Misooma jallisii baranaatiin qamadii omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira

Adaamaa:  Naannoon Oromiyaa misooma jallisii marsaa tokkoffaafi lammaffaatiin lafa hektaara kuma 564fi 961.87 misoomsuudhaan omisha kuntaala miliyoona 88fi kuma 981fi 038. 8 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

Hoggannaan biirichaa Obbo Dhaabaa Dabalee akka jedhanitti,  qonna keenya hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf misooma jallisii xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Omisha qonnaa dachaadhaan guddisuufis pirojektoota jallisii babal’isuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Misooma jallisii baranaatiin keessumaa waggaatti yeroo lama ol qamadii omishuuf dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiruudha.   

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Arsii Obbo Abbaabuu Waaqoo akka jedhanitti,godinichattipiojektoonni jallisii hedduun barana xumuramanii hojii jalqabu. Misooma jallisii baranaatiin lafa hektaara kuma 80 misoomsuudhaan omisha kuntaala miliyoona 22 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kanaan dura misooma jallisiitiin qamadii omishuun kan hinbaratamne ta’us bara kana aanaalee godinichaa shan keessatti qamadii omishuuf hojjetamaa jiraachuu himan.

Lafa jallisii hektaara tokko misoomsuun qarshiifi humna guddaa waan gaafatuuf mootummaan qonnaan bulaaf tajaajila qarshii liqii mijeessaa jira kan jedhan Obbo Abbaabbuun, hojiin misooma jallisii omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurra darbee carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Kabbadaa Dabaloo akka jedhanitti, barana bishaan lafa jalaa, boollaafi yaa’an fayyadamuudhaan jallisii aadaafi ammayyaa marsaa tokkoffaafi lammaffaadhaan lafa hektaara 40 misoomsuudhaan omisha kuntaala miliyoona shan argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kanaan dura misooma jallisiitiin qamadii omishuun kan hinbaratamne ta’us barana  misooma jallisiitiin qamadii omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kunis fedhii qamadii biyya keessaa guutuuf kan gargaaru ta’uu himu.  

 Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

4 Comments to “Misooma jallisii baranaatiin qamadii omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *