Finfinnee: Guyyaa ayyaana sabaafi sablammoota baranaa qopheessummaa Oromiyaatiin Finfinnetti kabajamurratti gareen aadaa Oromoo bifa addaatiin kan dhihaatu ta’uu jilli aadaa Oromoo beeksise.
Kabaja guyyaa sabaafi sablammootaa barana yeroo 14faf kabajamurratti adeemsifamu wantoota dur hinturre hedduu kan of keessatti hammate ta’uu kan eeran qindeessaa jilichaa Obbo Camadaa Balaay, kanaafis qophiin barbaachisu hundi xumuramaa jiraachuu kaleessa Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.
Jilli aadaa naannichaa yeroo ammaa magaalaa Adaamaatti sagantaa haala addaatiin adeemsifamu kanaaf qophii cimaa taasisaa jiraachuufi Sadaasa 26tti qophicha xumuranii Finfinnee kan galan ta’uu dubbataniiru.
Akka ibsa Obbo Camadaatti; jilli aadaa Oromiyaa bakka bu’u kun gareelee aadaa 10ti kan qoodame yoo ta’u, walumaagalatti qophichaaf namootni 104 filatamanii aadaa Oromiyaa bakka bu’u ni agarsiisu.
Sadaasa 28 agarsiisa aadaa daandii gubbaatti qophaa’urrattis Jilli Aadaa Oromoo adda durummaadhaan waa’ee aadaafi duudhaa sabichaa bifa agarsiisaatiin kan dhiheessu ta’uus ibsaniiru.
Ayyaanichi guyyaa heerri biyyattii itti ragga’e, Sadaasa 29 waggaa waggaadhaan kabajama.
Ayyaanichuma sababeeffachuun mariin naannolee lixaa hirmaachise Finfinneetti, kan bahaa Adaamaatti torban darbe keessa kan adeemsifame yoo ta’e, kan Itoophiyaa kaabaafi kibbaa walduraa duubaan Sadaasa 13-14fi Sadaasa 17-18 magaalota Samaraafi Hawaasaatti kan ittifufu ta’uun ibsameera.
Ayyaanni sabootaa baranaa mataduree, “Waadaa heerawaa keenya nageenya waaraaf” jedhuun qophiilee gara garaatiin kabajama.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
buy rybelsus http://rybelsus.tech/# Rybelsus 7mg
order Rybelsus