Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaa badhaate dhugoomsuun fedhii bu’ura ummatashii dhugoomsuuf Kan hojjetu ta’uu Manni Marii ADWUI ibse.
Manni marichaa ibsa baaseen paartichi dagaagina aadaa dimokraasiitiif dhaabbilee hundeessuun bilisummaafi walqixxummaan sabootaa mirkanaa’ee lammiileen biyyattii hundaaf mirgisaanii kabajamee Itoophiyaa federaalawaa dimokraatawaa bu’uura cimaarratti hundeessuun dhimmoota ijoo paartichi qabsaa’uuf ta’uu eerera.
Gama hawaasummaatiinis dhaloota naamusaan qarame, naannawa jireenyaaf mijatu ciminaan akka hojjetu ibsameera.
Ergaa paartiilee deggartootaatiif dabarseenis boqonnaan seenaa deggartummaa cufamee gara haaraatti waan ce’ameef ciminaan hojjechuu qabna jedheera.
Manni marichaa ibsasaatiin paartiilee morkattootaafi ummatoota biyyattii hundaaf biyyattii gara badhaadhinaatti ceessisuuf heddummina keenya eegnee harka walqabannee hojjechuu qabna jechuun waamicha dhiyeesseera.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
49 Comments to “Paartii haaraan Itoophiyaa badhaate uumuuf hojjeta”