“Omisha qonnaa keenya gara qindeessuutti ceessisaa jirra”

  • Hoji gaggeessaa Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Bachoo Walisoo

Waliso: Guddiftuu callaa dhiheessuufi raabsuun hojii jalqaba Yuuneenii Qonnaan Bultoota Bachoo Walisoo geggeessaan hojii yuniyeenichaa Obbo Urgeessaa Atoomaa ibsan.Omisha qonnaan bulaarra bitanii gurguruu bira darbee yeroo ammaa  hojii adeemsaatt( processing) seenuuf qophaa’aa jiraachuus ibsaniiru.

Akka jalqabaatti warshaa shumbiraa qindeessee baasu dhaabuuf hojiin qorannoo gaggeeffamaa kan jiru ta’uufi bu’aa qorannichaa irraa ka’uudhaanis  gara hojii ijaarsaatti galuuf haaldureen xumuramaa jiraachuu ibsu.

Omishoota biroo kanneen akka qamadiifi xaafiis haaluma kanaan qindeessuuf kan karoorfame ta’uus Obbo Urgeessaan himaniiru.

Akka ibsa Obbo Urgeessaatti; yuneenichi jalqaba kaappitaala xiqqaafi miseensota waldaalee bu’uraa 10 qofaan  hundaa’e yemmuu ta’u, miseensotni waliigalaas kuma 11 kan hincaalle ture.

Yeroo ammaa garuu kaappitaala birrii kuma dhubba tokkoon eegalee abbaa kaappitaala miiliyoona dhibba tokkoofi  kuma 23 ol ta’uu danda’eera jedhan.

Dabalataanis warshaa pilaastikii akaakuuwwan adda addaa omishi qarshii miiliyoona 56 oliin ijaarsise kan horate yemmuu ta’u, tanaan dura kiraamana kuusaatiif waggaatti qarshii miiliyoona sagal baasaa turre amma ofii ijaarannee baasii sana hambifneerra jedhu.

Geejjibaafis dur waggaatti qarshii miiliyoona torba bahaa kan ture yemmuu ta’u, yeroo ammaa konkolaataawwan fe’iisaa guguddoo jaha bitachuudhaan baasiin sun hafuu ibsan.

Yuneenichi bara darbe bu’aa qulqulluu qarshii miiliyoona 13.3 ta’u argateera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

2 Comments to ““Omisha qonnaa keenya gara qindeessuutti ceessisaa jirra””

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *