“Paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun tokkummaa biyyaalessaa uumuu keessatti gahee olaanaa qabaata” – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Gaaffiin walitti makamuu paartiilee ADWUIfi paartii biyyaalessaa tokko hundeessuu amma utuu hintaane yaa’ii dhaabbatummaa 5fa ADWUIn waggaa lama lamaan geggeessurraa eegalee ka’aa tureera. Yaa’ii dhaabbatummaa 10fa ADWUI Maqaleetti adeemsifamerratti ammoo walitti makamicha raawwachuuf qorannoon adeemsifamuu akka qabu yaadni ka’ee kan ture yoo ta’u, yaa’ii dhaabbatummaa 11fa addichaa bara 2011 Hawaasaatti adeemsifamerratti ammoo qo’annoonsaa dafee akka xumuramuuf kallattiin kaa’amuu ibsa Waajjirri ADWUI.

Waajjirichatti Ittigaafatamaan Paartiilee Siyaasaafi Dhimmoota Siivikii Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa Wiixata darbe addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, mormii ummatni biyyattii daangaadha hanga daangaatti taasisaa tureen biyyattiitti labsiin yeroo hatattamaa yeroo lama labsameera. Kanarraa ka’uun ADWUIn gamaggama geggeesseen rakkoolee guguddoo addaan baasuun  kallattiiwwan gara garaa kaa’eera.

Dirreen siyaasaafi dimokraasii dhiphachuun, federaalizimii dhugaa hojiirra ooluu dhabuun, paartiileen ADWUI hundi dhimma biyyaarratti walqixa murtii kennuu dhabuun, paartiileen deggertoota ADWUI shananis dhimma biyyaarratti qixa murtii kennuu dhabuun, ittifayyadamummaafi bakka bu’ummaa haqa qabeessi jiraachuu dhabuun, rakkoolee guguddoo adda ba’aniidha.  

Haalli yeroo ADWUIn hundaa’e  biyyattii keessa tureefi amma jiru tokko miti. Wayita ADWUIn hundaa’etti saboonniifi sablammoonni hiree ofiin of bulchuu, afaan ofiitiin fayyadamuu heeraan beekamtii akka argatuuf ture.  Kun ammoo heera bara 1987 ragga’een  deebii  argateera. Yeroo sanaa eegalee gaaffiin sabummaa  heeraan deebi’eera. ADWUIn yeroo sanaa eegalee gurmaa’inasaa jijjiirrachuu qaba ture. Heerichis hawaasa siyaas-dinagdee tokkoo uumuun barbaachisaa ta’uu ibsa jedhu Obbo Fiqaaduun.

Biyyoota  addunyaa sirna federaalizimii hordofan 28 ta’an keessaa ummatni addunyaa tokko sadaffaa ta’u sirna federaalizimiitiin bula. Biyyoonni kunneen paartii biyyaalessaa kan hundumtuu qixa irratti hirmaatuufi dhimma biyyaarratti qixa murtii kennu tokko kan qaban yoo ta’u, paartiilee siyaasaa eenyummaa sabaatiin gurmaa’an garuu hinqaban. Itoophiyaan garuu haala adda ta’een paartiilee siyaasaa eenyummaa sabaatiin gurmaa’an kan qabdu yoo ta’u, paartii biyyaalessaa tokko kan bakka bu’ummaa haqa qabeessaafi hundumtuu dhimma biyyaarratti walqixa murtii kennu hinqabdu. Kun ammoo paartiin ADWUI sirna federaalizimii dhugaa hojiirra oolchaa kan hinjirre ta’uu agarsiisa waan ta’eef paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun  barbaachisaa ta’uu himu.

Dhimmoota waliiniirratti walqixa murtii kennuun paartiilee ADWUI keessa hinturre. Hiree ofii ofiin murteeffachuurrattis gidduu galuun tureera. Hundumtuu dhimma biyyaa murteessuurratti walqixa hirmaachaa hinturre. Biyyattiitti federaalizimii dhugaan hojiirra oolaa hinturre. Biyyattiitti federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuuf muuxannoon biyyoota federaalizimii dhugaa hojiirra oolchanii fudhanneerra. Muuxannoosaanii akkuma jirutti fudhachuu utuu hintaane haala qabatamaa biyya keenyaa rratti hundaa’uun akka hojiirra oolu ni taasifama jedhu Obbo Fiqaaduun.

Paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun mirgoota eenyummaa, hiree ofii ofiin murteeffachuu, ofiin of bulchuu, afaaniifi aadaa ofiitti fayyadamuu kan daangessu utuu hintaane, saboonniifi sablammootni Itoophiyaa hundi bakka bu’ummaa haqa qabeessa akka qabaataniifi dhimma biyyaa irratti walqixa murtii akka kennan kan taasisuudha. Haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruun eenyummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa walitti araarsuun dirqama ta’a. Tokkummaan biyyaalesaa yoo hinjiraane eenyummaan biyyaalessaa jiraachuu hindanda’u.  Kanaafuu dhimmoota kana lamaan walitti araarsuufpaartii biyyaalessaa tokko hundeessuun barbaachisaadha jedhu.

Paartii biyyaalessaa tokko hundeessuu keessatti hayyoonniifi qorattoonni  yuunivarsitii damecharratti  muuxannoofi beekumsa gahaa qaban qorannoo taasisuudhaan hooggantoonni ADWUI akka irratti mari’ataniif dhiyeessaniiru. Paartii biyyaalessaa kana hundeessuun tokkummaa biyyaalessaa uumuu,  eenyummaa sabaa kabajuu, federaalizimiin dhugaa akka hojiirra oolu taasisuufi jijjiiramni eegalame akka itti fufu keessatti faayidaa olaanaa kan qabu ta’uusaa eeraniiru.

Nannoo saboota, sablammootaafi ummattoota  Kibbaatti paartiileen siyaasaa 20 walitti makamaanii paarttii saboota, sablammootaafi ummattoota Kibbaa 56 bakka bu’u paartii tokko hundeessaniiru.  Naannoo Gaambeellaattis paartiileen siyaasaa shan walitti makamanii paartii tokko ta’aniiru. Paartii biyyaalessaa tokko hundeessuuf muuxannoo biyya keessaafi alaarratti hundaa’uun raawwatama. Walitti makamuudhaan paartii biyyaalessaa tokku hundeessuu kun tokkummaa biyyaalessaa uumuu, jijjiirama biyyattiitti mul’achaa jiru itti fufsiisuu, misoomniifi nageenyi waaraan akkasumas federaalizimiifi dimokiraasiin dhugaa akka jiraatu kan taasisu ta’uu dubbatu.

Hanga eenyummaa sabaarratti hojjenne tokkummaa biyyaalessaa uumuurratti hinhojjetamne kan jedhan Obbo Fiqaaduun, walqooduufi jibbiinsi ammayyuu rakkoo biyyattii ta’ee ittifufeera. Paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun gara tokkummaatti dhufnee gaaffiin sabootaafi sablammootaa akka deebi’u, eenyummaasaaniitiin akka boonan, hiree ofii ofiin akka murteeffatan, ofiin akka of bulchan, caasaa mootummaa federaalaa hordofanii federaalizimii dhugaa eenyuyyuu gidduu hingalle akka hojiirra oolchan kan taasisuufi dhimma biyyaarratti ammoo qixxee akka hirmaataniifi murteessan  kan taasisu ta’uu himu.  

Akka Obbo Fiqaaduun jedhanitti, haala kanaan dura tureen paartiilee ADWUI afran gidduuttiyyuu walqixa dhagahamuufi murtii kennuun hinturre. Bakka bu’ummaa haqa qabeessis hinturre. Walitti makamuufi paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun ummata biyyattii hunda fayyadamoo kan taasisu akkasumas eenyummaasaatiin akka boonuufi federaalizimii dhugaan akka hojiirra oolu kan taasisuudha. Federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuu jechuun ammoo naannoon hiree ofii ofiin akka murteeffatuufi dhimma biyyaarratti immoo walqixa akka murteessu kan taasisuudha jedhaniiru.

Jijjiiramni hooggansaa kun utuu hintaasifamin dura walittimakamuufi paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun kun dafee akka raawwatuuf tattaafachaa kan ture paartii ABUT kan jedhan Obbo Fiqaaduun, jijjiirama hooggansaa booda ‘ni hoogganuu baannaan walitti makamuu kana mormuun gatii hinqabu. Paartiin kun kaayyoo dhokataa biraa qabaachuu baannaan walitti makamuu kanatti waanti isa mufachiisu jiraachuu hinqabu. Walitti makamuufi paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun yaa’ii dhaabbatummaa 11fa ADWUI irratti sagalee guutuudhaan kan ragga’eedha jedhu.

Hanga ammaatti walitti makamichi hinbarbaachisu jedhee adda durummaan  kan morme hinjiru. Dura taa’aafi ittaanaa dura taa’aa paartiileen miseensa ADWUI, hojii raawwachiiftonniifi koreen giddugaleessa ADWUIfi koreen giddugaleessaa paartiilee deggertootaas sanada qorannoo paartii biyyaalessaa tokko hundeessuuf dhiyaaterratti mari’ataniiru. Walitti makamuufi paartii biyyaalessaa tokko hundeessuurratti hundumtuu hubannoo akka qabaatuuf miseensota biroofi ummata  mariisisuuf qophiirra jiraachuuus himaniiru.  

Sanada qa’annoo paartii biyyaalessaa tokko hundeessuurratti ABUTn ala miseensonni kuuniifi deggertoonni shanan irratti waliigalaniiru. Walitti makamuufi paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun kun ofiin of bulchuu naannolee gaaffii keessa hingalchu; hiree ofii ofiin murteeffachuusaanii gidduus hingalu. Maqaan paartii kanaas irratti mari’atamaa jira.

Paartiin ABUT yeroo fudhatee sanada qo’annichaarratti waliigaluu yoo barbaade ykn tasumaa hinbarbaadu yoo jedhes mirgasaati. Dirqamaan walitti makamuun hinjiru. Walitti makamuun kun tokkummaan biyyaalessaa uumuu, dimokiraasii babal’isuu, federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuu,  nageenya,  misoomaafi guddina fiduuf kallattii  waliin kaa’annee hojjechuuf gargaara. Paartiileen yaada kanatti waliigalaniifi deggeran walitti makamu. Yaadichatti kan walii hingalle ammoo yeroo fudhatee itti yaaduufi xiinxaluu danda’a. Yoo na hinbarbaachisu jedhes itti dhiisuu danda’a. Walitti makamuun paartiilee kun filannoo biyyaalessaa barana adeemsifamuun dura kan raawwatamu ta’uus himaniiru.

Paartii haaraan hundaa’u injifannoowwan gama hawaasummaa dinagdee, siyaasaafi dippilomaasiitiin argame kan ittifufsiisu ta’uufi rakkoolee gama dimokraasii, mirga namummaa, hattummaa gurmaa’e, sabaafi saba gidduutti walitti bu’iinsa uumuufi jibbiinsa facaasuu furuurratti xiyyeeffata. 

Jijjirama kana kan fide ummata Itoophiyaati. Dimokraasiifi federaalizimiin dhugaa akka hoiirra oolu, shororkeessummaa akka hinjiraanne, namni kamuu ilaalcha siyaasaatiin akka hinqabamneefi hinhidhamne, sarbamuun mirga namummaa akka dhaabbatu, bakka bu’iinsi haqa qabeessi akka jiraatuuf ummatni gaafachaa tureera. Mormiifi gaaffii ummatni daangaadha hanga daangaatti kaasaa tureenis ADWUI keessatti jijjiiramni uumameera.

Jijjiirama hooggansaa taasifameenis namoonni sababa ilaalcha siyaasaatiin hidhaman hiikamaniiru, paariileen siyaasaa shororkeessitoota jedhamaa turanis maqichi irraa kaafamee gara biyyaatti akka galan taaasisuudhaan gaaffiileen ummataa deebii akka argatan ta’aa jira.

Ida’amuunis yaada jijjiirama biyyattii ittiin hoogganamuudha. Yaadni ida’amuu madaallii mormiifi dorgommii gidduu jiru akkasumas eenyummaafi tokkummaa biyyaalessaas gidduu jiru kan eeguufi Itoophiyaanonni rakkoolee  isaan mudatan waliin akka furan kan taasisuudha. Akkasumas dogoggoroota seenaa turan sirreessuufi Itoophiyaa haaraa ijaaruurratti kan xiyyeeffatu ta’uu himu Obbo Fiqaaduun.

Natsaannat Taaddaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

4 Comments to ““Paartii biyyaalessaa tokko hundeessuun tokkummaa biyyaalessaa uumuu keessatti gahee olaanaa qabaata” – Obbo Fiqaaduu Tasammaa”

  1. Pingback: ấu dâm
  2. Pingback: w69
  3. Pingback: Science

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *