Maaliif Paartii Badhaadhinaa jedhame?

Koreen raawwachiistuu hojii Adda Dimokraasummaa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) walga’ii tibbana taa’een sanada qo’annoo walittti makamuurratti adeemsifame sagalee caalmaatiin raggaasiseera. Maqaansaas ADWUI irraa gara Paartii Badhaadhinaatti akka jijjiiramu irratti waliigalee akka ragga’uuf mana marii addichaa dhiyeenyatti geggeeffamuuf dabarseera.

Haaluma kanaan miseensi koree jidduu ADWUI, Obbo Fiqaaduu Tasamaa keessumaa ibsi isaan moggaasa maqaa paartichaarratti kennan akka ittaanutti dhiyaateera.

Wixinee seera danbii paartichaarratti maqaansaa “Paartii Badhaadhinaa” jedhamee eerameera. Haaluma wixinicharratti eerameen maqaa paartichaarratti waliigalteerra gahame. Badhaadhina jechuun ergaa hundagaleessa of keessaa qaba. Badhaaadhina siyaasaa, badhaadhina yaadaa, garagarummaa yaadaa, waldanda’uu, wajjummaa, obbolummaa, sirna federaalawaa biyyaalessaa wajjummaa cimsuu kan of keessatti qabateedha.

Badhaadhinni dinagdees jira. Badhaadhina dinagdee cimaa, hammataa,  qabeenyi  lammiileef karaa haqaqabeessa ta’een kan itti qoodamu, dinagdeen gabaa bilisaa cimaa (Pragmatic capitalism) kan ijaaru jechuudha. Badhaadhinni dinagdee haala kanaan hiikameera.

Badhaadhinni hawaasummaas jira. Itoophiyaan biyya duudhaa heddumminaa, aadaa, amantaa sabboonummaa qabduudha. Duudhaaleen kunniin cimuu qabu jedhee amana, paartichi. Dimshaashumatti badhaadhina jechuun fedhiifi hawwii ummatoonni biyya keenyaati, akkasumas kan ummatoota biyyoota ollaafi addunyaati. 

Ummanni kamuu hiyyummaa keessaa bahee siyaasaan, dinagdeefi duudhaadhaan badhaadhuu barbaada. Moggaasni paartichaas dhimmoota ijoo kanneen of keessaa qaba. Maqaan paartiichaa, Paartii Badhaadhinaa jedhamu kun salphumatti qabamuus danda’a.  

Seerri danbii paartichaa afaanota biyyattii hundaaf beekamtii guutuu kenna. Afaan tokko isa biraa hincaalu. Dhimmi kun heerarrattis tumameera. Paartichis akka paartiitti seera danbiisaarratti waa’ee afaanii tumateera. Paartiin Badhaadhinaa afaan laaldanee (multi organ)dha.

Haaluma kanaan afaan naannoleen afaan hojiisaanii taasifatanii heerasaaniirratti tumatan afaan paartichaati. Kanaanis Afaan Oromoo, Amaariffi, Tirgiffi, Somaaliffiifi Afaariffi afaan hojii Paartii Badhaadhinaati. Adeemsa keessa kanneen biroos qo’annoodhaan dabaluun yoo barbaachise banaadha jedhan. Paartiin Badhaadhinaa maqaa naannolee qabatee waajjira damee ni qabaata. Paartichi pirezidaantiifi pirezidaantii ittaanaadhaan hogganamu caasaalee adda addaas ni qabaata.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *