Allaattii targaa maxxanfate, Noonnoo Sal’eetti

Guyyaansaa Sadaasa 05/2012 ture, wayita  namoonni   Aanaa Noonnoo Sal’ee, Magaalaa Birbirsaarraa gara  Ganda Kombolchaatti  hojiif imalaa jiranitti bosona gandicha keessatti  argamutti allaattii koodii addaa qabdu argan.

Allaattiin kun koodii addaatiin kan faayame yoota’u,  miillisaa lamaan amartii kan qabu, lakkoofsa addaa ‘T4542’ haala taargaatiin maxxanfame kan ofirraa qabuudha. Namoonni akaakuu allaattii kanaa argan battaluma sanaan gara waajjira poolisii geessuun akka dhimmichi ilaalamu taasisan.

Allaattii kanarra lakkoofsa  cinaatti maqaan biyyaa Poolaandi jedhullee jiraachuu kan eeran Waajjira Poolisii Aanaa Noonnoo Sal’eerraa  Saajin Balaachoo Nagaash, allaatichi paarkii bineensotaa keessaa badee dhufuu akka malu shakkiisaanii ibsaniiru.

Yeroo ammaa allaattiin kun akaakuu nyaataa kennameef kamuu lagachuurraan kan ka’e, galgaluma sana du’uusaa Waajjirri Poolisii Aanaa Noonnoo Sal’ee beeksiseera jechuun Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Naannoo Sal’ee odeeffannoo Gaazexaa Bariisaatiif ergeen addeesseera.

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

One Comment to “Allaattii targaa maxxanfate, Noonnoo Sal’eetti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *