Aadaa keenya

Aadaan wantoota eenyummaa saba tokkoo ibsan keessaa isa tokko. Kunis hiika bal’aafi qabiyyeewwan hedduu kan of-keessatti qabatuudha. Fakkeenyaaf aadaa nyaataa, uffataa, sirbaa, kabaja ayyaanaa, sirna gaddaafi gammachuu, akkasumas haala fuudhaafi heerumaa hunda ilaala.

Kanaafuu, ‘Aadaa Oromoo’ yommuu jennu kanneen kanaafi kkf hunda jechuu keenya. Sabni tokko qabiyyeefi haala raawwii aadaasaatiin sabaafi sablammoota biroorraa adda ta’ee beekama. Aadaawwan tokko tokko walfakkaachuu malanillee, hedduun garuu saboota muraasa qofa biratti argamu.

Fakkeenyaaf sirni bulchiinsa Gadaa aadaa Oromoo keessaa isa tokko. Kun saboota biroo biratti gonkumaa hinbeekamu. Kanaaf aadaafi duudhaa keenya ganamaa kanneen akka sirna Gadaa duudhaalee ciccimoo isa jala jiran cimsuun daran barbaachishaadha.

Akkuma beekamu sirni bulchiinsa, hariiroo hawaasummaafi eegumsa naannawaa keessatti iddoo olaanaa waan qabuuf tikfamuu qaba. Kana malees aadaan Oromoo kanneen akka ilaafi ilaamee keessumaa haala ammaan tana biyyi keenya itti argamtuuf daran barbaachisaa waan ta’eef ittifayyadamuun murteessaadha.

Duudhaa Oromoo kanaan hangafti ni gorsa, ni eebbisa, karaa agarsiisa; abbootiin Gadaafi maanguddoonni ni araarsu, nagaa labsu; xiqqaan ni ajajama, gorsa fudhata, yoo karaarraa goreera ta’e ni deebi’a, guddaasaa ni dhagaha, hangafa ni kabaja. Kanaaf aadaafi duudhaa keenya gabbataa haa eeggannu, kunuunsinu, itti haa jiraannu.

(Saalii Sayiid A/Booraa, Waajjiraa Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Aanaa Geeraarraa)

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

4 Comments to “Aadaa keenya”

  1. Pingback: jarisakti
  2. You actually make it appear really easy together with your presentation but
    I find this matter to be actually something that I believe I would by no means
    understand. It sort of feels too complex and very vast for me.

    I’m taking a look forward for your next put up, I’ll try to get
    the dangle of it! Escape room lista

  3. I was looking at some of your posts on this internet site and
    I believe this web site is real informative! Continue putting
    up.!

  4. Pingback: burnout

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *