdee dhufuu danda’a. Ummannis hiyyummaa keessaa bahee jireenyasaa jijjiiruu danda’a. Kana gochuuf ammoo bu’uura kana of jalatti tiksuu barbaachisa. Ummannis utubuu qaba.

Waanti akka yaaddootti eertan yoo jiraate?

Waanti akka yaaddootti eeramu jira. Balaanis jira. Bardheengaddaa oggaa biyyatti deebinu abdii guutuudhaan dhufne. Ce’umsi kun ni milkaa’a, biyyattiin yeroo jalqabaatiif mootummaa ishiif ta’u waan argatteef ni ceena jennee abdannee turre. Haalota tokko tokko ammaan tana mul’ataa jiranirraa garuu biyyi kun qalbiidhaan qabuu kan barbaachisu ta’uu nama hubachiisa. Keessumaa waanti hawaasa Oromoo keessa jiru gama tokkoon dhaabbileefi matayyoota adda addaa jala hiriiruun namaa mormii hinbarbaachisne uumuu mala. Ummata biraa wajjinis walitti buusuu danda’a.

Kunimmoo ce’umsichatti gufuu ta’uu mala. Kanaafis ittigaafatamummaa guddaan mootummaafi paartii aangoorra jirurra jira. Morkattoonnis keessumaa kanneen hawaasaa Oromoo keessaa bahaniifi namoota haalota adda addaatiin ittigaafatamummaa qabaniifi miidiyaaleen qooda qabu. Waan ummata walitti naqurraa qusachuun ummanni walqabatee akka ce’u gochuurratti walgargaaruu qabu.

Gaaffii dhaabbataan ummanni gaafataa tures jira. Keessumaa gaaffiilee fincilaaf ka’umsa ta’aa turaniif yeroo gabaabaa keessatti ta’e dheeraatti deebii kennuun barbaachisaadha. Gaaffiin ummataa deebi’uu qaba. Waa’een afaanii, lafaa, bulchiinsaa, mirga magaalota adda addaarratti qabufaan dhawaataan deebii argachuu qabu.

Gaaffilee kanneen deebisuuf keessumaa qoodni hayyootaa maalinni jettu?

Gaaffiileen kunniin deebii kan argatan ummanni yoo mootummaan kun kiyya, anaaf hojjeta jedhee amane qofa. Anaaf hinhojjetu, waanin gaafadheefuu deebii naa hinkennu yoo jedhe garuu rakkinni gama mootummaa jira jechuudha. Kanaaf mootummaan gaaffii ummataa dagachuu hinqabu. Kan gara aangootti isa fideyyuu gaaffiilee ummanni kakaaseefi sochii inni taasiseedha. Sochii kanatu mootummaa duraanii dadhabsiise.

Kanaaf ummanni ammoo hamma gaaffiileensaa deebi’aniifitti duubatti hindeebi’u. Waanti tibba darbe mudate kan tasa uumame otoo hintaane kan gaaffilee yeroo adda addaa ka’aa turaniif dhimma itti baheedha. Dubbichu dho’ee dhufee lubbuu namoota danuu dhabamu hinqabne galaafate. Kanaaf mootummaanis qalbiidhaan ummata dhaggeeffachuun dirqama. Gama ummataatiinis waantota hunda yeroo tokkotti nan argadha jechuun akka hindanda’amne hubatamuu qaba.

Haalli gaaffii ykn mormiin itti dhiyaatu akkam ta’uu qaba?

Rakkoon jiru haalatti gaaffiin dhiyaatu qofa miti. Aangoo mootummaatu laafaadha. Gubbaa qabee hanga dakaatti mootummaan hammam jira. Hanqinni tokko kana. Waanti dagatamuu hinqabne waggoota shanan darbanitti bulchiinsi sadarkaa gadii diigameera.

Caasaan kun deebi’ee ijaaramee namootuma yeroo darbe turantu ammas achi jira. Ummanni isaanirratti quufina hinqabu. Kanaaf ummanni tarkaanfii ofii fudhata jechuudha. Karaan cufuufaan dhiibbaa gochuufi. Qabsichus isaan jalqabame hoo. Namni waanuma bare raawwata. Kun egaa gama biraatiin namni karaa cufu kun dargaggoota. Dargaggoonni hojii hinqaban. Baay’inni ummata biyyattii dabalaa deema.

Sababuma kanaan lafti dhiphateera. Hojiin ammoo hinjiru. Namni lafa qabu murtaa’aadha. Lafti qotamu hinjiru. Akka durii namaa qotuunis hindanda’amu. Bara Hayilasillaasee waan Ciisanyaa jedhamutu ture. Namaa qotanii hamma tokko irraa fudhachuun tureera. Kanaaf baay’inni ummata yeroo Hayilasillaasee miliyoona 30 ture har’a dacha hedduun dabaleera. Kun hundi ammoo hojii barbaada.

Kan gara qabsootti isa geesseyyuu egereesaarratti abdii kutachuudha. Dhaloonni egereesaa argaa hinjiru. Namni gaafa baratu ykn barsiifatu ijoolleesaa waan itti qaqqabu hawwaati. Gaafa baratee fixu egereesaarratti homaa arguu dhaba. Kun jijjiiramuu qaba. Kana jijjiiruuf ammoo tasgabbiin barbaachisaadha. Dinagdeen biyyaa guddachuu qaba. Gaaffiilee deebii barbaadan keessaa tokko waa’ee lafaati.

Keessumaa lafti Oromoo haalota gara garaatiin gurguramaa, abbaan itti waljijjiiraa as gahe waggoota 150f. Ummnni biyyattii kallattiilee adda addaatti argamu kan walgahu biyyuma Oromoorratti. Kan lafasaarraa buqqa’u ammoo irra guddaan Oromoodha. Waggoota 27 darbe keessatti naannawa Finfinneetii Oromoo miliyoonatti lakkaa’amuudha kan buqqa’e. Inni buqqa’e sun eessa jira?

Kana namni duukaa bu’ee beeku hinjiru. Kunniin hundi waan salphaatti keessaa bahamu miti. Mootummaan hayyootaafi beekumsa, muuxannoofi barnoota qaban akkasumas ummata haalota adda addaatiin hirmaachisee rakkooleef furmaata barbaadurratti xiyyeeffannoon hojjechuu qaba.

Dargaggootaaf maal dhaamtu mee?

Dargaggummaan humna ho’aa waan ta’eef obsisaas murtaa’aadha.  Nuti waggoota dheeraa keessatti waan baay’ee keessa waan dabarreef bu’aa obsi qabu barreerra. Akkan dargaggeessi egereen koo ifaadha jedhee akka obsa godhatuuf waa itti agarsiisuun gaariidha. Kana gochuun tattaaffii danuu gaafata. Mootummaan carraa hojiin uuma jedha garuu waanti mul’atu hinjiru.

Maal uumuufis akka qophaa’e ani gama kootiin hinbeeku. Carraa hojii uumuun waan gaariidha. Kun dirqama mootummaa kanaati. Hojiin mootummaa ummata tajaajiluudha. Filannoo biyyoota guddatanitti adeemsifamurratti kanan hojjedha jedhee waadaa seena, kanaanis filatama. Yoo ta’uu baate isa buusee kan biraa filata.

Nuti carraa kana waan hinqabnu, aangootti kan bahamu humnaan waan ta’eef. Mootummaan amma aangoorra jiruu seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif humnaan kan dhufe otoo hintaane filannoo paartichuma keessatti adeemsifameeni. Kun jalqabbii guddaadha jedheen fudhadha. Jijjirama guddaadhas. ADWUIn yeroo jalqabaatiif haala dimokraatawaadhaan geggeessaasaa filate. Kanarraa kaanee gara sirna dimokraatawaatti ni ceena jennee abdanna.

Kana gochaa dinagdeefi tajaajila gama hawaasummaatiin ummataaf kennurratti xiyyeeffannaan hojjechuu qaba. Barumsi qulqullina qabu kennamuu qaba. Barumsi daldala ta’uu hinqabu. Kun hojii mootummaa ta’uu qaba.

Dhimma olaantummaa seeraarratti maal jettu?

Seerri akkuma sirnootaatti kan ilaalamuudha. Biyya kamuufi maaluma keessattuu sirniifi seerri eegamuufi kabajamuu qaba. Mootummaan seera eegsisuuf seera qabeessa ta’u qaba. Ofiisaatiif seermaleessa ta’ee seera kabachiisuu hindanda’u. Mootummaan darbe ofumasaatiifuu seermaleessa ture. Nama ajjeesaa ture. Hidhee gidirsaa ture. Heeras kabajaa hinturre. Inni amma jirus of eeggachuu kan qabu seermaleessummaarraayyi. Seera kabachiisuuf matumasaatiinuu seera eeguu qaba jechuudha. Tarkaanfi seera qabeessa fudhachuu qaba. Mootummaan haala amma jiruun qofaasaa seera kabachiisuu hindanda’u. Dhaabbilee danuu caasessuu qaba. Kanneen turanis yeroo fudhatee jijjiiruufi cimsuu qaba.

Keessumaa biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf baay’inas ta’e ga’umsa qaamolee nageenyaarratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Hanga kun ta’utti mootummaan seera kabachiisuuf sadarkaa sadarkaadhaan ummata hirmaachisuu qaba. Kanaaf jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaafi amantii wajjinis hojjetamuu qaba.

Mootummaan ammaan tana biyyattii geggeessaa jiru kan ce’umsaa ta’uu ummata hubachiisuunis ni barbaachisa.  Kunis gaaffiilee kuufaman yeroo gabaabduu kana keessatti deebisuun waan ulfaatuuf akka ummanni obsaan eeggatu gochuuf ni gargaara. Waan yeroo ce’umsaa kana keessatti raawwatuufi kan ce’umsa booda itti deemu  ummataaf ibsuu qaba; haala akkanaa keessatti iftoominni barbaachisaa waan ta’eef.  

Dhimma walittimakama ADWUIrratti yaada akkamii qabdu?

ADWUIn caasaa keessoosaa sirreeffachuuf mirga qaba. “Kun dhimma paartii biraa hirmaachisuufi galchu miti; keessa kootti akkamittin gurmaa’a” jedhee kan murteeffatu addichuma.

Adeemsa ADWUIn paartii tokko ijaaruuf itti deemaa jiru akka carraa gaariittin ilaala; haala caaseffamasaa kan murteessu isuma ta’us. Kaayyoonsaas gaariidha. ADWUIn kanaan dura gurmaa’ina qindoomina fakkaatuun biyya bulchaa ture. Gararraa tokko jira; warri kuun ajajamaa turan. Gurmaa’inni haraan rakkoolee waggoota 27f uumamaa turan furuu keessatti shoora ni qabaata.

Gurmaa’ina kanaan duraa keessa paartiileen miseensotaa afuriifi deggartoonni shan turaniiru. Kun mataansaa adeemsa addummaa qabuudha. Paartiileen shanan deggartummaa malee biyya bulchuu keessatti hirmaannaa guutuu hinqaban. Naannawasaanii qofa bulchaa turan. Namni Itoophiyaa bulchu afran qofa keessaa bahaa ture. Addummaan kun loogii uumeera.

Kun ammoo uumamuma ADWUI irraa kan maddeedha. ADWUIn uumamamusaatiin sadarkaa kan qabu ture. Gararraa kan jiru ABUT, isaan kuun daka jiru. Shanan hafan ammoo kanumarraayyuu ala. Gurmaa’inumti kunuu rakkoo qaba ture.

Gurmaa’inni haaraan sirna tokkummaawaa wajjin walitti hidhata qabaa?

Sirni mootummaa tokkommaawaa jedhamu mee hanga dimokraatawaa ta’etti rakkoo hinqabu. Garuu kan amma yaadamaa jiru isa miti. Haalli gurmaa’ina paartiifi biyyaa adda adda. Biyyi kan gurmaa’u bu’uura heeraatiini. Itoophiyaan sirna federaalaatiin akka caaseffamte heerri ni mirkaneessa.

Hanga heericha hinjijjiirretti gurmaa’inni jiru sanumaan ittifufa. Namoonni gara sirna tokkummaawaatti deebi’uufi, jedhan haala gurmaa’ina ADWUIn ittideemaa jiruun walqabsiisuuni. Yeroo hunda paartii tokkoon bulla jechuu miti. Kan sirna tokkummaawaa nutti deebisuufi, jedhee yaadda’u yoo jiraate gurmaa’ina biraa qabatee dhiyaachuu danda’a.

Ummata biyya kanaa keessaa harki caalu sirna federaalizimii barbaada. Biyya dhugaan kun jirutti yaaddoon kamuu jiraachuu hinqabu. Paartiin tokko ka’ee akka salphaatti sirna ummanni fudhate kana ni diiga jechuun sirrii miti. Kan yaadda’e ammoo ummata sirna federaalizimii leellisu kana karaasaatiin gurmeessee sirnicha ittifufsiisuu danda’a. Karaan ta’uu qabus kanuma.

Dhimma ida’amurratti yaada akkamii qabdu?

Ministirri muummeen erga gara aangootti dhufanii waggaa tokkoofi walakkaa keessatti yaadrimee ida’amuu qopheessuunsaanii kan isaan galateeffachiisuudha.

Itoophiyaa akkamitti bulchina, rakkoon Itoophiyaa maalinni, rakkoolee kanneen akkamiin furra, akkamiin biyyattii gara badhaadhinaatti geessina jedhanii itti yaadanii barreessanii dhiyeessuusaanii waan gaariidha.

Ani akka hayyuutti yaadrimeen kun nu ceesisa moo hinceesisu yaada jedhuunin ilaala. Abiyootaawwii dimokraasiin ADWUIn ittiin hogganamaa ture nu hinceesisne. Kanaaf gaarii achi keessa jiru fudhannee waan biyya ceesisu haa ijaarruudha akeekni ida’amuu. Kanaaf yaadichi gaariidha.

Dhimma kana hayyoonni ilaalanii maaltu akka hir’atuufi itti dabalamuu qabuurratti hojjechuu qabu. Fooyya’aa deema jedheen abdadhas. Yaadichi paartiin haaraa hundaa’e (Paartiin Badhaadhinaa) kan ittiin hogganamuudha jedheen fudha. Kanaaf ammoo yaadonni bu’uuraa achi keessa galaniiru. Paartichi kanarraa ka’ee sagantaalee adda addaa baasuu danda’a.

Charinnat Hundeessaatiin

Suurri Haddush Abrihaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

6 Comments to ““Gaaffiileen fincilaaf ka’umsa turan deebii agachuu qabu” -Doktar Diimaa Nagoo”

  1. Pingback: bk8
  2. Pingback: ขออย
  3. Pingback: EAP
  4. Pingback: cam chat
  5. Pingback: rca77

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *