Agarsiisa fayyaa iftaan eegalamuun namoonni kuma 30 tajaajila wal’aansa tolaa ni argatu

Finfinnee: Sadarkaa Afrikaatti isa jalqabaa kan ta’e agarsiisni fayyaa biyyoolessaa Finfinnee, galma Barkumeetti Wiixata, Sadaasa 22 hanga 24 bara 2012tti mataduree, “Fayyaa koo nan eeggadha” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu Waldaan Hojjechiistoota Dhaabbilee Fayyaa Dhuunfaa Finfinnee beeksise.

Daarektarri waldichaa, Aadde Efraataa Araggaa ibsa dheengadda Biiroo Fayyaa Finfinnee wajjin kennaniin, agarsiisniifi konfiransiin fayyaa biyyoolessaa guyyoota sadiif turu kun yeroo jalqabaatiif kan gaggeeffamudha jedhan.

Agarsiisa kanarratti wala’ansiifi qorannoo akaakuuwwan dhukkuboota kanneen akka dhiibbaa dhiigaa, ‘HIV/Edsii’, gadameessaa, ija, ilkaan, akkasumas dhukkuboota garagaraatiif ogeessota fayyaatiin kan kennamu gaggeeffamu ta’uus himaniiru.

Wal’aansa kanaan guyyaatti namoota kuma 10f tajaajila kennuuf kan karoorfate ta’uus eeranii, guyyoota sadan gaggeeffaman keessatti namoota kuma 30f tajaajila kennuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Agarsiisa kanarratti doktaroonni, ogeessonniifi dhaabbileen fayyaa biyyoota kanneen akka Hindii, Chaayinaa, Ameerikaa, Keeniyaa, Jarmaniifi kkf kan hirmaatan ta’uus daarektarittiin dubbataniiru. Kanaaf namni kamuu wal’aansa tolaa kana argachuu danda’u ibsaniiru.

Biiroo Fayyaa Finfinnee bakka bu’anii ibsa kan kennan Obbo Geetuu Bisawu gamasaaniin agarsiisni fayyaa akkasii yeroo jalqabaatiif geggeeffamuun bu’aa guddaa qaba jedhaniiru.

Kaayyoo ijoon agarsiisichaa wal’aansa tolaa kennuu cinaatti damee fayyaa addunyaatti beeksisuu, biyyoota gidduutti hariiroo uumuu, muuxannoo waljijjiruufi tajaajilli damee fayyaa dhuunfaatiin kennamu beeksisuu akka ta’e himaniiru.

Waldaan Hojjechiistoota Dhaabbilee Fayyaa Dhuunfaa Finfinnee bu’uura labsii lakkoofsa 377/96tiin kan hundaa’eefi Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa jalatti bara 2006 kan galmaa’eedha.

Wayinisheet Kaasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

2 Comments to “Agarsiisa fayyaa iftaan eegalamuun namoonni kuma 30 tajaajila wal’aansa tolaa ni argatu”

  1. Pingback: fake information

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *