Finxaalessummaafi malaamaltummaa

Finxaalessummaan ilaalcha kan kiyya qofatu caala, kan anaan olii hinjiru yaada jedhuudha. Malaamaltummaan immoo of-jaalachuurraa dhimma madduufi karaa qaxxaamuraatiin duroomuu akkasumas faayidaan bitamuudha. Jarri kun lachuu dhibee guddaa qabsoo saba keenyaat turan.

Finxaalessummaafi malaamaltummaa jidduu walitti dhufeenya guddaatu jira. Jarri lachuu hannaaf haala mijeessu. Finxaalessummaan dawoo hannaati. Malaamaltummaanis kanuma.  Sabummaadhaan, Amantiidhaan, Godinaan, Aanaandhaan, Gandaan, Gooxidhaan, Gosaan, Lagaan,……. Qoodinsi murni muraasni qoqqoodaa oolu waan lama jiddugaleessa godhateeti. Kunis tokkoffaa hannaaf haala mijeeffachaa jira. Lammaffaan immoo hanni isaa akka irratti hinbaramneef burjaajii uumaa jira.  Malaamaltummaanis gartuu muraasa uumudhaan hannaaf haala mijeeffachuu fi hatuu muli’isa. Kanaaf finxaalessummaas ta’ee malaamaltummaan yaadota gufuu jijjiirrama biyya kanaa kan ta’aniidha. Dhibee kana balleessuf immoo falli; Tokkummaa, jaalala, haqaaf iddoo kennuu, dhugaa dubbachuu, dhugaa amanuu, dhugaaf hojjechuu, dhugaan qabsaa’uu, haqaan biyya gaggeessuu, ilaalcha uummatummaa qabachuu, ol’aantummaa seeraa kabajuufi kabachiisuu, jijjiirramaaf of qopheessuufi kkfdha.

 (Sisaay Dirribaa, Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Dagamirraa)

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *