Walitti makamni taasifamaa jiru tokkummaa ummataa kan eegsisuudha jedhame

Finfinnee: Ce’umsi ADWUIn gara walitti makamuutti taasisaa jiru tokkummaa ummatootaa eegsisuuf faayidaa olaanaa kan ta’uu hayyoonni Yunivarsitii Baahidaar ibsan.

Haala ammaan tana biyyattiin keessa jirtuun walitti makamuun miseensota addichaa filmaata kan qabne ta’uus hayyoonni kunniin ibsaniiru.

Yunivarsitichatti barsiisaafi qorataan afaaniifi kominikeeshinii Doktar Gaashaawu Wadaaj akka jedhanitti, addichi gara walitti makamuutti dhufuun lammiilee jidduutti miira walqixxummaa gabbisuun hirmaannaan siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee akka guddatu gochuuf faayidaa biyyaafi ummataa kabachiisuu dandeessisa.

Keessumaa hirmaannaa dhaabbileen siyaasaa Naannolee Affaar, Somaalee, Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaa bakka bu’an gama filachuutiinis ta’e filatamuutiin taasisan cimsuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.

Hayyuun yunivarsitichaa biroon Doktar Darajjee Nagada jedhaman gamasaaniitiin, yaadaafi ilaalcha finxaalessummaa paartiilee ADWUI keessatti mul’atu maqsuuf walitti makamichi ni gargaara jedhaniiru. Adeemsichi miira iftoominaa, gaafatamummaafi hirmaannaa kan uumu ta’uu Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.

Gama biraatiin sanada walitti makamicha ABUTn ala miseensonni ADWUI sadan hafan sadarkaa koreelee jiddugaleessaasaaniitti raggaasisuusaanii waajjirri addichaa ibseera.

Waajjira ADWUItti Ittigaafatamaan Dhimmoota Paartiilee Siyaasaafi Siviikii Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, bu’uura kallattii yaa’ii dhaabbatummaa 11fa irratti  kaa’ameen walitti makama addichaa dhugoomsuuf qorannoo taasifamerratti mariin sadarkaa sadarkaadhaan adeemsifameera. Kanaanis dhimmmoonni carraafi yaaddoodha jedhaman tokko tokkoon ilaalamanii ABUTn ala ODP, ADPfi SDUIK koree jiddugaleessaasaaniitiin raggaasisaniiru.

Paartiileen deggartootaas sadarkaa raawwachiistuufi koree jiddugaleessaasaaniitti sadarkaa sadarkaan mari’atanii walitti makamichi akka hojiirra oolu murteessuusaaniis beeksisaniiru.

Walilitti makamuun ADWUI dhaabbatichi bu’uura ummatummaa akka qabaatuufi paartii lammiilee biyyattii hundaa akka taasisu kan ibsan ammoo Waajjira Jiddugaleessaa ADPtti Ittigaafatamaa Damee Gurmaa’inaa Obbo Abrahaam Allahanyi.

Addichi hanga ammaatti olaantummaa dhaabbilee biyyaalessaa afurii qofti kan irraa calaqqisaa ture ta’uus eeranii, kanneen deggartoota jedhamanii moggaafaman odeeffannoofi kallattii ADWUI irraa fudhachuu malee hirmaannaa kallattii qabaachaa akka hinturre ibsaniiru. Guutummaa ibsa Obbo Fiqaaduu Katamaa Fuula Tibbanaarraa argattu.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

4 Comments to “Walitti makamni taasifamaa jiru tokkummaa ummataa kan eegsisuudha jedhame”

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: Bilad Alrafidain

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *